Tarkiitti namoonni kumaatamaan lakkaa'aman maaliif mormaa jiru?

Nama alaabaa Tarkii mirmirsaa jiru

Madda suuraa, Getty Images

Guutummaa Tarkiii keessatti ummannii kumahedduun lakkaa'aman hidhamuu kantiibaa magaalaa Istaanbul, Ekraam Imaamoglu, morkataa siyaasaa cimaa pirezidantii Riisip Taayiib Erdogaan ta'ee mormuun isaanii ni yaadatama.

Mormiitoonni mormii hamaa waggoota kurnan oliif biyyattii keessatti jgaggeeffame kana keessatti hirmaatan irratti gaazii imimmaaneessaa fi rasaasa laastikaatiin dhukaafameera.

Ofii mormii kana maaltu kaase?

Hiriirri Istaambuul keessatti Bitooteessa 19tti kan jalqabe yoo ta'u, kan jalqabames guyyaadhuma namni siyaasaa mormituu adda duree Ekraam Imaamoglu to'annoo jala oolfame sana ture.

Kunis kan mudate Imaamogluun Paartii Ummata Rippabilikaan Sekulaarii (CHP) jedhamuuf kaadhimamaa pirezidantii ta'uun filatamuuf guyyoota muraasa duradha.

Filannoo bara 2028 irratti kaadhimamaa dhaabichaa ta'uun kan mirkanneeffame Dilbata darbe mana hidhaa osoo jiruu sagalee olaanaa kennameef hordofuuni.

Abbaan alangaa Imaamogluun malaammaltummaan kan himatan yoo ta'u, inni garuu kana hin fudhatu. Haaluma qaama qorannoo kanaanis namoonni 100 ol to'annoo jala oolaniiru.

Innis ifatti guyyaa Dilabata darbe kan to'annoo jala oole yoo ta'u, "dhaabbata yakkamaa hundeessuufi hogganuu, malaammaltummaa fudhachuu, saamicha raawwachuu, daataa dhuunfaa seeraan ala galmeessuu fi caalbaasii sobaatiin" himatame.

Akkasumas aangoo Kantiibaa magaalaa Istaanbul ta'uu irraas ni uggurame.

Paartiin isaa CHP ammoo hidhaan kun, ''fonqolcha mootummaa pirezidantii keenya itti aanu irratti raawwatamu'' bakka bu'a jechuun deeggartoonni mormiidhaaf akka daandiitti ba'an gaafate.

Mormiitoota magaalaa guddoo Anakaaraa keessatti bahan keessaa

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Mormiitoota magaalaa guddoo Anakaaraa keessatti bahan keessaa
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Barattoonni yunivarsiitiiwwan hedduu Istaanbul keessatti hiriira bahuun dhaadannoo, "hin sodaannu, hin callifnu, hin ajajamnu" jedhu dhageessisaaa turan. Kunis Tarkii keessatti dhaadannoo mormitootaa beekamaadha.

Mormiin magaalaa jiraattoota miliyoona 16 ol qabduu keessatti namoota xiqqaa ta'een jalqabe.

Haata'u malee, ergasii magaalota biroo hedduu kanneen guutuu Tarkii keessatti aragamaniitti babal'achuun, amma sadarkaa waggoota kurnan oliif ta'ee hin beeknee irra jiru.

Hiriirri gaggeeffaman baay'inaan nagaa ta'us, darbee darbee poolisiin qawwee bishaanii fi gaazii imimmaanneessaa fayyadamuun walitti bu'iinsi uumameera.

Ji'oota darban keessa aangawoonni namoota siyaasaa mormitootaa, gaazexeessitootaa fi namoota indaastirii bashannanaa irratti xiyyeeffataniin tarkaanfii guddaan akka biyyaatti raawwatameera.

Mormitoonni tokko tokko hiriirri kun yaaddoo bal'aa Tarkiiin gara abbaa hirummaattii ce'uushee akkasumas dinagdee fi eegumsa fayyaa irratti ummanni qabu kan bakka bu'u ta'uu dubbatu.

Eenyuutu mormii dhageessisaa jira?

Erga Imaamogluun hidhamee as barattoonni Yunivarsiitii Istaanbul keessatti mormii dhageessisaa turan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Erga Imaamogluun hidhamee as barattoonni Yunivarsiitii Istaanbul keessatti mormii dhageessisaa turan

Namoonni Imaamogluun hidhamuu morman hedduun barattoota yunivarsiitiiti.

Barattoonni yunivarsiitii adda addaa irraa dhufan guyyaa Roobii darbe dhiheenya naannoo Beyaazit fuuldura Yunivarsiitii Istaanbul'tti walitti qabamuun, uggura poolisii cabsanii gara Sarchane, bakka gamoo Bulchiinsa Magaalaa Guddittii Istaanbul jirutti jaqeelan.

Mormiin guyyaa Kamisaas osoo daandii irratti hin babal'atin dura mooraa yunivarsiitii hedduu Istaanbul keessatti argaman keessatti gaggeeffameera.

Erga hiriirri guutuu Tarkiitti gaggeeffamuu jalqabee kaasee namoonni 1,100 ol to'annoo jala ooluu isaanii ministirri dhimma Biyya Keessaa Tarkii himeera.

