Lolaa hamaa Indiyaatti nama 192 ajjeeseef Musliimonni maaf himataman?

Balaa lolaa hamaa kutaa biyyaa Kaaba Baha Indiyaa Asaam keessatti mudatee namoota 192 ajjeese booda, badii gaheef itti gaafatamtoonni musliimota ta'uun bal'inaan marsaalee hawaasaa irratti qoodamuu eegale.

Namni musliimni tokko waan isa mudate BBCf qoodee jira.

Hojjetaa ijaarsaa ta'uun waggoota dheeraaf kan hojjete Naazir Huseen Laskaar Adoolessa 3 gara ganamaa wayita poolisiin balbala itti rukutu rifachuu hima.

Ganama sana wayita to'annoo jala oolfamu "qabeenya uummataa mancaasuun" addatti ammoo ijaarsa lolaa uummatarraa ittisuuf tolfame diiguun akka himatame itti himan.

"Ani waggoota 16 ijaarsa lolaa ittisu mootummaaf ijaaraan ture, amma maaliifan diiga?" jechuun gaafata Aab Laskaar.

Guyyoota 20 erga hidhamee booda wabiin kan gadhiifame namni kun, ragaan badii hojjechuu isaa agarsiisu tokkollee irratti hin argamne.

Haata'u malee erga gadi dhiifamee boodallee marsaalee hawaasaa irratti himannaan isarratti dhiyaatu jabaatee itti fufe.

'Haleellaan narra gahuu mala'

Caamsaa fi Waxabajjii keessaa balaa lolaa marroo lama Asaam rukuteen yoo xiqqaate namoonni 192 du'aniiru.

Kutaa biyyaa kana keessatti lolaan baramaa ta'ullee kan baranaa yeroo itti eegamu dursee dhufe, ammoo kan yeroo kaanii caalaa hamaadha.

Fayyadamtoonni marsaalee hawaasaa hedduun garuu kun waan uumamaan ta'e osoo hin taane harka namaatu duuba jira jedhanii amanu.

Balaa lolaa hamaa kana garee dhiirota musliimaatu ta'e jedhee ijaarsawwan lolaa ittisan diiguun, bishaan magaalaa irra hedduu hordoftoonni amantii Hinduu keessa jiraatan Silchaarirra akka garagalu godhe jedhu.

Naazir Huseen Laskaar dabalatee dhiironni musliima afur 'jihaadii lolaa' raawwatan jedhamanii marsaalee hawaasaa irratti akkaan qeeqaman.

Maxxansawwan kunneen namoota kumaatamaan lakkaa'aman kanneen beekamoo ta'aniifi fuula mirkanaa'e qabaniin osoo hin hafiin qoodame.

Himannaa kana miidiyaaleen idilee biyya keessaa tokko tokkos irra deebi'an.

Miidiyaa tokkorratti nama "jihaadii lolaa" raawwate jedhamuun maqaan Laskaar dhahame. Kun osoo inni mana hidhaa jiruu ture kan ta'e.

"Halkan sana sodaarraa kan ka'e hirriibni na hin qabne. Hidhamtoonni kan waa'ee kanaa yoo dubbatan dhagahaan ture. Haleellaan narra gahuu mala jedhee yaadda'een ture."

Dhugaa 'jihaadii lolaa' duuba jiru

Asaam keessatti erga bara 1950moota as ijaarsawwan lolaa ittisan badii lolaan gahuu xiqqeessuu keessatti qooda olaanaa qabaachaa turan.

Kutaan biyyaa kun lolaa ittisuuf jecha ijaarsa kiiloomeetira 4000 dheeratu tolchullee, ijaarsi kun salphaatti kan diigamuu danda'u akka ta'e himama.

Caamsaa 23 ijaarsi laga Baraak kan Kaaba-Baha Indiyaa fi Baha Baangilaadeesh keessa yaa'u irratti tolfame ni jige.

Iddoo ijaarsi kun itti jige naannoo Beetukaandii jedhamu irra hedduu kan jiraatan musliimota yoo ta'an, ijaarsi asitti jige kun Silchaar iddoo irra hedduu warri Hinduu jiraatanitti miidhaa cimaa geessise.

Kanarraa kan ka'e Laskaar dabalatee musliimonni afur hidhaman. Booda namni shanaffaan dabalamee hidhamee ture.

Ijaarsa lolaa ittisu kana ta'e jedhanii diiguu isaanii garuu ragaan argame tokkollee hin jiru.

Mumbaay mana barnootaa balaawwan uumamaatti pirofeesara gargaaraa kan ta'an Mirmaaliyaa Choodirii ijaarsawwan kunneen kan jigan sababa suphaan hin godhamneefidha jedhu.

Bishaan ijaarsa kana duubatti walitti qabamu naannoo isaaniirra akka hin garagalle ta'e jedhanii yeroon namoonni itti ijaarsicha cabsanis jiraachuu mala jedhan.

Poolisiin Silchaaris kanatti waliigala.

"Wanti jihaadii lolaa jedhamu hin jiru" jedhan qondaalli poolisii magaalattii Ramaandiip Kaawur.

"Waggoota darban bulchiinsi kutaa biyyattii ofuma isaatiin ijaarsa bishaan ittisutti ulaa tolchuun bishaan akka yaa'u gochaa ture. Bara kana kun hin taane, namoonni tokko tokko kana ofiin raawwatan," jedhan.

"Kuni rakkoo bulchiinsaati, deebii bilchaataa kan barbaadudha jedheen yaada. Himannaan 'jihaadii lolaati' jedhu salphumatti karaa keessaa ittiin bahan tolfachuudha," jedhu pirofeesar Choodiriin.

'Musliima ta'uu koofin yakkame'

Akka ragaan 'Google Trends' mul'isutti lakkoofsi namoota Adoolessa keessa jecha 'jihaadii lolaa' jedhu intarneetiirra barbaadanii waggoota shan darban keessatti isa olaanaadha.

Kunis himannaa hin mirkanaa'iin lolaa Asaam keessatti mudateen wal-qabatee marsaalee hawaasaa irratti qoodame ka'uumsa godhateeti.

Musliimonni Indiyaa keessatti himannaa shiraa akkanaan yoo himataman kun kan jalqabaa miti. Yeroo weerara koronaa ta'e jedhanii Koovid-19 tamsaasu jedhamuun 'jihaadii koronaan' himatamanii turan.

Bara 2014 erga paartiin MM Naareendiraa Moodii kan amantaa Hinduu leellisu Bahaaraatiyaa Janataa aangoo qabatee as, Indiyaa keessatti hokkorri, haasaan jibbiinsaa fi odeeffannoon dogoggoraa musliimotarratti xiyyeeffatu dabalaa jira jedhu qeeqxonni.

Paartichi kana ni waakkata.

Asaam keessatti 'jihaadii lolaatiin' yakkamee guyyoota 20 erga hidhamee booda wabiin kan bahe Aab Laskaar sodaa keessa akka jiraatu hima.

"Anifi maatiin koo manaa bahuu ni sodaanna. Ijoolleen koo mana barnootaa adda kutaniiru. Yoon manaa nan baha ta'e, fuulakoo haguugeen baha. Garee namoota hifataniin akkan hin tumamne nan yaadda'a."

"Musliima ta'uu koofin jihaada lolaatiin yakkame. Kuni sobadha. Warri waan kana hafarsan dogoggora guddaa dalagaa jiru."