Teknooloojii: eSIM maali, akkamiin hojjeta?

Ethio telecom tajaajila bilbilaa SIM kaardii amma dura beeknuun malee fayyadamuu dandeessisu eSIM jedhamu dhiyeenya kana beeksiseera.

Fayyadamtoonnis wiirtuu tajaajilaa magaalaa Finfinnee keessatti argamu qaamaan dhaqanii tajaajila kana argachuu akka danda’an dhaabbattichi kan beeksise oggaa tahu, dhiyeenyas magaaloota biyyattii hundatti akka babal’atu himeera.

Tajaajilli amma dura biyyoota Afrikaa garagaraatti jalqabame kun, teknooloojii haarayaa gama bilbilaan yeroo yeroon ammayaa’aa dhufan keessaati.

Odeessa kana keessa eSIM maali? Akkamiin hojjeta? Faayidaan isaahoo? Bilbiloota ismaartii akkamii fa’itu tajaajila kana simata? kan jedhan ilaalla.

eSIM maali?

Waa’ee eSIM ilaaluu keenyaan dura isa amma dura hundi keessan beektan ‘SIM kaardii’ haa ilaallu.

Jechi SIM jedhu gabaajee ‘subscriber identity module’ kan bakka bu’u ennaa tahu, kaardii pilaastikaa bicuu bilbila mobaayilaa keenya keessa galchinudha.

Odeeffannoo keenya kanneen akka tarree lakkoofsa bilbilaafi kaan of keessatti qabatee kan kuusu ennaa tahu, bilbila simachuufi bilbiluuf akkasumas daataa intarneetaa akka itti fayyadamtan isin qarqaara.

SIM kaardonni bara 1991tti hangisaanii kireedit kaard gahu turan, ganna shan booda xiqqaachaa dhufuun ‘mini’ [xiqqoo] tahanii dhufan.

2003tti kaardiin hangaan xiqqaa tahe ‘Micro Sim’ jedhamu, oomisha iPhone 4 wajjin walitti hidhachuun as bahe. 2012tti ammoo Sim kaardiin ‘nano’ jedhamu hojiirra oole.

eSIM kan jennu ammoo sim kaardii amma dura harkaan qabannee bilbila keenyatti galchinu kan hambisu wayita tahu, tajaajila SIM amma dura jiru kennuun garuu adda miti.

Kaardii pilaastikaa amma dura beeknu teknooloojin bakka bu’u kun, bilbiloota harkaa keessan keessatti durumayyuu kan itti midhaassamee (embedded) dhufudha. Dijitaala waan taheef, akka isa duraatti bilbila tokko keessaa baastee, kan biraatti hin galchitu.

Teknoolojiin kun boordii bilbila ammayyaawaa tahan keessatti walitti maxxanee kan hojjetamu ennaa tahu, softiweerii fayyadamuunis fagoorraa to’atamuu danda’a.

Odeeffannoo achirra jirus akka haaraatti deebisanii tolchuun ni danda’ama – kunis dhaabbata dhiyeessaa tajaajilaa isa tokkorraa isa kaanitti, SIM qabdan otoo hin baasin geeddaruu dandeessu yookaan tajaajila dhaabbata biraa itti dabaluu dandeessisa.

Kana malees bilbila tokkoon sarara/lakkoofsa bilbilaa garagaraa qabaachuu teknoolojii dandeessisudha.

Software injinar kan tahe dargaggoo Roobeeraa Girmaa, Itoophiyaatti namoota tajaajila haaraa eSIM argatan keessaati.

Roobeeraan tajaajilli eSIM kun biyyattii keessatti hanga jalqabutti yeroo dheeraaf eeggachaa akka ture kaasuun, wayita Ethio Telecom tajaajila kana beeksisu saffisaan deemuun akka fudhate hima.

Dargaggoon kun sababa tajaajila kana barbaadeef keessaa inni jalqabaa hanna bilbilaa hambisuuf akka tahe dubbata.

‘‘Biyya keenya keessatti hanni bilbilaa baay’ateera. Bilbila lamaafi sadii baattee xiyyeeffannoon kee isa tokkorra gaafa tahu, isa biraa hatamuu dandeessa,’’ jechuun sababa tajaajila kana itti argateef dubbata.

Bilbiloota akkamiin fayyadamuu dandeenya?

Bilbiloonni Galaxy Pixel bara 2017 irraa jalaqabee eSIM fayyadamu turan, bilbiloonni Apple ammoo 2018 irraa eegalee fudhachuu eegalan.

Bilbiloonni Samsung eSIM kan simatan tahus, gosa hunda miti.

Ethio telecom [Afaan Ingiliizitti isin geessa]bilbila Samsung Galaxy dabalatee bilbiloota ismaartii ammayaawaa tahaniifi dhiyeenya gabaarra oolan qabaannaan tajaajilicha argachuu dandeessu jedha.

Fakkeenyaaf: Samsung Galaxy S20, S21, S22… kanneen sadarkaa walfakkaataa keessa jiran kaan eSIM keessummeessuu danda’u.

