Waggaa 36 dura... xiyyaarri Koloneel Mangistuu attamiin osoo hin gubatiin hafe?

Guyyaansaa Kibxataa, waggaa 36 dura ture. Addeessi gaafas baate 'xaafii nama haamsifti' jedhan Kolenel Kaasaayee Taaddasaa. Guyyaa dhiphinaa sana akka kaleessaatti yaadatu.

Waggaa 36'n dura, Caamsaa 1989 biyyaatii keessatti waan cimaa tokkotu ta'e ture. Dimshaashumatti waanti gaafas ta'e 'ajaa'ibuma' jechu wayya ta'a.

Jeneraal Mari'id Nigusee ajajaan Itaamaazhurii Humna Ittisaa, guyyaa itti of ajjeessan ture. Jeneraal Mari'id ilaalchisees seenaa wal dha'aatu jira.

Shaambal Iyyoob Abaatee yeroo sanatti miseensa tika nageenya loltummaa turan. Fonqolcha mootummaarratti qorannoo taasisaniiru. Du'a janaraal Mari'id ilaalchisees seenaa adda ta'e qabu.

Wayita sanatti bira kan tureefi gonkumaa maqaansaa akka hin himamne kan gaafatee loltuun eegduu addaa natti himeera jechuun BBC'tti akka himaniitti, janaraal Mari'id ofiitti dhukaasanis lubbunsaanii battalumatti hin baane.

Ambulaansiin waamamee dhufulleen gara hospitaalaatti osoo hin taane gara masaraatti geessite.

Yoo xinnaatees gara sa'aatii 6'f loltoota lamaan eegamaa erga turanii booda lubbun ambulaansiidhuma keessatti baate.

Kunis beekuma gara jabiinaan kan raawwatame yookin ammoo hogganaa fonqolcha mootummaa irratti yaale eenyutu ija jabaatee hospitaala dhaqee wal'aansa haa argatu jedhe dubbata sodaa jedhuunis ta'uu mala.

Gama kanaan hogganaa humna qilleensaa kan turan janaraal Ammahaan abbaa carraa turan jechuun ni danda'ama.

Janaraal Ammahaan gara walgahii kan galan shuguxiisaanii konkolaataa keessatti dagatanii ture. Shuguxii barbaacha fiiganii biiroo yoo seenan kilaashii tokko argatan. Isaanis ofi ajjeessan.

Reeffii isaaniis maramee ambulaansii lubbuun janaraal Mar'id keessatti baate sana keessa kaa'ame ture, akka shaambal Iyyoob argeera jedhanitti.

BBC: Shaambal! Haala du'a janaraal Mari'id ilaalchise kan amma jechaa jirtan kun seenaa hanga har'aatti hin dhagahamnedha. Loltuu natti hime jettan sana ni amantu?

Shaambal Iyoob: Miseensa eegdoota addaa kan turedha. Wanti halkan sana arge hanga yoonaatti isa jeeqaa jira. Seenaan jallatee himamnaan aaree, dhugaasaa ''sirreessii barreessi, ani achin ture' naan jedhe. Halkan sana achi turuusaas loltu biraarraa mirkaneeffadheera.

Caamsaa 16 bara 1989, Guyyaa dhiphiinaa

Guyyaa sana ture miseensa humna qilleensaa kan turan janaraal Abarraa Abbabaa ajajaasaaniifi Ministira Ittisaa Janaraal Haayilagorgiisiin ajjeessuun uffata geedarachuun dallaarraan utaalanii kan miliqan.

Seenaan kun ammallee ifa miti. Maaliif miliqan? Maaiif ministiricha ajjeessan?

Osoo fonqolcha mootummaa hogganan attamiin ministira tokkicha ajjeessuun yakka guddaa ta'ee miliquuf dirqaman?

Gaaffiiwwan waggootaaf deebii hin hargatiin jiran.

Janaraal Faantaa Balaay midhaaniifi bishaan malee halkaniifi guuyyoota sadiif konteenara keessa dhokatanii ture...

Qophaa'inni barnootaafi gahumsi hoggansaa janaraal Faantaa biyya hogganuuf kaadhimamaa isaan taasisee ture.

Osoo fonqolchiichi fiixaan bahe silaa biyyattii kan hogganan isaan ture. Janaraal Faantaa guyyoota sadiif konteenara keessa turuu isaanii kanas ummanni akkasiin afaan Amaaraan qoosee ture:

_"ፔፕሲ ኮካ ኮላው ከከተማ ጠፍቶ_

_ፋንታ ተገኘ አሉ በኮንቴይነር ሞልቶ"_

"Peepsii kokaan magaalaa keessaa badee-

Faantaan argame jedhan konteenara guutee" akka jechuuti.

