Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Haati Faaris Faaroo kan maqaansaanii magaalaa Aggaaroo waliin ka'u eenyu?
Magaalaan kun magaala Oromiyaa dureettii qabeenya bunaafi dammaan beekamtudha. Magaala hawaasni ishee jaalalaan guutameefi magariituu lammiileen dhiyoofi fagoodhaa dhufanii keessa jiraataniidha.
Artistoonni jalalaafi mararoo isheef wellisaniiru. Giddugala aartiifi qaroominaas turte Aggaaroon. Haadha Faaris Faaroo, maaliif dagatamtii Aggaaroon, biyya bunaafi dammaa, otoon Aggaaroo Jimmaa marmaaruu sirboota jedhan artistoonni hedduun afaanota gara garaatiin wellisaniiruuf.
Isin Aggaaroo akkamiin yaadattu?
Aggaaroo yeroo yaadattan maaltu dursee sammuu keessanitti dhufa?
Aggaaroon magaala Jimmaarraa gara Lixaatti Kiiloomeetira 42 fagaattee argamtu yoo taatu, magaalota durii jedhaman keessaa tokkodha. Sabaafi sablilamoota Itoophiyaa qofa otoo hin taane lammiileen biyyoota akka Arabaa, Yaman, Giriik, Armanii fi Xaaliyaanii Aggaaroo jiraachaa turuu ibsu hayyoonni seenaa.
Motummoonni Shanan Gibee yeroo sanaa amma bulchiinsa Godina Jimmaa jalatti ijaaramanii kan argaman yoo ta'u, Gommaan ammoo mootummoota Shanan Gibee keessaa tokkodha. Giddugalli mootummaa Gommaa duraan bakka Sayyoo jedhamu ta'uu kan kaasan hayyoonni seenaa boodarra gara Aggaarootti akka dhufe himu.
Hundaa'ol Aggaaroon soorummaadhaan beekamti. Maddi soorumashee inni guddaan ammoo buna.
Bakka bunni jalqaba itti argame jedhamee kan beekamu, 'Coocee Kattaa Mudugaas' asuma Aanaa Gommaa keessatti argama.
Soorummaa qofaan otoo hin taane Aggaaroon giddugala aartii fi qaroominaa ta'uunis beekamti turte. Sirboota durii Aggaaroo qalbii namaatti dhufan keessaa sirbi Artist Xilaahun Gassasaa "Ashaam yaa maatabee" jedhu tokkodha.
Welluu kana keessatti 'Yaa haadha Faaris Faaroo beenu ni katamaa Aggaaroo' jechuun yaadaan gammoojjii Gibee qaxxaamursee Aggaaroo nama geessa. Welluun hin dullomne kun namoota Afaan Oromoo dhaga'an qofaan otoo hin taane kanneen hin dhageenye birattillee jaalatamummaa guddaa horate.
Waggoota shamtamaan booda har'allee dargaggoonni waltajjii dorgommii fi bashannansiisoo gara garaa irratti sirba kana mararoodhaan wellisu.
Sirba kana keessatti seenaan gannee yookan dubartii tokkoo Aggaaroo waliin ka'eera. Seenaan magaalaa Aggaaroo yeroo ka'u waa'een Haadha Faaris Faaroo biraa hin haftu. Haadha Faaris Faaroo, dubartii jaalalaa fi mararoo guddaadhaan seenaa Aggaaroo waliin yaadamtatudha.
Ashaam yaa maatabee, Ashaam yaa dammatoo
Ashaam yaa niqqisee, Ashaam yaa kuulatoo
Yaa diimtuu afaan dammaa, Qarreedhaan as bahi
Akka dhugaa namaa, Yaa shaashii ilkaan adii
Yaa qal'oo afaan dammaa, As koottu yaa dammatoo
Yaa lookoo akkamiiree shaggee morma warqii
Bobboo'een sitti hima qal'ookoo as siqii
Abaaboon biqiltee dallaa keessan jalaa
Yaaddoonkee nadhibe mee naa himi malaa.
Akkaan baadee hin dhufneef Gibeen nan ceesisu
Akkan obsee hin teenye maatabeekoo yaaddoonkee nan teesisu.
Yaa Haadha Faaris Faaroo beenu ni katamaa Aggaaroo…
Ofii Haati Faaris Faaroo eenyudha, nama dhugaan jiraattedhamoo kalaqa sammuu wellisichaati? Dubartii akkamii turte? Akkamiin Aggaaroo waliin yaadatamti, maalliif wellifameef?
