Wantota 10 BBCn akka uumamu taasisan waggaa 100ffaa hundeeffama isaarratti yeroo yaadatamu

wantoota BBC akka eegalu taasisan keessaa

Dhaabbanni Biritiish Biroodkaast Korporeeshiin (BBC) waggaa100ffaa hundeeffama isaa kabajataa jira.

Miidiyaan addunyaarratti isa guddaa ta'e kun Onkoloolessa 18 bara1922tti Ingilaand Magaalaa Landanitti hundaa'e.

Yeroo sanaarraa kaasee seenaa dheeraa, wantoota gammachiisoo fi haalawwan gara garaa ta'ee keessa darbe.

Wayita dhaabbatichi waggaa 100ffaa isaa kabajaa jiru kanattis- yeroo murteessoo, wantoota baayyee adda ta'aniifi namoota BBC akka hundaa'u taasisan duubatti deebii'uun yaadata.

1. Buufata Raadiyoo BBC jalqabaa

Buufata raadiyoo jalqabaa

BBC'n buufataaleen shaakaltootaa hedduun Landan keessatti cufamu hordofuun Sadaasa 14, 1922 tamsaasa raadiyoo guyyuu tamsaasa eegale.

Sangantaa inni jalqabaa sa'aatii 18:00 GMT tamsaasa oduu eejjansiiwwan oduutiif dhiyaateedha. Tamsaasi kunis raagaa qilleensaa, kan tajaajila haala qilleesaa biyyaaleessaa UK, kan Biiroo Met jedhamuun qophaa'een hordofee dhiyaate.

Afaan Ingiliziitiin kan dhiyeesse Daarektara Sagantaalee BBC kan ture Artur Buroowus ture.

Buruuwus oduu kan dubbisu yeroo lama ture, innis yeroo tokko saffiisaa, ittaansee ammoo dhaggeeffataan akka yoo barbaadan yaaddannoo qabataniif suuta jedhe dubbisa ture.

2. Jalqabbii BBC Tajaajila Idil-addunyaa (BBC World Service)

 Mootiin Joorji shanaffaan dhaamsa ayyaana yeroo jalqabaa dabarsan

Madda suuraa, Getty Images

Mudde 19,1932 Mootii Joorji shanaffaan yeroo jalqabaatiif ergaa baga guyyaa dhaloota Iyyasuusin isin jgahee edhanii hawaasa UK fi addunyaa kaaniif dabarsan.

Tamsaasa dambalii gabaabaa addatti hawaasa Impaayera Ingilizii keessatti Afaan Ingliffaa dubbatan irratti kan fuulleeffate ture.

Dhaabbatichi tamsaasni isaa ''dhiirotaa fi dubartoota'' biraan gahuurratti kan qiyyaafate ta'ullee tamsaasni dhaabbatichaa sagaleen dhiyaatu cabbii, gammoojjii, galaanaan addaan cicitaa ture.

Haasaan kun kan labsii Tajaajila Impaayeera BBC (kan amma BBC World Service) jedhamuun beekamu ture.

Gaazixeessitu BBC Afgaan gameetti Saaanaa Saafiin Mootii Chaarlis sadaffaa fi giiftii Kaamilaa wajjin istuudiyoo BBC suura ka'an

Madda suuraa, Getty Images

Tajaajilli BBC Idil-addunyaa amma iddoowwan qaqqabuun, afaan ittin tamsaasuu fi dhaggeeffattoota hedduu qabaachuun, addunyaarratti tamsaasa alaa isa guddadha.

BBC'n sadarkaa idil-addunyaatti afaan 40 oliin kan tamsaasu yoo ta'u, tajaajilli isaa karaa onlaayinii, karaa miidiyaa hawaasaa, TV fi raadiyootiin hordoftoota bira qaqqabaa jira.

3. Maayikiraafonii BBC addatti yaadamu

 Maayikiraafonii gosa 'A' J jedhamuu fi diraamaa fi fiilmii Biritiish irratti argamu

Maayikiraafoniin bara 1930mota gabaarraa bitamu garmalee qaalii kan ture yoo ta'u, BBC'n dhaabbata Maarkoonii jedhamu waliin ta'uun maayikiraafoonii ofisaatii tolfate.

