Booranatti balaa abiddaa sababa beenzila mana tureen uumameen namoonni afur du'an

Hasxaa Waajira poolisii godina Booranaa, aanaa Dilloo

Madda suuraa, Waajira poolisii godina Booranaa, aanaa Dilloo

Godina Booranaa aanaa Dillootti balaan abiddaa Dilbata galgala naannoo sa’aatii 2’tti mudate lubbuu namoota afurii galaafate.

Ajajaan Poolisii aanichaa Inispeektar Turee Dabbasoo BBC’tti akka himanitti, balaan kuni sababa beenzila seeran ala mana keessa turerraa ka’e.

Balaan kun ganda Qancaroo jedhamutti kan uumame yoo ta’u, namoota manicha keessa turan barsiisota dubraa lamaa fi barattoonni dhiiraa lama battalatti lubbuun isaanii darbe.

Balaa kanaan qabeenyi mana keessa jiru guutumatti akka manca’ee fi namoota lubbuun darbe afraniin alatti namni miidhaan irra gahe biraan akka hin jirres himan.

Naannicha buufatni boba’aa akka hin jirree fi namootni karaa seeraan alaatiin boba’a bakka dhibiirraa fiduun karaa seeran alaatiin mana keessa kaa’anii gurguru jedhan.

“Gochi kuni balaa guddoo akka qabu hawaasa barsiisaa turre. Beenzila mana keessa kaa’uun abiddi salphumatti akka ka’u waan godhuuf namootni gocha akkanaarraa of qusachuu qabu,” jechuun dhaamu Inispeektar Tureen.

Jalqaba ji’a Amajjii irrattis sababuma boba’a manatti kuusuu irraa kan ka'een Magaala Beddelleetti balaa abiddaa mudateen miseensota maatii tokkoo kan ta’an namoota afur lubbuu galaafachuu gabaasnee turre.

Gochi beenzila mana keessa kaa’uun daldaluu kuni magaalota gurguddoodhaa hanga gandoota baadiyyaatti waan baratamaa dhufedha.

Namootni buufataalee boba’aa irraa beenzila waraabuun mana keessatti kuusuun karaa seeran alaatiin qinixxaaboodhaan gatii dabalanii konkolaachistoota baajaajii fi doqdoqqeetti gurguru.

Beenzilli manatti karaa seeraan alaa kuufamuufi gurguramu salphaatti balaa abiddaa qaqqabsiisuu waan danda'uuf, hawaasni gocha akkasii kanarraa of eeggannoo gachuu akka qabu Inistektar Tureen dhaamsa dabarsaniiru.