BBC'n miseensa maatiifi maanguddoo argaa dhageettii dubbisuun seenaa Aggaaroo fi haadha Faaris Faaroo akkanaan qindeesseera.
Haati Faaris Faaroo Eenyu?
Haati Faaris Faaroo abbaa manaasaanii Abbaafiixaa waliin ijoollee sadii horachuun magaalaa Aggaaroo jiraataa turan. Ijoollee sadaan keessaa amma lubbuun kan jiran ilmasaanii hangafaa Girmaa Abbaafiixaa qofadha.
Obbo Girmaa Abbaafiixaa miidiyaatti dubbachu fedha waan hin qabneef, BBC'n intalasaanii dubbiseera. Intala ilma haadha Faaris Faaroo, Akaal Girmaa Abbaafiixaa magaala Aggaarootti barsiistuudha.
Haati Faaris ammoo akkawootti isheef oolu. Isheen Haadha Faaris qaamaan beekuu baattus waan abbaafi hangafoota isheerraa dhageesse BBC'tti himteetti.
"Haati Faaris Faaroo nama gaarii, jaalatamtuu biyyaa, haadha biyyaa" nama keessummeessuufi namoota waldhaban walitti araarsuun beekamu jechuun ibsiti Akaal Girmaa.
Dubartoonni Aggaaroo bilisummaa guddaa akka qaban kan yaadachiistu Akaal, waltajjiilee bashannanaafi taphoota gara garaa daaw'achuun kan baratamedha jetti.
Waltajjiin sirbaa artistoonni buleeyyiin akka Xilaahun Gassasaafaa irratti argaman gubbaatti taateen uumame ammoo maqaan akkawooshee, haadha Faaris Faaroo bara baraan akka yaadatamu taasise.
'Warqii mormasaanii ofirraa baasanii waltajjii irratti kennaniif'
"Artist Xilaahun Gassasaa fi artistoonni kaan ummata magaala Aggaaroo bashannansiisuuf waggaa waggaadhaan dhufu turan. Haati Faaris Faaroo maanguddoo biyyaati; keessummaa keessummeessuu badaa jaalatu. Nama jaalatu. Ofitti qabanii afeeruun keessummeesuun Aggaaroon waan fakkaattu mul'isaa turan.
''Bara sanatti nama beekumsa addaa qabanidha. Jireenyisaanii aartii waliin kan walqabatedha. Artist Xilaahun sirboota adda addaa gaafa sirbu, jaalala aartii waan qabanuuf, warqii morma isaanii ofirraa baasanii waltajjii irratti morma Artist Xilaahunitti kaa'an. Kun seenaa afaanuman haasa'amaa na bira gahe" jechuun seenaa maatii isheerraa dhageesse himti Akaal Girmaa.
"Jaalalli aartii ammoo warqii mitii" aarsaa guddaa nama baasisuu akka malu kan kaastu Akaal, waltajjii artistoonni beekamoo ta'an danuun, Aggaaroo galma Naasootti bara 1960'moota keessa ummata bashannansiisuuf dhufan irratti waan akkawoonshee raawwatan ibsiti.
Artist Xilaahun ammoo ergasii 'Asham yaa maatabee' jechuun baase kennaa haati Faaris Faaroo kennaniif waliin akka walqabatus dubbatti. Wallee sana keessattis, 'Yaa lookoo akkamiiree shaggee morma warqii' jechuun haadha Faaris ibseera artistichi.
'Dubartoonni bilisummaa qabu turan'
"Haati Faaris beekumsa addaa qabu. Hin sodaatani. Waan godhanis beeku; safuus beeku. Isaan qofa otoo hin taane, dubartoonni magaalaa Aggaaroo bahanii galma Naasoo keessa taa'anii artistoota simachuun, isaaniiyyuu Aggaaroon akkam akka qaroomte ibsuu danda'a.
''Manguddoonni yeroo sana turan aartii beeku; keessummaa simachuu beeku" jechuun dubartoonni bilisummaa qofa otoo hin taane itti gaafatamummaan akka jiraataa turan dubbatti Akaal.