Yoo xinnaate gaazexessitoonni Istaambul fi Izmiir keessatti mormiicha gabaasaa turan 10 pooliisiidhaan to'annoo jala oolfamaniiru.

Imamogluun hidhamuus paartiisaa CHPn kaadhimamaa pirezidantii dhaabichaaf sagalee kennuu Dilbata darbe itti fufee oole. Deeggartoonnis gara saanduqa filannootti qajeeluun sagalee olaanaa kennaa oolan.

Filattuun ganna 29 Ferhaat dhiheenya galma magaalaa Istaanbulitti AFP waliin haasawa taasifteen, ''yeroo mormaa cimaan [Erdogaan] jiraatu hundatti yeroo hunda mana hidhaan ni jiraata,'' jette.

"Yeroo ammaa kana mootummaan abbaa hirree Tarkii keessa jiruu eessattuu hin argamu. Siyaasni maqaa qofaadha."

Gama biraatiin ammoo, Sukru Ilker, kan ganna 70, mormitoonni kaadhimamaa magaalattiin sagaleeshee kenniteeef eeguuf malee ''poolisii waliin wal dura dhaabbachuu'' akka hin barbaanne dubbataniiru.

Ogeessi hojjataa mana qorichaa kan umuriin ganna 63 Ayten Oktaay gamasaanitiin, Tarkiin ''dammaqxee jirti'' jechuudhaan, ''hanga dhumaatti mirga keenya ni kabajna'' jedhan itti dabaluun.

Mootummaan Tarkii deebii akkamii kenne?

Pirezidant Riisiip Taayiip Erdogaan mormii kana balaaleffachuun mootummaan isaanii ''manca'iinsa'' ykn ''shororkeessummaa daandii irraatiif harka hin kennu'' jedhan.

"Sirna ummataa jeequu hin fudhannus" jechuun dubbatan.

Angawoonni Tarkiyaa walga'ii ummataa kan dhorkan yoo ta'u, kun garuu mormitoota duubatti hin deebisne.

Erdogaanii fi bulchiinsi isaaniis himata Imaamogluun siyaasaan kan ka'e ta'uu isaa haaluudhaan, qaamni haqaa Tarkii walaba ta'uu cimsanii dubbatu.

Pirezdantiin Tarkii, CHPn himannaa malaammaltummaa kanaaf deebii kennuu akka hin dandeenye ibsuudhaan, dura taa'aan paartii isaanii Ozgür Özel jeequmsa daandii irratti babal'isuun himataniiru.

Komishiniin Awurooppaa Tarkiin Wiixata kaleessaa akka biyya miseensa Mana Maree Awurooppaa fi kaadhimamaa Gamtaa Awurooppaatti makamtutti ''dudhaalee dimokiraasii akka kabachiiftu'' gaafateera.

Erdogaan hanga yoomiitti aangoorra turan?

Pirezidant Erdogaan ji’a Guraandhalaa keessa pirezidantii Yukireen Volodimiir Zeleniskii waliin ibsa gaazexeessitootaaf wayita kennaniitti

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Pirezidant Erdogaan ji'a Guraandhalaa keessa pirezidantii Yukireen Volodimiir Zeleniskii waliin ibsa gaazexeessitootaaf wayita kennaniitti

Erdogaan waggoota 22 darbaniif aangoo qabatanii kan turan yoo ta'u, Paartii Haqaa fi Misooma (AKP) hundee Islaamummaa qabu hundeessuudhaan erga ministira mummeefi pirezidantii Tarkii ta'uun aangoo qabatan.

Sababii daangaa bara aangootiin, yoo heera mootummaa jijjiire malee bara 2028 irra deebi'ee filannoodhaaf dorgomuu hin danda'u.

Innii fi mootummaan paartii saanii AKP bara 2016tti yaaliin fonqolcha mootummaa kan daandii Istaanbulii fi Ankaaraa irratti walitti bu'iinsa uumameen lubbuun namoota 256 galaafate jalaa hafe.

Deeggartoota isaaf Erdogaan waggootaaf guddina dinagdee Tarkiif fideera, qeeqxota isaatiif garuu hogganaa abbaa hirree mormii hin obsinee fi nama isa mormu kamiyyuu gara jabinaan callisiisudha.

Gorsi imala Tarkii dhiheenyaa maali?

Waajjirri Dhimma Alaa UK hiriira amma gaggeeffamaa jiru kanaan booda gara Tarkii imaluuf gorsa kenne hin haaromsine.

Fuul-barruun gorsa isaatiin garuu, hiriirri magaalota keessatti geggeeffamu jeequmsa uumuu akka danda'u kan hubatu yoo ta'u, poolisiin namoota walitti qabaman bittimsuudhaaf qawwee bishaanii fi gaazii imimmaaneessaatti fayyadamuun beekama jedhe.

Kanaafuu hiriira hunda irraa akka fagaatamuu yoo kan babalatu ta'e ammoo naannoo sanaa akka bahu gorsa.

Waajjirri Dhimma Alaa sababa lolaa fi balaa shororkeessummaa guddaa irraa kan ka'e daangaa Sooriyaa irraa gara km10 (6 miles) keessatti akka hin imalle hunda gorsa.