Abbaan suuqii tikeetii lootarii mo’ataa rekardii cabse gurgure doolaara miliyoona tokko badhaafame

Jooseef Chaahaayeed tikeetii lootarii gurguruu akka jaalatu dubbata.

Erga Kibxata darbe lootarii Ameerikaa ‘Powerball’ jedhamu qarshii guddaa kan rekardii cabse gurguruun booda immoo caalaatti gammaduu mala.

Abbaan suuqii kuni Altadiinaa, Kaalifooniyaatti tikeetii mo’ataa gurguruun booda badhaasa doolaara miiliyoona tokkoo argateera.

Akaakayyuun ijoollee ijoollee 10 bara 1980 moota keessa dha Siiriyaa irraa gara Ameerikaatti kan imale.

Qarshii argateen gammadaa tahuu himus, suuqii isaatti hojjeechuu akka hin dhaabnes himeera, ganama sa’atii 12:00 ka'een hinuman deema jedhe.

Dhaabbatni lootarii Powerball tikeetiin tokko doolaara biiliyoona 2.04 mo’ateera jedhe.

Tikeetii mo’ataa kana eenyu akka bitee hin beeku garuu namuma naannoo akka tahuuf abdii qaba jedhe Obbo Chaahaayeed.

Qarshii argateen garuu kaayyoonsaa ijoolleesaa gargaaruu akka tahe himeera.

‘’Ilmi koo ji’a lama keessatti mucaa godhachuuf jira, kanaan gammanneerra,’’ jechuun daa’ima argachuu isaaniif akka itti kabajatan hime.

‘’Hojiin kan koo torbee keessaa guyyaa torba hojjechuudha,’’ jechuun miidiya CBStti himeera.

Lootariin Kibxata mo’ate badhaasa lootarii addunyaa qarshii guddaa argamsiise dha jedhameera.

Carraan lootarii kana mo’achuu tikeetii miiliyoona 292.2 keessaa tokko qofa kan jedhuun Powerball tilmaamee ture. 

Tikeetiiwwan Powerball doolaara 2 bitamu, namni lootarii kana mo’ate qarshiisaa ala tokkotti fudhaachuu ykn qoqqodamee waggaa 29 fudhachuu danda’a.

Tahus mo’attoonni baayyeen qarshii isaanii al tokkotti fudhachuu filatu.

Mo’ataan miilanaa qarshiin al tokkotti fudhachuu yoo fedhe, doolaara miiliyoona 997.6 argata, taaksiinis irraa kutama.