Gama iPhone ammoo: iPhone XR, XS, 11… irraa eegalee isaa ol kan jiraniin tajaajilicha argachuu dandeessu.

Kana malees bilbiloonni Google Pixel, Huawei, Motorola fi Oppo modeelonni sadarkaa olaanaarra jiran gariin keessatti argamu.

Dhiyeenya kana Itoophiyaatti hojii telekomii kan eegale Safaricom, ammaaf tajaajilli isaa magaalota muraasa keessa tahus, tajaajila eSIM akka eegalchiisus ni eegama.

Biyya ollaa Keeniyaatti maamiltoota hedduu kan qabu Safaricom, tajaajila eSIM Waxabajjii 2021 keessa ture kan eegalsiise.

Faayidaan isaa maali? Miidhaa hoo qabaa?

eSIM (embedded SIM) faayidaawwan akka akkaa qaba.

Bilbilli keessan eSIM kan simatu taanaan, akkasumas bakka kaardiin itti galu qabaannaan, abbaa sarara bilbilaa lama taatu jechuudha.

Bilbiloonni dura SIM kaardii lama fudhachuu danda’an akkuma jiranitti, bilbiloonni eSIM fudhatan garuu hanga sarara tajaajilaa shanii galmeessisuu danda’u.

Faayidaan eSIM inni dhibiin, networkii tokkorraa isa biraatti jijjiiruu barbaannaan SIM kaardii haaraa bituun isinirraa hin eegamu.

Biyyoota tokko tokkotti kan gochuuf dhiyeessaa tajaajila networkiif bilbiluun dirqama ennaa tahu, gama onlaayiniinis xumuruun ni danda’ama.

Fakkeenyaaf Safaricom irraa Ethio telecom’tti jijjiiruu barbaaddu taanaan, sim haaraa bituun otoo isinirraa hin eegamin geeddaruu dandeessu.

Keessattuu namoota biyya tokkoo biyya biraatti deddeebi’aniif, lilmoo barbaadanii kaardii baasanii galchuurraa isaan oolcha.

Gama nageenyaan ammoo hattoonni kaardicha baasanii odeeffannoo keessan akka hin saamne ittisa.

'Salphumatti hordofamuu dandeessa'

Haatahu malee akkasuma eSIM miidhaas qaba.

Fakkeenyaaf bilbilli keessan hojjechuu yoo dide, akkuma duraanii sim kaardii baastanii asii baastanii bilbila biraatti galchuu hin dandeessan.

Barruun Forbes miidhaan eSIM inni ijoo salphumatti hordofamuu ykn ‘track’ godhamuu keenya jechuun barreesse.

Kana jechuunis mootummaas tahe dhaabni tokko sim kaardii koo fayyadamuun na hordofaa jira jechuun sodaa qabdu taanaan, kun yaaddessaadha.

Fiilmiiwwan Hollywood keessatti akka arginutti sim kaardicha bilbila keenya keessaa baasnee yoo gatne, teessoo keenya argachuun rakkisaadha. Haatahu malee eSIM gargaaramtu taanaan, bilbila keessan guutummaasaa yoo gattan malee, kana gochuu hin dandeessan.

Softiweer injinarichi Roobeeraa Girmaas, ‘‘wanti dijitaalii akkuma gaariis qabu, gadhees qaba,’’ jechuun bu’aafi miidhaan walfaana deema jedha.

‘‘Namni [eSIM fayyadamu] dhaabbinee tajaajila dhiyeessanoiin salphumatti hordofamuu danda’a. SIM kaardii amma jiruun ‘track’ godhamuu hin dandeessu jechuu miti. Garuu isa sana caalaa hordofamuu dandeessa.’’

Dhaabbanni telekomunikeshinii, miidiyaa fi teknolojii hordofu tokko, akka addunyaatti xumura bara kanaatti bilbiloonni ismaartii %5 tahan eSIM ni qabaatu jedha. Lakkoofsi kunis 2024tti %20 gaha jedhamee eegama.

Dhaabbileen gabaa ismaartii addunyaa walakkaa ol harkaa qaban Apple, Huawei fi Samsung yeroo ammaa eSIM dabalatanii dhufaniiru.

Teknooloojiin eSIM bilbiloota ismaartii callaa keessa osoo hin taane, sa’aatii harkaa dabalatee meeshaalee biroo keessattis tolfamaa jiru.

Xiinxaltoonni teknooloojii Afrikaatti fayyadamni eSIM suutuma suutaan dabalaa jira jedhu.

Biyyoota Sahaaraa Gadiitti argaman keessatti bara 2019tti tajaajiloonni teknoloojii mobaayilaa gaheen oomisha waliigalaa (GDP) biyyootaa keessa qaban %9 yookaan ammoo doolaara biiliyoona 155 kan tahu ture.

Tahus garuu lammileen naannichatti argaman miiliyoona 800 tahan, haga ammaa tajaajila intarneeta mobaayilaa fayyadamaa hin tahin jiru.