Hoogganaan al-Shabaab barbaadamaa ture ajjeefame - Somaaliyaa

al-Shabaab

Madda suuraa, AFP

Tarkaanfii waliinii humna waraanaa guyyoota darban keessatti gaggeefameen, hogganaa gartuu hidhattootaa al-Shabaab barbaadamaa ture ajjeefamuu isaa mootummaan Somaaliyaa ibse.

Odeeffannoon kun, Abdullaahi Nadiir hogganaa olaanaa gartuu al-Shabaab yeroo dheeraaf barbaadamaa ture akka ta’e eereera.

Sanbata nannoo Giddu Galeessaa Jubaa ganda Hamarkaa keessatti kan ajjeefamu yoo ta’u, kun kan ifa taasifame garuu Dilbata gara galgalaa ibsa ba’eenidha.

Qaamooleen idil addunyaa tarkaanfii kana irratti hirmaatan ifa hin taasifamne.

Milishootni biyyatti dhiyeenya gartuu al-Shabaab irratti miidhaa geessisaa turaniiru.

Mootummaan milishoota kanaaf meeshaalee waraanaa kennuu haaluus, humni nageenya biyyaleessaa pirezdaantii biyyatti dhiyeenya rasaasni kanneen al-Shabaabiin lolaniif kennamuu isaa BBC’tti himaniiru.

Dhiyeenya kana hidhattoota al- Shabaab kan al- Qayidaan deeggaraman irratti waraana mootummaan Somaaliyaa banetti diroonotni Turkii makamuu isaanii Somaaliyaan mirkaneessite.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

Xumura maxxansa X