Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Halaand, Saakaa, Viniishiyees: Taphattoota addunyaarratti baayyee gati-jabeeyyii ta'an
Taphataan sarara fulduraa Maanchester Siitii Erliing Halaand, taphataa addunyaa kanarratti baayyee miyaa ykn gati-jabeessa jedhame. Akka qorannoon haaraa bahe mul'isutti, taphataan lammii Noorwey kun gabaa ammaa kanaan Yuroo miliyoona 245.1 baasa.
Taphataan sarara cinaa fuulduraa Riyaal Maadiriid Viniishiyees Juuner lamaffaa yoo ta'u, Bukaayoo Saakaa warra Arsenaal ammoo taphataa addunyaarratti qaalii ta'uun, sadaffaarra jiru akka ta'e gabaasni CIES Football Observatory dhiheenya baase ni mul'isa.
Taphataan Boorshiyaa Doortimoond Juud Beliingiham sadarkaa afraffaa qabateera.
Kilaboota gurguddoo Awurooppaa shananiin alatti ammoo taphataan sarara ittisaa Benefikaa Antooniyoo Silvaa hundaa ol qaaliidha jedhameera.
Moodeela saayinsii uumuudhaaf safartuuwwan gara garaa fayyadamuun CIES Football Observatory taphattoota hunda caalaa gati-jabeeyyii ta'an 100 baaseeera.
Qorannoon kun hangam taphattoonni kunneen gati-jabeeyyii akka ta'an ilaaldhuuf wanta ilalacha keesa galche keessaa tokko sochii maallaqaa 2,000 ta'an liigonni Awurooppaa gurgudoo shanan Adoolessa 2012 hanga Sadaasa 2021 baasanidha.
Dheerina yeroo kontiraataa taphattoonni kunneen kilaboota waliin qabanis ilalacha keessa galeera. Akkasumallee, umurii, goolii isaan galchan, kubbaa mijeessanii kennaniifi baayyina isaan garee biyyaalessaaf taphatan akka ulaagaatti ilaalamaniiru.
Haalaand dursaa jira
Bara kana Maanchester Siitii waliin rikkoordiiwwan haaraa galmeessuun, Halaand yeroo ammaa kana addunyaa irratti kubbaa-miilaan taphataa hunda caalaa miyaa ykn qaalii ta'edha.
Taphataan umurii waggaa 22 kun Kophee Warqee Piriimer Liigii bara kanaa mo'ateera.
Shaampiyoonaa Piriimer Liigii bara kanaa Maanchester Siitiif taphoota 35 irratti hiriiraa gooliiwwan 36 lakkoofsiseera Halaand.
Ganna darbe Paawondii miliyoona 51.2n Boorshiyaa Doortimoond irraa kan Siitii dhufe Halaand, gareen isaa FA Cup fi Piriimer Liigii akka mo'atullee godheera.
Taphataan kun akka Maanchester Siitii gadhiisee hin deemneef haala Peep Gaardiyoolaa itti waliigaltee mallatteessanis taphataan kun hangam akka addunyaarratti barbaadamuuf ragaadha.
Halaand Maanchester Siitii hanga ganna 2027 akka turu kontiraata mallatteesseera. Isa dura gadhiisa taanaan kilabni isa bitatu 'waan qabu itti duguugee' ta'a.
Waancaa Shaampiyoonsii Liigii Awurooppaa baranaa Sambata dhufu gaggeeffamuun, Maanchester Siitiin, Inter Miilaaniin mo'annaan gatiin Halaand akka caalaa dabalu shakkiin hin jiru.
Gabaan Saakaa ho'uu itti fufeera
Taphataan kilaba Arsenaal fi Ingilaand umuriin isaa waggaa 21 ta'e Saakaan taphataa adunyaa irratti baayyee barbaadamaafi qaalii ta'aa dhufeera.
Taphataan hiddi dhaloota isaa Naayijeeriyaa ta'e kun umurii ijoollummaatiin bara 2019 Piriimer Liigii keessa taphachuu erga eegalee gurra guddaa horachaa dhufeera.
Dandeetiin goolii lakkoofsisuufi kubbaa goolii ta'an mijeessee kennuun Arsenaal erga bara 2004 waancaa Liigichaa mo'atee as lamaffaa ta'ee xumuruun rikkardii akka foyyeessuuf gargaareera.
Ogeessonni kubbaa miilaas cimina taphataa kanaa amansiisaa akka ta'e dhugaa ba'uuf.
Akka gabaa bara kana qoratameetti Bukaayyoo Saakaa taphataa addunyaarratti isa qaalii ykn gati-jabeessa sadaffaa ta'eera.
Kana jechuun, amma Yuroo miliyoona 195.5 baasa jechuudha.
Haata'u malee, erga Arsenaaliif hanga Caamsaa 2027tti kontiraata mallatteesseee booda yeroo dhiyootti eessayyu kan deemu miti.
Viniishiyees Juunar Halaand qofatu isa caala
Taphataan urjii warra Riyaal maadiriid Vinishiyees Juunar umuriin isaa waggaa 22. Gabaa ammaatiin Yuroo miliyoona 196.3 baasuun Bukaayoo Saakaa caalee, Halaandiin ammoo caalamee lamaffaarra jira.
Taphataan lammii Biraazil waggaa tokkoon Saakaa angafu kun kontiraata inni Riyaal maadiriid waliin qabu ganna bara 2024 xumurama.
Kanaaf, kontiraata haaraa waggaa sadii ol dheratu mallatteessuuf murteesinaan VinishIYEes Yuroo milyoona 314.9 gaafachuun gatii Halaand darbuuyyu ni danda'a.
Taphataan umurii waggaa 19 ta'e Beliingihaam umurii kanaan dandeettii gaggeessumaa dabalatee cimina horachaa dhufeen barbaadamuun isaa dabalaa dhufeera.
Taphataan kilabaJjarman, Boorshiyaa Doortimoond kun gabaa ammaA kanaan Yuroo miliyoona 190.2 baasuun sadarkaa afraffaa qabteera.
Taphataan lammii Inglaand kun ganna kana Riyaal Maadiriiditti makamuudhaaf wal dubbachaa jiru.
Bara 2020 Barminghaam irraa Paawondii miliyoona 30n Doortimoond kan seene taphataan kun, yoo gara kilaba guddicha Ispeen kan deemu yoo ta'e Boorshiyaa Doortimoond maallaqa guddaa buufachuuf jiru.
Liigonni Awurooppaa gurguddoo shanaan - Piriimer Liigii, La Liga, Serie A, Bondosliigaa fi Firaans Ligue 1 - baasii gabaa taphattootaaf bahu olaanaa qabatu.