"Aartii qofa otoo hin taane, wantoota nama bashannansiisuu danda'an biroo kan akka kubbaa miilaa, kubbaa harkaallee bahanii deeggaraa, ilaalaa turan. Haadholiin [bilisummaa] qabu turan; abbaa warraa isaaniillee kan kabajan turan. Abbaan manaa bara sana turellee, warreen manaa isaanii kan manatti cunqursan otoo hin taane [kan bilisummaa] kennaniif turan" jechuun seenaa maatiisheerraa dhageesse himti.
Abbaan manaa haadha Faaris Faaroo, Abbaanfiixaas nama guddaa Aggaarootti kabaja qaban akka turan kaasti. "Akaakayyuunkoo Hajii Abbaafiixaa Abbaadiggoo jedhamu. Bara sana isaanis Itoophiyaa keessaafi biyya ala illeen deemanii daldalaa turan.
Saa'udiitti deddeebi'aa turan. Amantaadhaanis nama biyyasaanii barsiifachaa, gorfachaa turan maanguddoo biyyaati" jechuun waa'ee akaakayyuushee dubbatti Akaal Girmaa Abbaafiixaa.
Maanguddoonni argaaf dhageettii akka himanitti ammoo yeroo sana haati Faaris Faaroo warqee mormasheerraa baastee artist Xilaahuniif kennuun aanga'oota yeroo sana turan waan aarseef akka artistichi lammata laga Gibee hin ceene dhorkamuu kaasu.
Kunis taateen sun hariiroo dubartoonni kaan abba manaasaanii waliin qabaniif fakkeenya gaarii hin ta'u sodaa jedhu aaga'aoota yeroo sana turan biratti waan uumeefidha.
Wallee mararoo sana booda 'Akkan Nagumaa fayyumaa' baaseen artisti Xilaahun hiriyaa dhabuusaa qofaa ta'uusaa, yaaddoon ishee hirribaa dhoowwuu kaasuun, eessattan si arga jedhee nama arguu barbaadee garuu arguu hin dandeenyeef an hirriba dhabee suman yaadaa bula jechuun dhaama.
Maanguddoonni kunneen wallee kana jaalala haadha Faaris Faarootiin walqabsiisuun, aanga'oonni erga akka artist Xilaahun gara Aggaaroo ykn Jimmaa hin dhufne dhorkanii booda wallee bahe ta'uus ibsu.
Akkan Nagumaa fayyumaa
Hiriyaa hin qabu qofumaa.
Dhuftee na ilaaltus gaarumaa
Eessattin si argaa garamiin firrisaa.
Mee nama naa dhaami bakkeen jirtu eessa
Yaa dammee yaa dammee
Yaa dammee bulbulaa.
An hirriba dhabee suman yaadaa bulaa
Akkam nagumaa fayyumaa?
Mucaan ilma haadha Faaris Faaroo garuu birmadummaa fi kabaja yeroo sana dubartoonni Aggaaroo qabaniin walqabsiisti.
Dubartoonni magaala Aggaaroo birmadummaa akkasumas itti gaafatamummaan akka socho'an kan kaastu Akaal Girmaa, bakka barbaadanitti socho'uun bashannanis miira itti gaafatamummaafi safuu hawaasaa hin cabsineen ta'uu himti.
'Keessummaan harka duwwaa Aggaaroo bahu hin jiru'
"Waan si dhibu Aggaaroon bara sana keessa paarkiis qabdi; bakka bashannannaas qabdi. Namoonni inumaa Jimmarraa ka'anii Aggaaroo dhufanii bashannanu turan. Artistoonnis Jimma guyyaa tokko bulanii, Aggaaroo ammoo ni daddabalu waan jedhamutu jira,'' jetti.
Ummannisaa jaalala; keessummaa ofitti qabuu beeka. Ammumayyuu gaafa ilaaltu aadaan kun Aggaaroo keessaa hin banne. Keessummaan kamuu gaafa dhufu Aggaaroo cheench bagowaroo [Aggaaroo Abbaa Booqaa biyya birriin dooqaa] jedhama mitii, harka duwwaa keessummaan bahu hin jiru jetti.
''Dhadhaas ta'u, dammas ta'u ni kennaaf, keessummaa harka duwwaa hin geggeessu" jechuun arjummaa hawaasa Aggaaroo dubbatti.
Artistoonni gaafa Aggaaroo dhufan ummanni "waan qabanillee gurguranii wajjiniin bashannanu. Hamma Finfinneetti geggeessu. Hamma kanatti jaalala aartii qaba ummanni Aggaaroo" jechuun jaalala Aggaaroon aartiif qabu ibsiti.