Hallkan sun guyyaa biyyattiin janaraaloota ciccimoo, kabaja olaanaa qabaniifi kanneen bakka bu'oota hin qabne guyyaa tokkichatti itti dhabdedha.

Isaanis Itoophiyaa bira darbee, aardiin Afrikaa osoo addunyaa biraarraa weerarri mudatee kan fuldura hiriirsuu dandeessu janaraaloota addaa turan…

Caamsaa 16 maaltu ta'e?

Koloneel Mangistuun haadha warraa isaanii Wubaanchiifi intala isaanii Tigist waliin ta'uun Jarman bahaa dowwachuuf imaluuf gara sa'aa booda Booleetti argaman.

Mangeen abshaala waan turaniif beekuma diina dogongorsuuf jecha sa'aa dabarsanii ykn dursanii argamu. Kan isaaniirratti shira xaxu baay'ee waan tureef.

Guyyaa sanas akkasuma bariin deemna jechuun ministira nageenyaa isaaniitti himan. Ministiroonnis dhugaa se'anii bariin Booletti argaman.

Mangeen garuu guyyaafatanii ture fuula guraa kan dhufan...

Janaraaloonni isaan gaggeessuuf dhufan garuu baay'ee waxirfachaa turan. Hojii ariifachiisaan waan isaan eeguuf gara biirootti dafanii deebii'uu qabu turan.

Hojiin isaan eegattu 'Mangee' kaasuun mootummaa haaraa dhaabuu ture.

Janaraalotas 'kutannoo' qajeelfama warraaqsaa kennuu Mangeetiin ijoollee hiyyeessaa kumaatama dhabuun isaan nufisiiseera.

Dula Alfaabeete, Qayi Kokab, Baahira Nagaash fi kanneen biroo irratti kumaatamni akka baalatti harca'aniiru.

'Mootummaan waraana akka hojiitti ilaalu attamiin ummata bulchuu danda'a' jechuun ture keessa keessa gumgumaa kan turan.

Mangistuunis kana osoo dhagahee janaraalonni hin hafan ture. Kan seenaa gaddisiisaa Birgaadar janaraal Taarikuu Ayinee, hogganaa olaanaa Iizii Naadaw dhaga'ee Mangee waliin hin qoosu.

Dinagdeen biyyattii dadhabee ummanis beela'aa ture. Loltoonni koshoroo gogaan lolaa turan.

Janaraalonnis ''maaf waraana hiikaa hin qabneef ummata keenya fixna? Rakkinni kaabaa siyaasaan malee qawween hin hiikamaa?'' jechuun Mangee duuba gumgumaa turan.

Koloneel Mangistuun garuu waanti hundi gara adda waraanaatti jechuu itti fufan. Kana malees, ajajoota waraanaa caalaa kaadiree isaanii amanu turan.

Janaraaloonnis ''Namni kun kan nu hin dhageenye erga ta'ee maaf hin dhabamsiifne?'' jedhan osoo homtuu isaan hin dhagahiin.

Fonqolcha raawwachuufis qophiin xumurame. Kanaaf, guyyaa Caamsaa 16 sana Mangee dafanii gaggeessuun kan barbaachisaa tureef...

Shaabiyaa waliin ariitiin mariif taa'amuu qaba. Dhimma alaa kan ilaalattuuf ajajaa kumaa Daawiit Waldagoorgiis kan dura Mangee haalee qopheeffataniiru. Isaan boodas Janaraalonnis gaggeeffamuu Mangee haalaan eegaa turan.

Waggaa 36 har'aa Caamsaa 16 gara guyyaa sa'aatiin siquu didee…

Hogganaa biyyaa gaggeessuun aadaa waan tureef… ''Jaal Mangee nagaan si yaa deebiisu'' jechaa mirgaa fi bitaan hiriiranii nagaa dhaamaniif janaraaloonni isaa.

Mangeenis seeqa isaanii akka caama ganamaa sana agarsiisuun deebii kennaniif. Umaan maaliif laata kan abbootii irreetiif ilkaan bareedaa akkasiifi umurii dheeraa kan keennuuf?

Kan nama dhibuu garuu... gaggeessaa Boolee guyyaa sanaarratti janaraal Mari'id Nugusee hin argamne.

