Daayimandiin diimadii guddaan waggootii 300 Angolaatti argame

Daayimandiin halluu diimadii (pink), salphaatti hin argamnee fi ulfaatina giraamii 34 qabu, waggootii 300 darban keessatti isa guddaadha jedhame yaadamu argame.

Dhagaan gati jabeessii kaaratii 170 ta‘u kun, bakka albuuda baasaan itti argame Angoolaa jiru irratti hundaa’uun maqaa “ Luloo Roos” jedhamuun moggaafameera.

Daayimandiin diimadii kaarata 185, Daria-i-Noor jedhamu kan daayimandii isarra guddaturraa kutamee fi amma faaya moototaa Iraan ta’ee jiru erga argamee as, inni amma Angoolaatti argame Daayimandii diimadii isa guddicha jedhamee amanama.

Luloo Roos gosa daayimandii 2a jedhamudha, kana jechuun albuuda itti makame muraasa qaba ykn homaa hin qabu jechuudha.

"Daayimandiin diimaadii ajaa’ibaa Luloo keessatti argame kun, Angoolaan waltajjii addunyaa irratti barbaachistuu akka taatee agarsiisuu kan itti fufedha,” jechuun ministeerri albuudaa Angoolaa, Diyamantino Azeveedoo dubbataniiru.

Kun daayimandii Luloo keessatti argaman keessaa guddinaan isa shanaffaadha.

Kan argames hojii waliinii Dhaabbata Daayimandii Lukaapaa Awustiraaliyaa fi mootummaa Angoolaanidha.

Kana dura daayimandooti wal fakkataanoon doolara miliyoona hedduun gurgurameera.

Kanneen keessaa tokko daayimandii Pink Star jedhamuun beekamu, calbaasii Hong Koongitti doolara miliyoona 71.2’n bra 2017’tti gurgurameera.

Daayimandiin diimadii inni guddichi Daria-i-Noor isa jedhamudha, kunis Indiyaa keessatti argame.

Oggeessotni daayimandiin kun dhagaa gati jabeessa isarra guddaturraa murame jedhanii kan amanan yoo ta’u, daayimandiin dhagaa kanarra muramee inni biraas kuusa faaya mootota Iraan keessa jira.

Seenaa galmaa’ee keessatti daayimandiin guddichi argameeru, isa Kuulimaam jedhamu yoo ta’u, bara 1905’tti Afrikaa Kibbaa keessatti argame.

Daayimandiin ulfaatina kiiloogiraama walakkaa ol qabuu fi kaaratii 3,107 ta’e kun, daayimandii adda addaa 105 ta’utti mummurameera.

Kanneen keessaa inni guddaan – Kulimaam I – addunyaa keessatti daayimandii qulqulluu isa guddicha yoo ta’u, faaya mootota UK keessatti argama.