Bara 1934 maayikiraafooniin gosa 'A' jedhamu tamsaasa miidiyaarratti jijjirrama fide.

Maayikiraafooniin hojjatame kun turtii waggoota dheeraa keessa fooyyaa'aa adeemuun 'classic BBC microphone maqaa jedhu argate.

Maayikiraafonii gosa 'A' jedhamuu kun diraamaa fi fiilmii Biritiish hedduurratti sana booda mul'ate.

4. BBC Afaan Arabaa tamsaasa BBC afaanota adda addaan tamsa'u keessaa kan jalqabaa ta'e

 Ahimad Kamaal Suruur Effendi bara 138 tamsaaasni BBC afaan Arabaa yeroo jalqabu sagalee isatuu qilleensarra oole

BBC Tajaajiilli Afaan Arabaa, tamsaasa Korporeeshinicha kan afaanota biroo keessaa bara 1938 tamsaasa eegale.

Ahimad Kamaal Suruur Effendi, raadiyoo Masrii irraa gara BBC Tajaajiila Afaan Arabaa dhufe.

Effendin tajaajilli Afaan Arabaa akka jaalamu taasise, achumaan biyyoota Arabaatti namoota hedduu jaalataman keessaa tokko ta'e.

Amma BBC tamsaasni idil-addunyaa afaanota 40 oliin tamsaasa

Madda suuraa, Getty Images

Tamsaasni afaanota birootiin waggoota kurnaan ittaanaan karaa raadiyoo fi sagantaalee TV addunyaatti beekame. BBC Online, ammoo bara 1997 dhalate, achii tamsaasa afaanota biroon kennamu bira qaqqabe.

Miidyaaleen hawaasa jalqabamuu hordofuun BBC News fi BBC tamsaasni idil-addunyaa toorawwan garaa garaatti guddataa dhufe.

Yeroo ammaa kanatti BBC tamsaasni idil-addunyaa qabiyyee isaa gama dijitalaarratti xiyyeeffatera.

5. Qopheessituu BBC dubartii gurratti jalqabaa

Unaa Marson, BBCtti Dubartiii gurraatti jalqabaa ta'uun seenaa hojjatte

Unaa Maarson BBCtti dubartii qophessituu jalqabaa ta'uun seena hojjatte. Unaan, dhaloonni ishee Jamaayikaa yoo ta'u, bara 1939 BBCtti hojii wayita eegaltu gaazixeesituu muuxannoo qabdu turte.

Jalqaba gargaartuu ta'uun TV masaraa Aleeksaandiraa ta'uun hojjatte, taatullee BBCtti idileen hojjachuun kan eegalte Bitootessa 1941 gargaartuu qophii sagantaa ta'uun dippartimentii "Empire Programmes'' jedhamu hojii eegalte. 6. Goolabamuu waraana addunyaa lammaffaa

Suraa xumuramu waraana addunyaa

Madda suuraa, Getty Images

Caamsaa1, bara 1945 BBC'n Aldoolf Hitilar of ajjeesuu isaa beeksise. Guyyaasana galgala sagantaan BBC addaan citee warri Jarmanootaa Xaaliyaanitti harka kernnachuun isaanii himame.

Caamsaa 4, ammoo warri Jarmanootaa Deenmaarkitti harka kennatan, waraanichi achumaan goolabame.

Guyyoota muraasaaf garuu waraanni addunyaa lammaffaa sun goolabamuun isaa shakkisiisaa ture. Caamsaa7, 1945 namoonni masaraa Baakingihaam duratti walitti qabamanii turan, taatullee oduun akka biyyattii eegamaa ture hin dhiyaatiin hafe.

Biritiish injifatamuu Naazii jarmanii warrii Ameerikaa fi Raashiyaa akka mirkaneessan eegaa turte.

Waraannii Awuurooppaa keessatti xumura argate. Ministti Muummee Biriteen Winisteen Charchil guyyaa ittaanu ibsa kennan, dhaggeeffattoonni hedduun ni gammadan. Namoonni hedduun karaatti bahanii gammachuu isaanii ibsantan.