Kunis sababii barriisaa kan waraanaa tureef yeroo dhabaniitii jedhamuuf ni danda'a ta'a. Adda waraanaa hundatti 'foxxoqaa-foxxoqsiisaa' looluuf raayyaan 'waraana diinaa' kumaatama waliin wal lolaa jira.

Haala akkasii keessatti gaggeessaaf argamuu dhiisuun omaa miti. Ta'us janaraalichi gaarii hin hojjanne.

''Mari'id maal ta'eeti hogganaa kutataa keenya osoo hin gaggeessiin hafee? jechuun shakkii xiqqoon shuumii nageenyaa koloneel Tasfaayee Waldasilaaseetti osoo hin umamiin hin hafne.

Akkuma ta'an ta'anii hogganaasaanii gaggeesuti irra ture. Isaan garuu waajjirasaanii Ministira Ittisaa siiniimaa Ambaasaadar biratti argamu keessa ta'uun waa'ee fonqolcha mootummaa dinqisiisaa jaarraa sanaa barreessaa turan.

Xiyyaarri Mangee attamiin hin gubatiin hafe?

Mangistuun kanneen laaqanaaf yaadan ciree taasifachuu itti baraniiru ta'uu mala. Guyyaa sanatti garuu cirees, laaqanas irbaatas taasifamuuf kan turan isaanuma.

Kanas gonkumaa hin beekan. Imalaaf xiyyaara yaabbataniiru.

Osoo samiirra jiranii xiyyaara isaanii rukkutuun dhimma itti walii galame ture. Kana kan mirkanneessan ammoo hoggantoota ittisaa hundumaa jechuun ni danda'ama.

Erga Mangee gaggeessanii deebii'an booda garuu yaadni biraa itti dhufe.

''Jaalleewwan, maaf rukunnaa garuu?''

''Maal jechuudha…''

''…isa ajjeessuuf jecha lubbuu namoota nagaa 70 balleessuurra…''

''Lakki, lakki dhimma kanaratti boodatti osoo deeebi'uu baannee wayya… walii gallee kan xummurree moo?

''Waliigalleerra ta'a. Garuu Aaddee Wubaanchii, Tigist? Balaliistoonni lammii keenyaa miti? Maal balleessaniitu daafaa nama kanaatiin kan ajjeefaman? … yaadni kunis tarii ajajaa humna qilleensaa janaraal Ammahaa irraa kan dhufe ta'uu hin oolle.

''…kanaaf, jaalleewwan maaltu nuuf wayyaa? janaraal Mari'id akkasiin gaafachuu hin oolle.

''…xiyyaara loltuutiin dirqisiifnee Asmaraa qubachiisuu nuuf wayyaa? kan jedhu yaada furmaataa kenname ta'u mala.

''Asmaraan waan hin taanedha. Humna qilleensaa Mangee garmalee leellisuutu achi jira.''

Wayita kanattis hogganaan duulaa janaraal Abarraa akkas jedhanii ta'a: ''Jaalleewwan asiifi achi jechuun kun maalidha? Dhimmi waliin irratti waliigallee mirkanneessinerratti maal boodatti harkifannaan akkasii? Kun qoosaa miti!

"Diraamaa osoo hin taane fonqolcha mootummaa gaggeessa jirra. Xiyyaara dura taa'ichaa kan hin rukunnee yoo ta'e booda kan rukutamu numa… ani keessaa hin qabu…''

Janaraalonni walii galuu dadhaban. Kunis jalqaba dhumasaanii ta'e.

Janaraalonnis akkasiin osoo waajjirasaaniitti wal mormaa jiranuu xiyyaarri Mangistuu qabattee Boolee kaates osoo samiirratti hin rukutamiin ykn dirqiisiifamuun Asmaraa hin qubsiifamiin daangaa qilleensa Itoophiyaatii fagaate.

Jeettiiwwan xiyyaaricha rukutuuf dallaa humna qilleensaa Bishooftuu keessa of-eegannoon eegaa turaniis mootarasaanii balleessan.

Asmaraatti garuu 'Mangeen ajjeefamaniiru'

Asmaraatti hogganaan humna ittisaa warraaqsaa 2ffaa kan turan janaraal Damisee Bultooti. Siriiyyuu yaada fonqolcha mootuummaa kan eegalan keessaa ta'uu hin oolle.

Ittaanaa isaanii waamuunis dubbichi toora qabachuu mirkanneessaniif. Janaraal Qumilaachoonis komaandoowwan 433 antonooviitti fe'achuun gara Finfinneetti akka imala eegalaniif itti himan.

