Putiin biyyoota lixaa meeshaalee waraanaa gurguddoo Yuukireeniif kennaa jiran akeekkachiisan

Pirezidaantiin Raasiyaa Vilaadmiir Putiin biyyoota lixaa meeshaalee waraanaa fageenyatti dhukaafaman Yuukireeniif kennaa jiran akeekkachiisan.

Meeshaaleen waraanaa gurguddoo biyyoonni lixaa Yuukireeniif kennaa jiran kun halaallaa Raashiyaan Yuukireen keessatti fudhattu akka cimsituufi daran baballiftu taasisa jedhan Pirezidant Putiin.

Akeekkachiifni kunis erga baatiiwwan muraasaan asitti Dilbata kutaalee magaalaa guddoo Yuukireen, Kiyeev, keessatti yeroo jalqabaatiif haleelanii booda.

Raashiyaan akka jettuutti, taankiiwwan Awurooppaadhaan dhiyaatan haleelleera jeette. Yuukireen garuu dhaabbata suphaa baabuuraati jette.

Gama biraatiin ammoo, waraana bulchiinsa Donbaas keessatti gaggeeffamuun janaralli Raashiyaa ajjeefameera.

Raashiyaan erga bulchiinsa kiyeev keessaa Bitooteessa duubatti deebiiteen booda, amma haleellaa cimsitee itti fuftee jirti.

Raashiyaan suutaan garuu waljalaan lafoon gara bahaatti kiiloomeetira dhiibaan yeroo babal'ifataa jirtuutti, biyyoonni hedduun ammoo meeshaa waraan Yuukireeniif kennuuf waadaa gaalaa jiru. Dhiheenya kanas US Sirna Rookeettii fageenyatti Dhuka'u ((HIMARS)) M 142 kennuuf beeksiifte turte. Meeshaan waraanaa kunis fageenya km70 irratti qiyyaaffannaa isaa sirreessee rukutuu kan danda'u yoo ta'u, meeshaalee Yuukireen amma qabdu irra kan fooyya'ee ta'utuu himame. Qondaaltoonni Waayiti Hawus agruu rookkeettiiwwan kan ergaman erga Voloodmiir Zeleniskiin akka kaayyoo biraaf itti hin fayyadamne waliigalameen ta'u himan. Kennaan Ameeriikaa kunis heliikoopartoota, meeshaalee farra-taankiifi konkolaattoota ciccimoofi meeshaalee jijjirraa akka hammatu himameera. Jarman gama isheetiin sirna ittisa waraanaa qilleensaa - the Iris-T -akka ergituuf waadaa galteetti. Kunis guutuu magaalattii haleellaa qilleensa Raashiyaa irraa akka dhorku himame.

Putiin gaaffiifi deebii Dilabataa TV mootummaa waliin taasisaniin, ''Waliigalatti, akka yaada kootti, dhiyyeessawwan dabalataa kunneen hundi galama tokko qabu. Kunis waraanni gaggeeffamaa jiru akka yeroo dheeraaf turu gochuufiidha,'' jedhan.

Hogganaan Raashiyaa akka jedhanitti, kan US dhiyeessite ''omaa haaraa miti.'' Garuu ammoo, Misaa'eeloota fageenyaa dheeraa qaban erguu irratti akeekkachiseera.

''Isaan haa ergan. Nuti ammoo kanarraa kaanee yaada murtee sirrii irra erga geenyaan booda meeshaa waraanaa qabnutti fayyadamna.

Bakkawwan hanga yoonaatti hin haleeliin rukkutuufis gahaa qabna,'' jedhe.

Ministeerri Ittaanaa Raayaa Ittisa Yuukireen Raashiyaa injifachuuf akka isaan gargaaruuf meeshaa dhiyeessaniif akka saffisiisaniif biyyoota lixaa gaafateera.

''Waraanaa yeroo dheeraa fudhatutti erga seenee deeggarsa walitti fufaa barbaadna. Warri lixaas deggarsi isaanii kan yeroo tokkichaa qofa ta'uu akka hin qabannee baruu qabaatu. Kan hanga injifannoo keenyaatti itti fufuu qabaatuudha,'' jedhan Haanaa Maalyaar miidiyaa biyya keessatti akka himaniitti.