Biyya lammiilee subii hirribaa ka'aniin akka addunyaatti beekamtu

Bogotaa Kolombiyaa

Madda suuraa, Getty Images

Akka gabaasa Dhaabbata Tumsa Diinagdee fi Guddinaa (Organization for Economic Co-operation and Development (OECD)), jedhutti, lammiileen Kolombiyaa subii hirribaa ka'uun akka addunyaatti kan isaan dursu hin jiru.

Laammiilee biyyattii alaarmiin isaanii subii sa'atii 10:00 ykn 11:00tti isaan dammaqsa.

Akka itti amaleeffannaa kana aadaa,amantiifi teessoon lafaa irratti dhiibbaa taasise ilaalla.

Dr Huwaan Kaarloos Maantijaa, Kolombiyaa Yunivarsiitii Awutoonomaa Dee Bukaaraamaangaa keesstti piroofeesara qorannoo hawaasaati.

Lammiin Kolombiyaa tokko giddugaleessaan sa'atii 12:00tti ka'a, sa'atii 01:00 fi 01:30 hirribaa ka'uun akkaan barfateera jedha. Barsiisaan kuni ofii, ''sa'atii 11:00ttin ka'a,'' jedhe.

Kolombiyaan maaliif ganamaan dammaqxi?

Dubartii buna funaantu

Madda suuraa, Getty Images

Dr Huwaan manneeen jabeenya qaamaa itti hojjetan(jiimiin) sa'atii 10:00 irraa qabee banaadha jedhe.

Barnooti yunivarsiitii ganama sa'atii 12:00 fa'itti kennamu jiras jedha.

''Namooti siyaasaa olaanoon subii sa'atii 11:00tti akka isaan walgahiin taa'an fa'i dhageenya,'' jedha.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Amaleeffannaa kanaaf amantiin gumaacha guddaa akka qabu dubbatu Dr Huwaan.

Namoonnii sa'atii 12:00 mana sagadaatti argamu ture, kana raawwachuun hawaasa keessatti fudhatamaafi kabajaa argachuudhaaf baayyee murteessaa dha.

''Kolombiyaa keessatti barii ka'uun akka mallattoo oomishtummaa, dammaqaa tahuufi onnee qabaachuuti,'' jedhu Arkiteektii bareessaa kan tahan Faariid Numaan.

Kuni garuu akkatti namoonni ilaalani dha malee dhugaa lafa jiru waliin gargari jedhu.

Faariid, ''ani ofii yeroo baayyee ganama sa'atii 1:00 -1:30 gidduun ka'a,'' jedhan.

Isaan garuu, ''ani halkan barreessuudhaaf ijaan turuufan sa'atii sanatti ka'a,'' jedhu.

Sababa namni baayyeen ganamaan itti ka'u gaafa ibsanis naannoo ho'aa keessa waan jiraannuufi jedhu.

Teessoon biyyattii tirooppikaala keessa waan jiruuf, ''guyyaa lafti akkaan ho'aa,'' jedhan Faariid.

Subii sa'atii 11:00 irraa qabee hanga guyyaa keessaasa'atii 08:00 fa'itti ho'a cimaatu jira.

''Namoonni barii ka'uun ho'aafi aduu kana irraa kan miiliqan itti fakkaata,'' jedhan.

Biyyattiin akka biyyoota lixaa waggaa keessatti waqtii garagaraa akka hin qabne himu.

''Waggaa guutuu ganama sa'atii 12:00tti biiftuun baatii galgala ammoo ammas sa'atii 12:00tti seenti,'' jedhu.

Jaarraa 19ffaa keessa yeroo elektiriikiin hin jirretti ifa aduu barii wajjin ka'aniitu imala isaanii jalqabu jedha Dr Huwaan

Anjeel Yesuus Avila Piyuuyentee, ijoollummaa irraa kaasee oyiruu bunaa keessatti hojjeechaa guddate. Akkoofii akaakileeni isaas akkasuma oomisha bunaan jiraatu ture.

''Yeroo ijoollummaa maatiin koo subii sa'atii 10:00 irratti hirribaa na dammaqsu, buna funaantu ulfaatinasaa madaalaniitu sii kaffalu waan taheef hammuma ganamaan kaatee baayyee funaanta,'' jedha

Amaleeffannaan obboroo ka'uu kuni maaliif iddoowwan ho'a cimaa hin qabnetti baratame kan jedhu dha.

Faariid deebinsaa salphaa dha jedhu, '' barteen kuni akaakilee irraa ijoollee fi ijoolleetti daddarbaa dhufe.''

Barteen kuni hawaasa qonnaan bulaa tahe gidduutti jalqabuus sababa godaansaafi kaaniin magaalattis baratame jedha Dr Huwaan gamasaan.

Magaaloti Kolombiyaa gariin akka-feeteenii fi kaan ammoo adeemsaanii dha kan isaan guddachaa dhufan jedhu Faariid.

''Bu'aa godaansa hawaasa baadiyyaa jiraachaa tureetis,'' jedhan.

Qarqara magaalaa guddootti immoo magaalawwan xixiqoo mul'achuu jalqabuus himu.

Magaalawwan kunneen gariin karoora malee bu'uuraalee misoomaa, kanneen akka bishaani fi elektirikii otoo hin qabaatiin ijaaraman.

Kaan ammoo mootummaa karooraan kan ijaare yoo tahan, ''namoonni kallattiin gara hirribaatti akka deemaniif kan ijaaramani dha. Magaalawwan ''dormii'' jennaan jedhu.

Kanaafi dhimmooti biroo kanneen akka tiraafikii namoonni ganamaan akka ka'aniif sababa jedhu.

Tiraafikiin daandii magalaa guddoo biyyattii Bogotaa isa badaa dha jedhama.

Uummanni biyyattii harka 70 ol magaalaa keessa jiraata. Obboroo sa'atii 12:00 yeroo manaa baatu daandiin namaan guutamee argita jedha Dr Huwaan.

Faariid namoota baadiyyaa jirataniif warshaa keessaa hojjetan yoo ilaate, ''subii sa'atii 10:00-10:30 fa'ittti ka'uu,'' jedhan.

Dr Huwaan Kolombiyaatti namni magaala keessa jiraatu iddoo hojii deemee gahuuf sa'atii tokko hanga lamaa itti fudhata jedhu.

Kanaafi sababooti kaan akkati ganamaan kaatee guyyaa bu'aa qabeessa tahe akka dabarsituuf si dirqisiisu jedhu Faariid.

''Manguddootillee sitti himu guyyaa bu'aa qabeessa tahe dabarsuuf ganamaan akka kaatuuf si gorsu,'' jedhan.

Dr Huwaan barii hirribaa ka'uun dhimma hawaasaan fudhatma sii argamsiisu yoo tahu, gama biraan ammoo waan hawaasan akka raawwattuuf dhiibbaa sirra tti godhu dha.