Putiin Awurooppaan niwukilara Raashiyaa ofirraa ittisuu hin dandeessu jechuun akeekkachiisan

Pirezidantii Raashiyaa Vilaadmiir Putiin

Madda suuraa, EPA

Raashiyaan erga Yukireen irratti weerara eegaltee ololli isheen akka dhaadannootti oofaa turte inni ijoon meeshaalee waraanaa niwukilaraan nama doorsisuu ture.

Kanneen biyya niwukilara hidhatte akka Raashiyaa kana mo'achuun to'annoosaanii galchuuf yaalan balaa hamaatu isaanirra ga'a jechuun akeekkachiisaa baate.

Har'a Pirezidanti Putiin Raashiyaan injifannoo barbaaddu Yukireen keessatti argachuuf meeshaan waraanaa niwukilaraa ishee hin barbaachisu jedhaa jiru.

Haata'u malee, Raashiyaan haala akkamii keessatti niwukilara fayyadamuu dandeessi kan jedhu ammallee hin jijjiiramne jedhan Putiin.

''Qajeeltoon kun seera yoomiyyuu jiraatudha. Addunyaa nu marsee jiru keessatti maaltu ta'aa akka jiru itti dhiheenyaan hordofaa jirra.

''Haala jiru ilaallee dhimma niwukilaraa keenyaanis walqabsiifna. Kun shaakala meeshaalee waraanaa niwukilaraa waliinis walqabata.''

Aab Putiin biyyoota Awurooppaa Yukireen tumsaa jiraniifis erga akeekkachiisaa dhaamaniiru.

Raashiyaan ''meeshaalee waraanaa niwukilaraa tooftaa fi tarsiimoo jabaan taliigaman kan ardii Awurooppaa keessa hin jirre qabdi. Yoo Ameerikaan kanshee fiddee kenniteefiyyuu keenya hin ga'u,'' jedhan Putiin.

''Awurooppaan sirna akeekkachiisa jalqabaa kennu kan mataashee tolchattee hin qabdu,'' kan jedhan Putiin ''haala kanaan ofirraa ittisuufillee humna hin qaban,'' jechuun akeekkachiisan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Raashiyaan erga Yukireen irratti waraana eegaltee amma waggaa sadaffaa qabatee jira, sababa kanaan biyyoonni lixaa qoqqobbii hedduu fi jajjaboo ta'an Raashiyaarra kaa'aniiru.

Garuu kun homaa hin jijjiirre. Yeroo ammaa kana diinummaan Raashiyaa fi biyyoota lixaa akkaan hamaateera, sadarkaa dhala namaa hunda yaaddessurra ga'eera.

Torban darbe keessa Pirezidanti Putiin biyyoota lixaa keessatti iddoo barbaadan haleeluuf, biyyoota kaan meeshaalee waraanaa fageenya dheeraa irratti haleellaa qaqqabsiisuu danda'an akka hidhachiisan ibsaniiru.

Akeekkachiisi Putiin kun erga biyyoonni miseensa Nato ta'an Yukireen meeshaalee waraanaa biyyoonni lixaa arjoomaniif fayyadamuun humnoota Raashiyaa daangaashee keessatti haleeluu dandeessi jechuun eeyyama kennaniifii dhagahame.

Aab Putiin yaada kana har'as irra deebi'uun jabeessanii dubbatan.

''Nutis ammaaf meeshaalee jenne kunneen dhiheessuu hin eeggalle. Garuu mirga guutuu akka qabnu ibsuufi.

''Keessattuu biyyoota kanneen meeshaalee waraanaa Yukireeniif kennuun ittiin Raashiyaa haleelaa jedhaniin hacuucamaa jiraniif meeshaa waraanaa ni kennina,'' jedhan.

Kanarratti ibsa bal'aa hin kennine, biyya kamiif akka meeshaa dhiheessanis maqaa hin dhoofne.

Ofii Raashiyaa kutaa addunyaa kamiif misaa'ela ishee kennuu malti yookiin dandeessi?

''Iddoo ni barbaachisa jennee amanne hundatti, bakka feene sana meeshaalee keenya inuma keenya.

''Akkuma Pirezidanti Putiin ibsanitti, gaaffii gaafatame kana irratti qorannoo gaggeessaa jirra,'' jechuun TV biyyattiirratti oduu dhiheessuun daran kan beekamu Vilaadmiir Solovyov.

''Yoo nu miidhuuf yaalta ta'e, nutis si miidhuuf carraa bal'aa akka qabnu sirriitti beekuu qabda.''