Piriimiyeer Liigiin Hagayya 11 deebi'a: Siitiin Barnileey, Arsenaal Foorest morkatu

Shaampiyoonaan bara 2022/2023 Maanchistar Siitiin bara dorgommii isa haaraa Hagayya 11 deebi'ee eegaluun, kilaba reefu ol guddate fi dursaa taphattootaa duraanii kilabichaan leenji'u Barnileey waliin morkata.

Gaafa 12 ammoo akkanuma erga bara 1992 liigichatti kan ol guddate Liton Taawun, Biraayitan waliin, kilabni biraan barana liigichaatti makame Sheefild Yunaayitiid ammoo Kirsitaal Paalaasiin keessummeessa.

Hagayya 13 ammoo Mawuriisiyoo Pochetiinoon bulchiinsa isaanii Chelsiin tapha jalqabaa dirree Istaanfoord Biriijitti Liivarpuuliin keessummeessa.

Guyyaadhuma walfakkaatu leenjisaan haaraan Tootenhaam Ange Postecoglou gara dirree Bireentifoorditti imalu.

Hagayya 14, Wiixatarra ammoo Maanchistar Yunaayitiid dirree isaa Oldi Tiraafoord irratti Wolviziin keessummeessa.

Barana waancaa sadii; Piriimiyeer Liigii, Chaampiyoonsi Liigiifi FA Cup kan injifate Siitiin bara dhufus liigicha yeroo afur walitti aanuuf injifachuun garee Ingilizii isa jalqabaa ta'uuf abjoota.

Gareen Peep Gaardiyoolaa baroota jahan darban keessaa si'a shan shaampiyoonaa ta'eera.

Morkataan isaanii bara dhufuu inni jalqabaa Barnileey, amma kan leenji'aa jiru dursaa taphattootaa duraanii Siitii kan ture Viinseent Koompaaniidhaani.

Kompaaniin waggoota 11'f Siitii waliin kan ture yeroo ta'u, waancaa liigichaa afuris waliin injifateera.

Barri dorgommii haaraan Hagayya 11 eegalu kun Caamsaa 19, 2024 goolabama.

Taphoota torbee jalqabaa

Jimaata, Hagayya 11

Barnileey vs Maanchistar Siitii

Sanbata Xiqqaa, Hagayya 12

Arsenaal vs Nootigihaam Foorest

Boornmaawuz vs Weestihaam

Biraayitan vs Luton Taawon

Evertan vs Fuulhaam

Sheefild Yunaayitiid vs Kirsitaal Paalaas

Niiwkaastil Yunaayitiid vs Astoon Viilaa

Dilbata, Hagayya 13

Bireentiford vs Tootenhaam

Cheelsii vs Liivarpuul

Wiixata, Haggayya 14

Maanchistar Yunaayitiid vs Woolverhaamten Wondereers