Simbirroowwan 4000 foddaatti bu'uun du'anii fi suuraalee miidhagoo badhaasa mo'atan

Simbirroowwan foddaatti bu'anii du'an

Madda suuraa, Patricia Homonylo/Bird Photographer of the Year

Ogeessa suuraa simbirrootaa(Bird Photographer of the Year) bara kanaa ogeettii suuraa lammii Kanaadaa Paatrishiyaa Homoonyilootu mo'ate.

Suuraan armaan olii magaalaa Torontoo keessatti kan kaafame yoo tahu, suuraalee dorgommiif dhiyaatan 23,000 keessaati mo'ate.

Suuraa kanarratti simbirroowwan 4,000 ol foddaa daawwitii irraa hojjetamanitti bu'anii du'ani dha.

''Waggaa waggaatti simbirroowwan biiliyoona tokkoo ol Ameerikaa Kaabaatti foddaatti bu'anii du'u,'' jetti Paatrishiyaan.

''Ani suuraalee kunuunsa naannoo irratti xiyyeefatan agarsiisan kaasa. Dhaabbata Fatal Light Awareness Program jedhamu waliin tahuun simbirroota foddaatti bu'anii hafan Torontootti kunuunsina.'' jetti.

''Waan nama gaddisisu baayyee isaanii du'aniitu arganna.

''Dhuma waggaa irratti isa walitti qabne kana agarsiisaaf akkasitti dhiyeessine hubannoo hawaasaa uumuufi.''

Suuraan Paatrishaa kanneen kunuunsa naannoof dorgoman keessaas mo'ateera.

Simbirroo muka guddaa irra tirattu

Simbirroo muka guddaa irra adeemtu

Madda suuraa, Andrés Luis Domínguez Blanco/Bird Photographer of the Year

Ogeessa suuraa simbirrootaa 2024 ramaddii ol-adeemaan kan mo'ate ogeessa suuraa lammii Ispeen ganna 14 Andirees Luus Domiingez dha.

Simbirroo muka guddaarraa gadi tirattu kaasuun akkaataa itti argee kaasetu mo'ichaaf isaan gahe.

Ogeessonni suuraa ramaddii garagaraa saddeet jalatti dorgoman.

Suuraalee armaan gadiin kanneen badhaasa warqii, meetii fi nahaasa argatan filanneerra.

Culullee billaacha waliin taphattu

Culullee billaacha waliin taphattu.

Madda suuraa, Jack Zhi/Bird Photographer of the Year

''Cululleen dhiyoo dhalate ammaa yeroo torbee tokko tahuuf balali'aa ture, dandeettiin isaas fooyya'eera.

''Ammallee nyaata maatissarraa kan argatu tahuus adamoo shaakalaa jira.

''Qilleensarratti simbirroo fayyaa qabuu waan hin dandeenyeef billaacha asiifi achi kaattu arii'aa jira.

Ogeessi suuraa kana kaase Jaak Shii Kibbaa Kaalifoorniyaa yoo tahu, ''waggoota dheeraaf culullee suuraa kaasaan ture, culullee billaacha wajjin taphatu garuu yeroo jalqabaaf arge,'' jedha.

Simbira of agarsiisuuf cabbiitti bahu

Simbira of agarsiisuuf cabbiitti bahu

Madda suuraa, Markus Varesvuo/Bird Photographer of the Year

''Torbee baayyeef gosti simbiraa Bilaak Giruus jedhamu dhaltuu barbaachaafi of agarsiisuuf arfaasaa keessa ganama ganama gara haroo dhufu.

''Warri kormaa iddoo isaanii erga qabatanii booda humna ofii walitti agarsiisu, lola agarsiisaa walii bahu.

''Gaafi, gaafa garuu lolli isaanii kuni gara isa dhugaatti geeddaramee hammaata,

''Yeroo wal-lolan hafuurri afaan isaanii keessaa bahu qilleensa qorraa keessatti hurka.''

Ogeessi suuraa Maarkas Vaaresvoon Finlaandirraa godoo keessatti dhokateeti suuraa kaaseenii.

Balalii miidhagaa of eeggannoon suuraa kaafame

Balalii miidhagaa

Madda suuraa, Nicolas Groffal/Bird Photographer of the Year

Ogeessi suuraa Nikoolaa Giroofaal:

''Waqtii qorraa simbirroota lafa biqiltuu mooraa koo sanyii ala isaaniif kaa'ee fudhachuu dhufan daawwachuun nan dinqama.

''Haala nama qaanessuun dhokadheen balalii isaaniitti bu'uu dhiisuu yaalera. Ifa kaameeraa haala of eeggannoon guutameenin fayyadameen kaase.

''Suuraa miidhagaa kana argachuun dura al dhibba tokkoo ol kaasuu yaalera.,'' jedhe.

Simbirroowwan rafuuf qophaa'aa jiran

Simbirroowwan rafuuf qophaa'aa jiran

Madda suuraa, Gary Collyer/Bird Photographer of the Year

Ogeessi suuraa Gaarii Kooyilar:

''Yeroo imala bosona keessaa gara kaampii Afrikaa Kibbaa Saabii Saandis'tti deebinu dukkana ture.

''Sagalee addaa dhageenye waliisaa garuu hin barre achii dhaabbachuun hubachuuf yaalle.

''Yeroo ibsaa konkolaataa keenyaa itti ibsinu gosa simbirroo helmetshrikes halkan qorra fidee dhufu dandamchuuf walitti siqanii jiran argine.''