"Isaan [Haadha Faaris] qofa otoo hin taane manni isaaniillee seenaa qaba" jechuun manni isaanii bakka itti namoonni araaraman, walgahan akka ture yaadachiisti.
Aggaaroon maaliif dagatamti?
Aggaaroon dur arjummaafi namoota gargaaruun beekamtu boodarra garuu akka seenaa ishee otoo hin taane dagatamaa deemuu irraan kan ka'e guddinni ishee akka yaadametti hin deemne.
Artist Hacaaluu Hundeessaa albamasaa jalqabaa 'Sanyii Mootii' jedhamu keessatti, wallee "Maaliif Dagatamtii Aggaaroon?" jedhu gumaachee ture.
Kunis sochii misooma Aggaaroo deeggaruu keessatti gahee guddaa gumaachuutu himama. Artist Hacaaluun akkanaan maaliif dagatamtii Aggaaroon jechuun wellise.
Namuu biyya qabaa, biyya irraa dhalatuu,
Namni biyya malee hin dhalatuu,
Biyya seenaa qabdu, biyya wabii biyyaa
Maaliif dagatamtii Aggaaroon?
Dheebotaa dheebuu, kan beela'e otoon beela baasuu
Otoon isin qabuu anaan qilleensi nan raasu
Otoo isin jirtanuu maan guddina dhabaa
Yaa ijoolleekoo na qaqqabaa, harka na qabaa, jette Aggaaroon
Biyya bunaaf dammaa, Yaa dureettii biyyaa kan Rabbiin badhaase
Har'as si guddisuuf kaateetti ijoollenkee, anas kanat kaase
Yaa Kattaa Mudugaa, Coocee argama bunaa
Keessummaankee hunduu nadhii dammaa unaa
Artist Qamar Yuusuuf wallee isaa 'Alaan Aalan' jedhu keessatti maqaa Jimmaa, mootii Abbaa Jifaarii fi Aggaaroo kaasuun akkanaan welliseera.
Aggaaroo walakkaa jalli baarii, yoo michuu bafattes natti dhaami
Osoon Aggaaroo Jimmaa marmaaruu, foon narratti nyaatte qamaacaanii
Otoon jaalalaa jibbaa wallaaluu, garaa naa kutattekaa mucaanii
Daawwitee Mokonninis gamasaatiin wallee isaa 'Farda gurraacha lagarra kaachisanii' jedhu keessatti, 'Aggaaroo biyya bunaa' jechuudhaan maqaa dhayeera.
Qaroominniifi arjummaan Aggaaroo wellistoota Afaan Oromootiin sirbaniin qofa otoo hin taane artistoota afaan biraan beekamaniinis leellifameera.
Artistiin Niwaay Dabbabaas wallee afaan Amaaraa Gibeen gama jirti bareedduun tokko jedhu keessatti, 'Aggaaroones wayis Maji' [Aggaaroomoo Maajii jirta] jechuun jaalala Gibee gamaa isa qabe ibseera.
Jaalala isa qabes buna waliin walqabsiisuun ibseera.
Hariiroo Aggaaroo fi aartii
"Warqeen magariisa biyya kanaa bunadha" kan jedhan manguddoon argaa dhageettii Shanan Gibee Abdulkariim, Aggaaroo qabeenya bunaa bal'aa irraa kan ka'e daldaltoota, hojjetootaa fi artistoota hawwataa akka turte kaasu.
"Buna Abbaajoobir Abbaalubbuu nama jedhamutu Aggaarootti babal'isaa ture. Bara 1960'moota keessa gabaan bunaa akka idil-addunyaatti dabaluu kan yaadatan maandoddoon kun, "Aggaaroonis sababa bunaatiin gabaanshee ka'ee, hoo'itee, giddugaleessa gabaa taate" jechuun ibsu.
"Abbaamaccaa Abbaadagaa Abbaajoobir kan jedhaman Arooppilaanii bitachuuf birrii fudhatanii" mootii Hayilasillaasee bira dhaqanii akka turanis kaasu Abdulkariim.
Abbaan qabeenyaa Aggaaroo Abbaamaccaa Kiilolee jedhamuun beekaman kun "Kiilolee bakkee jedhamuu [dirree bal'aa] qabu" turan. Sooressas waan turaniif yaada xiyyaara bitachuutti akka dhufan kaasu.