Janaraal Qumiilaachoonis miseensoota humna qilleensaa biyyattiin qaba jettuun 'ka'aa! Socho'aa' jedhaniin.

Mana loltuutti hogganaan yoo ajajuu 'Tole' malee 'Maaliif' hin jedhamu.

Osooma antonoovicha keessa jiranii janaraal Qumilaachoon ol utaalanii ka'an. Gargaaraan isaaniis meeshaa quunnamtii dabarsanii itti kennan.

Waraqaa tokko kiisii isaanii baasuun dubbisuu eegalan. ''Mangeen ajjeefameera. Waraanni xumurameera. Baga gammaddan!" jedhan.

Loltonni antonoovicha keessa jiran hundi gammachuun harka rukutan. Antonoovii sana keessa kan turaniifi ammas lubbuun kan jiran Letanant koloneel Kaasaayee Taaddasaa BBC'tti akka himaniitti.

''Mangistuun ajjeefameera yoo jedhamu jalqaba nan nahe. Booda hundu harka rukutuu yoo eegalan anis harka rukute,'' jechuun haala yeroosan ture ibsu.

Kun anitonoovicha keessatti samiirratti yoo ta'u, raadiyoon Asmaraas Mangistuun ajjeefamuu labse.

Balaliinsa sa'aa tokkoofi walakkaan booda janaraal Qumilaachoon komaandoowwan isaa qabachuun Finfinnee 'Xoor Haayilooch aviyeeshiinii' loltootaa Lidataa galan.

Komaandoowwan hafan ammoo achuma Boolee Daandii Qilleensaa akka to'atan taasifaman.

Hojiin komaandii kanaas buufatawwan raadiyoo to'achuu, namoota fonqolcha mootummaa taasisaniif haguuggii kennuu, tarii humni Mangeef 'morma kiyyan keenna' jedhu yoo jiraate morma irraa buusuudha.

Raadiyoon Asmaraa Mangistuun ajjeefamuu kan labse dursee ture. Janaraal Qumilaachoonis kan beekan Mangistuun ajjeefamusaati.

Raayyaa Xoollayii dhufe

Humna janaraal Qumilaachoon hogganamee fonqolcha mootummaa haala qabsiisuuf Finfinnee galeen alattis komaandoon biraa Xollaayis socho'eera.

Janaraal Wubatuu Tsagaayee namoota shira xaxaa turan keessaa harka hin dhabu. Ammas biyya Ameerikaa lubbuun jiru.

Isaanis waraana gara Finfinneetti ergamu qopheessuun garee Koriyaa Kaabaatii dhufe simatanii dubbisaa turan.

Maqaan komaandii addaa Xoollay turee 'Ispaartaa jedhama. Koriyaan Kaabaan waraana magaalaafi waraana addaatiif kan leenji'anidha.

Janaraal Wubatuunis osoo qajeelfami ifa ta'e hin qaqqabiin looltoota addaa 150 gara Finfinneetti erganiiru. Isaanis dirree mana poostaa fuulduratti argamu qubachuun ajaja eeggachaa turan.

Ministera Ittisaa fuuldura Ambaasadariitti argamu keessatti…

Gamoo Ministeera Ittisaa darbii tokkoffaarratti galmi walgahii Itamaazhoor shuumootaa ni argama. Galmi kunis gara Baankii Biyyaaleessaatti garagala.

Galma kana keessattis warri fonqolchaa raawwattan 18 mari'ataa jiru. Lakkoofsi isaanii ni dabala, ni hir'ata. Garuu janaraalli biyyattii kan hafee hin turre.

Janaraal Danboobaafi jaalatamaa Mari'idiin dabalatee, ajajaan Humna Galaanaa Riir Admiiraal Tasfaayee Birhaanuu, ajajaan humna qilleensaa janaraal Ammahaa, ajajaa waraana lafoo janaraal Haayiluu, ajajaa poolisii ittisa Warquun ni argamu.

Akkasumas, janaraal Fantaa Balaay, Janaraal Abarraa Ababbaa, Janaraal Damisee Bultoo kan ummanni waa'ee gootummaasaaniif dhugaa baheef jiru. Eenyutu hafeeree?

Janaraal Damise Bultoo qaamaan walgahiicharratti argamuu baataniis yaadaan walumaan turan. Gamasaanitiin Asmaraatti hojii manaa hojjachuun xumuraniiru. Raayyaan biyyattii harki sadii keessaa lama isaan jalatti argama.

