UK'n misaa'ela fagootti dhukaafamu Yuukireeniif kennuuf

Yunaayitid Kingidam (UK) yeroo jalqabaatiif misaa'ela fageenyarratti dhukaafamuu danda'u M270 jedhamu Yuukireeniif kennuuf.

UKn meeshaaleen ammayyaa rookkeettii dhukaasuuf gargaaran kanneen yoomiifi hangam akka gara Yuukireenitti ergitu hin ibsine.

Haata'u malee, odeeffannoo BBCn argate akka ka'umsaatti misaa'eloota ittiin dhukaasan sadii ta'uu danda'u.

UK'n murtee kanarra kan geesse erga US waliin mari'atteen boodadha.

US ofii ishees kanaan dura meeshaa waraanaa walfakkaatu kan kinniteef yoo ta'u, Pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin meeshaa waraanaa Ameerikaan Yuukireeniif ergitu akka isaan dheekkamsiisee dubbachaa jiru.

Putiin Dilbata kaleessaa akka dubbatanitti, Ameerikaan meeshaa waraanaa kana Yuukireeniif kennuu hin dhaabdu taanaan haleellaa Raashiyaan Yuukireen irratti taasiftu daran akka cimstuufi ballistu dhaadataniiru.

UK meeshaa ammayaafi bayyee cimaa ta'e kana akkaataa itti fayyadama isaa ilaalchisuun loltoota Yuukireeniif torbanoota lamaan itti aanan leenjii nan kennaaf jetteetti.

Ameerikaan ammoo torban darbe ture misaa'ela dhukaafamu M142 jedhamu Yuukireeniif kan ergite.

Ameerikaan misaa'ela fageenya dheeraatti dhukaafamu kana gara kutaa bulchiinsa Raashiyaatti akka hin dhukaafne akeekkachiisuun ture kan kenniteef.

Amma siistemni rookkewettii M270 jedhamu fageenya kiiloomeetira 300 fagaatu kan dhukaafamu yoo ta'u, daqiiqaa tokko keessatti rookkeettii marsaa 18 dhukaasuu danda'a.

Rookkeettiin toonii 25 ulfaatu kun sa'aatii tokko keessa kiiloomeetira 64 fiiguudhaan humna diinaa haleeluu danda'a.

Putiin gaaffiifi deebii kaleessa TV biyyaalessaa biyyattii irratti taasisaniin, biyyoonni lixaa meeshaa waraanaa hedduu Yuukireeniif kennaa jiran akka waraanichi dafee hin xumuramne gochuudhaaf jedhan.

Raashiyaa magaalaa guddoo Yuukireen Kiyeev dhiistee xiyyeeffannoo ishee gara Bahaan kutaa bulchiinsa Donbaas irratti godhateen booda yeroo jalqabaatiif Dilbata kaleessaa Kiyeev irratti haleellaa raawwatteetti.