Diroonotni Turkii lola Somaaliyaan al-Shabaab irratti bantetti ‘makaman’

Somaaliyaa

Madda suuraa, EPA

Hidhattoota al- Shabaab kan al- Qayidaan deeggaraman irratti waraana mootummaan Somaaliyaa banetti diroonotni Turkii makamuu isaanii Somaaliyaan mirkaneessite.

Ministeerri Dhimma Biyya Keessaa Somaaliyaa, Mo’aalim Fiqii, akka midiiyaa dhuunfaa Universal Somali TV’tti himanitti, diroonotni lolaa fi to’annoof fayyadan humnoota waraanaa Somaaliyaaf gargaarsa qilleensarraa kennaniiru.

Torbanoota dhiyoo darban keessa humnootni mootummaa Somaaliiyaa fi gosoota naannolee Hiraan fi Gaalguduud keessa hidhatanii jiranii, hidhattoota al-Shabaab bakkeewwan tokko tokkorraa ari’aniiru.

Miidiyaan mootummaa akka gabaasetti humni mootummaa haleellaa al-Shabaab irratti bane gidduu gala Somaaliyaa irraa gara naannoo Kibba- Lixaa Gedootti geessisuu himeera. Naannoo kana keessatti hidhattoonni kun bakkeewwan tokko tokko to’atanii jiru.

Biyyootii biro dabalatee Turkiin mootummaa Somaalii deeggaraa turteetti.

Buufatni waraanaa Turkii biyyattiin ala isa guddaadha jedhamu, magaala guddittii Somaaliyaa, Moqaadishuu keessatti bara 2017’tti kan hundeeffame yoo ta’u, wiirtuu kanatti loltooti Somaaliyaa kumaatamaan lakkaa’aman lenji’aa turaniiru.

Dirooniin Turkii dirreewwa waraanaan heddu irratti bu'a qabeessummaan isaa akkaan erga jajamee booda biyyoonni Afrikaa heddus riphee loltoota biyya isaanii keessa jiran loluuf diroonii kana bitachuutti jiru.

Waraana Yukireen keessatti, jalqaba yeroo Raashiyaan weerara irratti bantu meeshan waraanaa Yukireen adda dureen fayyadamte diroonii Turkii Bayiraaktar TB2 jedhamuudha.

Diroonii Turkii Bayiraaktar TB2 jedhamuun beekamu kana jalqaba kan itti fayyadame bara 2019tti Liibiyaa ture. Diroonii kana fayyadamuun mootummaan Liibiyaa UN dhaan fudhatama qabu hidhattoota Kaliifaa Haftar akka isaan Tirippoolii hin galle godhee ture.

Biyyootni Afrikaa biroon diroonii Tarkii kana itti fayyadamaa jiran Itoophiyaa, Morookoo, Tuniziyaa, Toogoo, Nijeer fi Chaad fa'adha.

Itoophiyaanis waraana Kaaba biyyattiitti gaggeeffame keessatti diroonitti heddu dhimma baate. Haa ta’u garuu xayyaara nam-maleessa kana fayyadamuun akkasuma balaa guddaa qaba. Hanga Ji’a Amajjii 2022 tti haleellaa diroonii Itoophiyaan gaggeessiteen lammiilen nagana 300 ol du’uu dhaabbileen gargaarsa namoomaa gabaasanii turan.