Hanga yoonaattuu dhimmi dinqisiisaan waraanni Asmaraa haaluma dura karoorfameen xiyyaarri Mangee rukutamuusaa beeka. Kanas raadiyoon himsiisaniiru.

Ajajoonni waraanaa 18 kunneenis raayyaa biyyattii miliyoona walakkaa ta'an ajajuu. Hundinu dhimma fonqolchaarratti walii galaniiru. Hunduu walgahiirratti argamu. Tarii kanatu isaan dagachiisee laata?

Walgahicharratti boqonnaa kan dhaban janaraal Abarraa turan. Ajajaan duulichaa janaraal Abarraan duras ariifataadha jedhamu.

Miirrisaanii waan ta'e itti himuu hin oolle. Walgahiicha jidduun bahuun dallaa keessa waan jiru to'atu. Kana jidduun sagalee taankii kan dhagahan itti fakkaate.

Ajajaan qajeelcha bulchiinsa ittisaa janaraal Umar hordofsiisuun lafa alaabaan dallaa ittisaa itti fannifamuu dhaabbachuun namoonni biiroo keessa turan hundi akka bahan ajajuun haasaa taasisuu eegalan. Xumura Mangees himuun harki rukkutamee...

Ajjeeffamuu Ministira Ittisaa

Ministirri nageenyaa Tasfaayee Waldasilaasee shirri itti urgaa'eera. Biiroosaanii Baambisitti argamu irraa gara Masaraa kiiloo 4'tti qaxxisan.

Gargaaraa addaa Mangee Mangistuu Gammachuu waamuun walgahii ariifataa eegalaniiru. Fiqrasillaasee Wagdarras fa'is keessatti argamu.

Minisitirri ittisaa janaraal Haabtagoorgisiin waamuun, "ofii biiroo kee keessatti maal ta'aa akka jiru beektaa?" jechuun gaafatan.

''Lakkii gonkumaa'' jedhan ministirichi. Deemanii akka adda baasaniif yaadni dhiyaate. Bakka dhaqanitti hafu jedhee kan yaade hin turre.

Ministirichis gara Ambaasaadariitti irraa gadee fiigan.

Janaraal Haabtagoorgiis durumas janaraal Abarraa waliin hangas waliigaltee hin qaban. Janaraal Abarraan waan isaanitti hin toliin wayii waan jiru fakkaata.

Walgahiirraa jidduun bahuun naannoosaanii ilaaluun deebii'aa turan.

Akka tasaa ilaaluuf darbiirraan osoo gadi bu'anuu, ministirri ittisaa ammoo yoo ol bahan walitti dhufan.

''Abarraa! walgahiin ani hin beekne maalidhaa? jechuun isaanii hin oolle. Tokko lama waliin jedhanis ta'a.

Janraal Abarraan shugguxii baasanii walitti aansuun Ministira Ittisaa irratti dhukaasan. Xor Hayiloochiitti geeffamanis lubuun hafuu hin dandeenye.

Janaraal Abarraan attamiifi maaliif miliqan?

Kun hundi yoo ta'u, raayyaan janaraal Quumilaachoo Asmaraadhaa dhufe dallaa Xoor Haayiloochii of eegannoon ajaja eeggataa jira.

Gara janaraal Abarraatti bilbillaanis hin kaasneef. Warranni Xollaayii dhufees akkasuma hojii hiikuun naannoo mana poostaa goodaarra taa'aniiru.

Hundinuu gabaasaa fi ajaja kan fudhatan janaraal Abarraa qofaarraati. Hogganaan qajeelcha duulaa isaan waan turaniif.

Janaraal Abarraan garuu waan hin eegamne raawwachuun rakkina keessa jiru.

Erga minstiricha ajjeesanii boodas gara biirootti hin deebine. Leenji'aa komaandii addaa kan ta'an janaraalichi dallaarraan utaaluun baqataniiru.

Tokko tokko gabaa bunaa ollaasaaniitti argamu dhaquun eegdoota boji'uun uffannaasaanii uffachuun baqatan yoo jedhan, kaan ammoo uffata hojjataa tokkoo geedarachuun karaadhuma karraatiin dallaadhaa bahan jedhu.

Baqachuun janaraal Abarraa waan hunduma burjaajjeesse.

Humni Xollaayii fi Asmaraadhaa dhufe maal gochuu akka qabu wallaalee isaan barbaada. Isaan garuu bilbilas hin kaasan. Biiroos hin jiran. Bara sana mobaayiliin hin beekamu.

