'Itoophiyaatti daa’imman kuma 200tti siqan hanqina nyaataaf saaxilamaniiru'- Save the children

Itoophiyaatti daa’imman kuma dhibbaan lakkaa’aman hanqina nyaataan dararamaa jiraachuu jaarmiyaan ‘Save the children’ beeksise.

Jaarmiyaan gargaarsaa idil-addunyaa lubbu-baraarsa daa’immaniirratti hojjatu kun Itoophiyaatti daa’imman 185,000 hanqina nyaataa hamaan dararamaa jiru jedhe.

Itoophiyaa kutaalee harka caalutti hongeen ganna 40 keessatti mul’atee hin beekne kan mudate yoo ta’u, keessattuu daa’imman kichuun beelaaf saaxilamuu beeksise.

Itoophiyaatti bakka buutuun jaarmiyaa kanaa Zhaaviyar Joobarti, dandeettiin hongee babal’ataa jiru dandamachuu sababii walitti bu’iinsaafi weerara Covid-19’n laafe jedhan.

Jiraattonni horiin isaanii jalaa du’an qe’eesaanii gatanii baqachuuf dirqamaniiru jedhan Zhaaviyar.

‘’Waqtiiwwan roobaa afur hanqinni roobaa mudateera. Waqtiin inni shanaffaanis akkasuma ta’uu mala,’’ kan jedhe jaarmiyaan kun, Itoophiyaatti namoonni miliyoona 30 ta’an deeggarsa namoomaa barbaadu jedhan.

Jaarmiyaan kun akka jedhutti, hanqinni nyaataa ji’oota 12’n darban keessatti %64 dabale, kanarras caaluu mala jedhee akeekkachise.

Itti dabaluun akka ibsetti, Gaanfa Afrikaatti rakkoon hanqina nyaataa sababa weerara Koovidiin [Covid] akkasumas waraanaa Yukireenitiin gatiin nyaataa qaala'uu fi hanqina deeggarsaatiin jabaateera jedhe.

Hanqinni nyaataa kun ji’oota lamaan dhufan akka jabaatee itti fufu kan eere jaarmiyaan kun deeggarsi atattamaa akka kennamu gaafate.

‘’Beelli hamaa waan taa’ef beeyladoota, daa’immaniifi dubartoota miidhuu eegaleera,’’ jedhe.

Baha Itoophiyaa naannoo Somaaleetti jiraattonni jaldeeyyii beela’an uleen ofirraa ittisuun qorumsa isaanitti ta’uusaa jaarmiyaan kun akka fakkeenyaatti eere.

Daa’imman rakkoo kanaan miidhamuun, kanneen kuma dhibbatti lakkaa’aman hanqina nyaataa cimaaf saaxilaman jedhe.

‘’Dhibeen kun madinummaa qaamasaanii kan laaffisu, lubbuu isaaniif kan yaaddessudha. Dhibee biraaf yoo saaxilaman du’uu malu,’’ jedhe.

Ji’oota muraasan dura jaarmiyaan gargaarsa daa’immaniirratti hojjatu UNICEF naannolee Affaar, Oromiyaa, Ummattoota Kibbaa fi Somaaleetti hongeen mudachuu hordofee namoonni miliyoonaan lakkaa’aman rakkataniiru jedhee ture.

Naannolee arfan keessatti hongeen mudate namoota miliyoona torba rakkoof waan saaxileef deeggarsi atattamaa akka barbaachisu akeekkachiisee ture.

Hongee mudate kanaan beeyladonni hedduun du’aniiru, hanqina soorataa fi bishaaniitiin namoonni hedduunis qe’eerra buqqa’aniiru.

Tibbana naannoo Affaaritti sababii waraanaafi balaa uumamaatiin namoonni miliyoona 1.3 caalan hanqina soorataaf saaxilamuu qondaaltonni naannichaa himaniiru.

Sababa kanaan lubbuun daa’immanii darbuu akka jiru dhaabbileen gargaarsaa himaniiru.

Hongee ganna 40 keessatti isa hamaadha jedhame kanaan biyyoonni Baha Afrikaatti argaman biroos miidhamaniiru.

Biyyoonni akka Keeniyaafi Somaaliyaa iddoowwan muraasni hongee kanaan miidhaman.

Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii Caamsaa darbe akka beeksisetti ardiin Afrikaa ardiilee biroo caala waggoota lamaan darban hongeen miidhamte.

Dhaabbatichi yaa’ii dhimma beelaa, hongeefi dhiqama biyyeerratti Ayiivoorii koostitti taa’een barana roobni dhabamuun namoota miliyoona 20 ta’an akka yaaddeesu beeksise.

Ganna lamaan darban biyyoota sababii gogiinsaatiin labsii yeroo muddamaa labsan 23 keessaa 14 biyyoota Afrikaa ta’uun yaa’ii kanarratti ibsameera.