Sudaanitti daa'imman 300 maatii hin qabne waraanaan danqamanii turan baraaraman

Sudaan Kaartuum keessatti daa'imman maatii hin qabneefi kanneen waraanaa keessatti danqamanii turan 300 ta'an haala balaa guddaa qabu keessatti hojjattoota deeggarsa namoomaatiin baraaraman.

Hojiin baraaruu kunis kan eegale erga daa'imman maatii hin qabne 67 Kaartuum bakka itti guddatan Mygoomaa keessatti ajjeeffamaniin booda ture.

Daa'imman kunneen sababii waraanni hojjattoota daa'immaniif akka hin qaqqabneef dhorkeef sababii beela, garaa kaasaafi dhukkubaatiin lubbunsaanii darbe.

Kaartuumitti erga Amajji 15 kaasee guyyaa guyyaadhaan haleellaan qilleensaafi lolli cimaan gaggeeffamaa jira.

Bakkeen daa'immaan warra hin qabne kunneen keessatti guddifamanis jidduu gareewwan waraanaa lamaan, waraanni raayyaa ittisa biyyaafi humna addaa biyyattii (RSF) jidduutti itti gaggeeffamutti argama.

Opareeshinii balaafamaa gaggeeffameen daa'imman 297, isaan keessaa 200 kan ta'an kan umuriin saanii waggaa lamaa gadi gara Kibba Sudaan bakka nagaa qaba jedhameetti daandiidhaan geeffamaniiru.

Daa'imman 95 kan biroo ammoo Mygomaa fi dhaabbata daa'imman warra hin qabne keessatti guddatan Kaartumiitti argaman keessaa garee rogeeyyii naannichaatiin Sambattan irra baraaramaniiru.

Dhaabbanni kunuunsa daa'imman maatii hin qabnee mootummaan bulfamu Mygomaatti yeroo waraanni Amajjii keessa eegaluutti daa'imman 400 ta'aniitu argama ture.

Haata'u amlee sababii waraanichaatiin doktarootaafi kunuunstoonni daa'imman kanneen bira gahuudhaaf baayyee balaafamaa ta'e ture.

Ibsaafi bishaan adda cituunsaa haalli qilleensaa gar malee akka ho'u taasisuu isaatiin alatti, dandeettii ol godhee ture.

Kanaan kan wal qabates daa'imman keessattuu dhalattuuwwan du'uu eegalan.

''Saffiisaan isaan dhabaa jirra. Dhiheenyuma kana daa'imman saditu du'e,'' jedhan roogeettiin Sudaan Saadiyaa al- Raasheed Ali Haamiid.

Dhaabbanni Daa'immanii Mootummoota Gamtoomanii -UNICEF gamasaatiin erga Amajiitii as daa'imman waraa hin qabne 67 Mygomaa keessatti du'u himeera.

Roogeeyyiin naannichaafi dhaabbileen gargaarsaa daa'imman kanneen naannoo waraanichi itti gaggeeffamu keessaa baasuuf yaalaa turan, garuu haallisaa salphaa hin turre.

Waliigalteen dhukaasaa dhaabuu Magaala Saawudii Jiddaatti ta'ee ture guutummaatti cabuun ammagara waraanaa cimaatti galaniiru.

Komunikeeshinii cimaan ajajoota qaamoolee wal waraanaan waliin dhabamunsaa ammoo karaa daa'imman kanneen itti baraaraman argachuun Kaartuum keessaa baasuu rakkiisaa taasiseera.

Daa'imman dhibbaan lakkaa'amaniifi dhalattuuwwan fe'aniin baasuun mataansaa logistikii baayyee rakkiisaadha. Garuu ammoo filmaan gara biraa akka hin jirree dubbatti Saadiyaan.

Roogeeyyoota naannichaa baayyee waliin ta'udhaan daa'imman umuriinsaanii waggaa afur hanga 15 jidduutti argaman akka baafamaniif dhunfaatti qindeessite.

''Du'a keessaa gara abdii fooyya'aatti isaan basneerra,'' jetti Hebaa Abdullaah kunuunsaan daa'imman waliin imale BBC'tti himteetti.

Minii baasiiwwan kunneen tibba waraanaa ka'uun buufataalee sakkatta'insaa hedduu keessa darban.

Fulduura miinii baasiiwwan hundarrattis ansoolaa ergaan ''daa'immaniitu keessa jira'' jetti milishootaaf irratti barreeffamee fanniifamee ture.

Garichis manneen barnooraa magaala al-Haasaheyaa kan kibba Kaartuum keessatti simataman.

Haata'u malee dahannoofi nyaataa muraasa jiraattootaan dhiyaateefiin alatti deeggarsi daa'imman kanneenniif dhiyaatu baayyee xiqqaadha.

''Deeggarsa guyyaan dhiyaataa jiru irratti hundaa'uun hojjataa jirra'' jette Hebaan.

"Dhihoodhuma kana namni ollaa tokkoo maal akka nu barbaachisu na gaafatte. Kan nuuf kennitu omaa hin qabdu garuu nu gargaaruuf akka dandeessu natti himte,'' jette.

Oppareeshiinii haalaa balaafamaa ta'een daa'immanni kunnen akka baafaman taasifamaniiru. Tola ooltoonni naannichaa, Dhaabbanni Waldaa Fannoo Diimaa fi UNICEF ministeera Fayyaa Sudaan walii n ta'un atobiisiiwwan Kaartuma irraa qopheessuun hojii baraarsa kana hojjatan.

Isaan booda osoo sagaleen dhukaasaa dhagahamu sa'aatii afuriif konkolaataan ilaman. Daa'immanni kunneenis erga torbanoota jahaaf waraanicha keessatti danqamanii booda hedduunisaanii hir'ina nyaataatiin baayyee miidhamoodha.

''Wayita kaafnu harka keenya keessatti baayyee xiqqoodha,'' jetti Maariinaa Faakhuur garee Fannoo Diimaa irraa kan isaan waliin atobisiin imalte. ''Kunuunsa baayyee barbaadu.''

Akkuma achi gahameen kanneen hubaman gara hospitaalaa kan geeffaman yoo ta'u, daa'imti gar malee miidhamee ture tokko Kamisa du'un himameera.

Ammattis carraan jiru maatii isaan fudhatee guddisuu barbaaduudha jedhan.