Kanaan dura BBC'n seenaa dureessa Aggaaroo Abbaamaccaa Abbaadagaa jedhamuu kan xiyyaara dhuunfaa bitachuuf maallaqa fe'anii mootii Hayilasillaasee bira deemanii garuu harka duwwaa deebi'anii barreesse ture.
"Bara 1964 Itoophiyaa keessatti magaalli sooressi tokkoffaan Aggaaroodha. Kaampaaniin tokko tokko dhufuun hoteelonni gurguddoon banamaniiru" kan jedhan Abdulkariim, namoonni biyyoota addunyaa gara garaa irraa dhufuun Aggaaroo keessa jiraachaa akka turan dubbatu.
"Namichi lammii Faransaay Aggaarootti furnoo [daabboo]" tolchee dhiyeessaa akka tures yaadachiisu. Giddugala bashannanaas turte. "Night club [Waarisiisaan] baandiidhaan deggaramuun" akka hawaasa bohaarsaa tures himu. Aggaaroon burqaa artistootaa fi ispoortessitoota danuutis jedhu.
'Namni dhufee achitti bayyanata'
"Sirbitoonni ala dhufan wanti jarri achitti fiiganiif tokko, ummatasaatu qaroomaadha. Ispoortii, aartii, sirba jaalata ture. Nama miti, alas baalatu sirba. Kanaaf, ala dhufan ammoo maallaqa guddaa argatu, badhaasa argatu. Furtuu makiinaa badhaafamu" jechuun sababa artistoonni Aggaaroo jaalataniif kan kaasan maaguddoon argaa dhageettii kun.
"Waanan Aggaaroo irratti argadhu, badhaasa waggaa guutuu Itoophiyaa keessaa walitti funaanamee isan argadhu caala" jechuun akka wellistoonni haasa'anis yaadachiisu.
Yeroo Artis Xilaahun Gassasaa, Mahaammud Ahimad, Buzunesh Baqqalaa, Alii Birraa gara Jimmaaf Aggaaroo dhaqanii wellisaa turan ijoollee ta'anii akka yaadatan himu Abdulkariim.
"Ala sirbi lama, sadii hafu fiignee Sinimaa Jimmaa galla. Ala gallu Xilaahuun dugdaan ciisee sirba 'Hiwoot Sittinaffikany' jedhu" wellisaa ture jechuun mudannoo ijoollummaa isaanii himu.
Namni Aggaaroodhaa Finfinnee dhaqus uffannaa ammayyawaa ta'een ni beekama. Uffannaa lammiilee biyyaa alaa keessumaa uffannaa Xaaliyaaniitiin akka faayamanis kaasu.
"Jimaata Asmaraa dhaqanii Xinnaaf Guddaa [Sanbataa fi Dilbata] Asmaraatti bashannananii deebi'u" jechuun jireenya dureeyyii Aggaaroo yaadachiisu.
Lammiileen Hararii, Somaalee, Giriik, Yaman, Arman, Faransaayii fi kaan Aggaaroo keessa jiraachaa turuu kan kaasan Abdulkariim, "Bunni boroo si jira, hammaarradhu birriidha. Nagaas, jaalalas waan waan qabuuf namni dhufee achitti bayyanata" jedhu.
Biyya kana keessatti bara 1960'moota keessa qonnaan, qaroominaan, qabeenyaan, daldalaan, bashannanaan Aggaaroon warren hangaafaa keessaa akka taate kan kaasan manguddoon kun, "bara Dargii nama danuutu hidhame, dargaggoonni hedduun ajjeefamani" jechuun dhiibbaa siyaasni yerosii guddina Aggaaroo irratti fide kaasu.
"Guyyaa namnisaa jalaa du'u, daldallisaa jalaa du'u, dinagdeen achi jirummoo harka mootummaatti yeroo deebi'u [waalta'e], namnisaa hiyyoomee, magaalli isaas irraanfatame" jechuun sababa dagatamuu Aggaaroo ibsu.
Aggaaroon magaala soorettii yeroo magaalonni biyyattii tokko tokko hundaa'an deggarsa guddaa gochaa turte ta'uu kan kaasan manguddoon kun boodarra garuu xiyyeeffannaa dhabaa dhufuu dubbatu. Har'as Aggaaroon giddugala oomishaa bunaa fi dammaa ta'uun beekamti.