7. Tamsaasni Televizhiniin BBC addunyaa walitti hidhe

Tmasaasa TV BBC yoo eegaleetti

Bara 1967 sagantaan TV ''Our World'' jedhu haala milka'aan tamsa'uun seena keessatti galmaa'e.

Tamsaasni kun otoo qilleensarra hin oolfamiin dura Televizhiniin saatalayiitiin tamsa'u biyyootta muraasa qofa kan walitti fide yoo ta'u, harka caalu inniyyuu yaaliif ture.

Fakkeenyaaf BBC'n addunyaarratti idileen televishinii high definition" qabu tamsaasuun miidiyaa isa jalqabaati.

Garee muuziqaa

Madda suuraa, Getty Images

Konsartiin muuziqaa 'rook' Boob Gledoof fi Migi Ure tiin maalaqa gargaarsaa beela Itoophiyaa keessa ture gargaaruuf qindaa'e.

BBC'n biyyoota 60 keessatti daawwattoota miliyoona 400tti dhiyaatan qabaachuun, hidhata gama tamsaasa saatalaayitii guddaa qabaachuun milkaa'ina guddaa argateera.

8. Iccitii dibaabee summaa'e

Dibaabee gaazixeessaa BBC tamsaasa idil-addunyaa galaafate

Madda suuraa, International Spy Museum

Meeshaan asii olitti sargitan kun dibaabee gaazixessaa BBC tamsaaasa idil-addunyaa Joorji Maarkoov gaalafate.

Fulbaana 7, bara 1978 Maarkoov bakkaa hojii isaa BBC , Landatti argamu otoo dhaquu namni dibaabe tolchu miilasaa duubaan waraane baqate.

Sabna booda Markoov garmalee dhukkubsatee hospitaala seene, gar boodaa basaastota Bulgaariyaatiin summmeeffamuun isaa barame. Guyyaa sadiin booda Markoov daa'imaa isaa ganna sadiirraa umrii gannaa 49 du'aan boqote.

Ajjeechaa isaaf namnii seeratti dhiyaate murtiin itti keename hin turre.

9. Badhaasa Ispoorteessaa cimaa Afrikaaf waggaatti wal dorgomsiisuun kennamu

Dorgommii badhaasa waggaa ispoortii Afrikaa

Dorgommichi badhaasa gama ispoortiin namoota ga'umsa olaanaa mul'iisaniif waggaatti kennamu.

Namoota badhaasicha kanaan dura inijfatan keessatti lammiin Masrii Mohaammad Saalaa kan bara 2018 badhaafame fa'aa ni argama.

Bara 2001 irraa kaasee badhaasichi taphattoota kubbaa miilaaf qofa kennamuu eegale. Bara 2021 immoo 'African Sports Personality of the Year' jedhame irra deebiin haarofame.

10. Deevid Attenburoo fi dachee magariisa

 Deevid Attenburo gama dikimantarii 'wildlife' ilaallatuun badhaasa heddu argate

Madda suuraa, Getty Images

Deevid Attenburoon, nama ogeessa waa'ee uumama addunyaa yoo ta'u, dokimeentarii bineensota daggalaarratti xiyyeeefatuu fii ganna 80tti qaxxamure dhiyeesuun beekama. Akkasumalee sagalee isaa haalan miidhaguun beekama.

Sagantaalee inni qopheessuu kanneen akka 'Blue Planet,' 'Life collection' jedhu fi 'Natural World' jedhaman namoota miliyoonaan lakkaa'amanitu daawwata. Deevid Attenburoon badhaasota hedduus ittiin injifateera.

Deevid Attenburoonbara 1960 keessa sagantaalee isaa jalaataman dhiyeessuu kan eegale, booda maanejara gameessa Korporeeshinichaa ta'uun tajaajile.

Deevid Attenburoon waa'ee jijjirama qilleensa baramaa namoota barsiisuu keessatti gumaacha qabuuf Badhaasa Sagantaa Kunuunsa Naannoo Dhaabbata Biyoota Gamtoomanii beekamtii argatera.