Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Daayaamandiin waggaa biiliyoona tokkoo doolaara miiliyoona 4.3’n gurgurame
Daayaamandiin gurraachi moggaasa ‘Za Iniigmaa’ jedhu qabu kuni kaaraatii 555.55 yoo tahu hamma muuzii tokkoo ulfaata.
Gurgurtaa marsariitii irratti taasifamuun paawudii miiliyoona 4.4 ol baasa jedhamee eegama.
Astrooyidii( dhakaa xixiqqoo qaama aduu marsu) waliin hawaarraa lafarra bu’e yaada jedhurraa, xiinxalli garagaraa eessaa dhuftee dhakaa jabaa kanarratti kennama.
Dhaabbanni Soozbaay caalbaasii dayaamandii kanaa adeemsisu akka jedhetti, abbaan bite kiriptookaaransii fayyadamuu filate.
Soozbaay eenyummaa bittuu daayamandii kanaa otoo hin ibsiin turus, caalbaasii booda ogeessi kiriptookaaransii Riichaard Haart Yaz Hinigmaa dayaamadicha bitachuu miidiyaa hawaasaa irratti ibse.
Soozbaay hordoftoota isaa Tiwiitarii 180,000 tahaniif kaffaltiin dayaamandii kanaa akka raawwateefi ‘HEX.COM Diamond’ jedhamuun akka irra deebiin akka moggaafamu ibseera.
Daayamandiin kuni albuuda jabaa Kaarboondos jedhamu dhas jedhameera.
Gosti dayaamandii Kaarboondos jedhaman baayyee xiqqoo yoo tahan kana dura Biraaziiliifi Gidduugala Afrikaatti qofa argaman.
Albuuda Osboorneet jedhamu of keessatti kan qabu gosti Dayaamandii kanaa hawaa irraa akka dhufe amanama.
Dhaabbati Soozbaay, ‘’Kennaa hawaa ilmaan namaa biratti qananii tahan keessaa isa tokko,’’ jechuun ibseera.
Achii dhufteen albuuda gurraacha kanaa icciitiidhaan kan guutame dha.
Dayaamandiin gurraacha waggaa biiliyoona 2.6 hanga 3.2 akka jiraatan tilmaamama. Kunis daayinosariin otoo hin uumaniin dura dha.