Janaraaloonni maaliif of ajjeessan?

Caamsaa 16 gara naannoo sa'aatii saddeetiitti kan eegale sochiin fonqoolcha mootummaa ofumaa burjaaja'uun waan qabatamaa osoo hin raawwatiin itti dukkanaa'e.

Tika kan turan Tasfaayee W/Sillaasee shaambal Mangistuu Gammachuu qabachuun waajira Ittisaatti marsan. Sanuu taankiifi konkolaataa sibiila uffataniin.

Isa dura garuu haala nagaan yaa xumuramu jechuun jaarsi Letanaal kolaneel Addis Tadilaa fi Letnaal kolaneel Dabalaa Dhiinsaa eergamee ture.

''Dhimmi fonqolchaa kan dhumeef. Marii dhimmi jedhu hin jiru. Nu gargaaraa'' jechuun isaanii hin oolle.

Sa'aatiichi garuu deemaa jira. Bufanni TV, raadiyoo, fi teeleen hin to'atamne. Hojjatonni hundi achi jiraachuunsaanii isaan waan dagee fakkaata.

Mangistuu, Mangistuu Gammachuu humna eegdu addaasaanii 4 kiiloodhaa sochosaaniiru. Hiltan biraan qaxxaamuruun Ambaasaaddar yoo gahanis Ministeera Ittisaatti marsaa jedhan.

Keessaa janaraal Faantaa Balaay, Janaraal Ammahaa, Janaraal Mari'id maal gochaa akka jiran kan beeku omtu hin turre.

Ta'us marfamuu akkuma baraniin humni Asmaraadhaa dhufa jedhame hafuusaatti abdii kutanii ta'a janaraal Ammahaafi Janaraal Mari'id dhimma hanga har'aatti ifa hin taaneen achumatti of galaafatan.

Guduunfaa

Caamsaa 17 galgala koloneel Mangistuun dowwannaa isaanii Jarman adda kutuun deebii'anii dhufan.

Caansaa 18 Janaraal Damisee Bultoo loltotuma isaaniin ajjeefaman. Isa waliinis ajajooti olaanoon 20 ajjeefaman.

Guyyaa sadii booda janaraal Faantaa Balaay konteenara keessa dhokatanii keessaa bahan.

Baatiiwwan muraasaaf qofaasaanii Maa'ikalaawwiitti hidhamanii osoo jiranii sababii hanga haraatti ifa hin taaneen ''eegdu isaanii ajjeesuun miliquuf yoo jedhan ajjeefaman'' jedhame.

Torban sadaffaatti Ministira Ittisaa ajjeessuun miliqanii kan turan Janaraal Abarraan naannoo Gullalleetti mana firaa dhokatanitti itti marfame.

Karaa foddaatiin bahuun baqachuuf osoo jedhanii poolisii tokkoon addarra rukutamuun kufan. Namoonni tokko tokkoos firri Janaraal Abarraa dabarsanii kennan hanga har'aatti gaabbii keessa jiraatu jedhu.

Baatiiwwan muraasaan booda waraana humna qilleensaa Asmaraa qabatanii kan dhufan Janaraal Qumillaachoon miliquun Ameerikaa galaniiru jedhame. CIAn akka miliqsiisee shakkama.

Waggaa tokkoon booda Caamsaa 21 bara 1989 janaraaloonni 12 yaalii fonqolchaa irratti hirmaataniiru jedhaman akka tasaa murteef waamaman.

Abbaan alangaa jidduu mana murtee waraanaa Janaraal Asiraat Birruu waraqaa muramtuu fi Kolaneel Mangistuu biraa akka ergamte tilmaamamte tokko imimmaaniin hudhamaa dubbisan.

Jara 12 isaaniirrattuu murteen du'aa murtaa'e.

Kan itti murtaa'ees akkas jechuun iyyaa turan, ''maatii keenyatti nagaa osoo hin dhaammatiin nu hin ajjeesiinaa..''

''Sirni abbaa irree umurii hin qabu'', ''ijoollee keenya adaraa'' jedhaa turan, garuu halkanuma sana ajjeefaman.

Yaalii fonqolchaatiin booda waggaa lammaffaatti Caamsaa 21'tti Koloneel Mangistuun biyyaa baqatan.

Baqannaa koloneelichaatti aansuunis torban tokkoof pirezidantii biyyaa kan ta'an Tasfaayee Gabrakidaan himatamtoota fonqolchaa du'a eeggataa turan muraasaaf dhiifama taasisan.