Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Adaabbaatti dubartoonni obboleessa isaanii ajjeessan hidhaa cimaan adabaman
Yakki kun Godina Arsii Lixaa Aanaa Adaabbaa Magaalaa Adaabbaa ganda 01 keessatti ALI Fulbaana 14 bara 2016 raawwatame.
Himatamtoonni lamaan Tamiimaa Kamaal fi Arabee Kamaal jedhamu, obbolaadha. Obbolaan lamaan kun waldhabdee obboleessa isaanii miidhamaa dhuunfaa waliin qaban ka’umsa godhachuun haaloo bahuuf karoorfachuusaanii ragaan poolisii ni agarsiisa.
“Gidduu isaaniitti waldhabdee qabu. Waldhabdee kanarraa ka’uun xiiqii qabatanii, gadoo qabachuudhaan mari’atanii, karoorfatanii, galgala mana isaa keessatti iddoo inni ciisutti kan yakka ajjeechaa irratti raawwatan” jedhan BBC’f odeeffanno kan laatan Ripoortarri Qajeelcha Poolisii Godina Arsii Lixaa Inispeektara Itti Aanaa Ahimad Xaqassaa.
“Ta’e jedhanii itti yaaduun obboleessa isaanii ajjeesuuf mari’atanii tilmaamaan galgala keessaa sa’aatii 2:00 yemmuu ta’utti ulee qabachuun obboleessa isaanii mataa keessa iddoo garagaraa rukkutuun yakka ajjeechaa kan irratti raawwatan” jechuunis himan.
Himatamtoonni lamaan yakkicha erga raawwatanii booda Poolisiin to’annoo jala oolfamanii qorannoon irratti taasifameera.
Poolisiin iddoo yakkichi itti raawwatee ragaalee garagaraa walitti qabe. Kana malees ragaan qorannoo reeffaa mana yaalaa akka dhiyaatus taasifameera.
Abbaan Alangaa himatamtoonni lamaan Seera Yakkaa Itoophiyaa bara 1996 bahe keewwata 32/1 (A) fi keewwata 539/1 (A) cabsaniiru jechuun himannaa kan irratti bane yemmuu ta’u, Manni Murtii Olaanaa Godina Arsii Lixaas ragaalee namaafi sanadaa dhiyaatan qoratee murtee kenneera.
Keewwatawwan himatamtoonni darbuun ittiin himataman keessaa keewwatni 539 yakka ajjeechaa cimaa kan ilaallatudha.
Manni Murtii Olaanaa Godina Arsii Lixaa galmee Abbaa Alangaa erga qoratee fi jecha himatamtoota erga dhaggeeffateen booda dhaddacha Onkololeessa 9, 2016 ooleen himatamtoota Tamiimaa Kamaal fi Arabee Kamaal tokkoo tokkoo isaaniirratti hidhaa cimaa waggaa 18 murteesseera.
Murteen kun barsiisaa ta’uu kan himan Inispeektara Itti Aanaa Ahimad Xaqassaa, “Maatiinis ta’e namni kamuu walitti bu’uu danda’a. Haata’u malee, dhimma walitti buu’iinsa sana araaraan, mariidhaan, ilaafi ilaameedhaan taa’anii mari’atanii fala laachuun barbaachisaadha,” jedhan.
Dabalataan hawaasnis yakki akkanaa osoo hinraawwatamiin dura waldhabdeewwan maatii gidduutti uumaman akkanaa gidduu seenuun rakkoo jiru jaarsummaan furuun gaheesaa akka bahatu dhaamaniiru.