Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Filannoo Keeniyaa: lammiilen sagalee kennuu eegalan
Filannoo Keeniyaa guyyaa har'aa gaggeeffamaa jiruun lammiilen biyyatti hedduun barii barraaqaatiin ka'anii sagalee kennuu eegalan.
Buufataalee filannoo heddutti namoonni sagalee kennuuf jecha halkan sa'aatii sagal irraa kaasee hiriiraa akka turan miidiyaalen biyya keessaa gabaasan.
Bakkeewwan buufata filannoo hedduttu lammiilen sagalee isaanii kennuuf bahan hanga buufataalen filannoo banamanitti hiriiranii osoo dhaabanii mul'atu.
Haadhooliinis ijoollee xixiqqoo kaasutti baatanii halkaniin ka'anii sagalee kennuuf dabaree eeggachuu eeggalan.
Ittaanaa pirezidaantii Keeniyaa fi ammas pirezidaantii ta'uuf dorgomaa kan jiru Wiiliyaam Ruutoon haadha manaa isaa wajjin ganamaan ka'uun bakka dhaloota isaanii kan ta'e naannoo Riifti Vaalitti sagalee kennanii jira.
Sagalee erga kennaniin boodas filannicha akka mo'atan dubbachuun dhagahameera.
"Lammiilen Keeniyaa murtee biyya isaanii gara fuulduraatti tarkaanfachiisu akka murteessan nan abdadha...hundi keenyaa murtee uummataa kabajuu qabna," jechuun miidiyaaletti dubbate.
''Sagalee kennaa manatti galaa''- poolisii Keeniyaa
Lammiilen sagalee erga kennanii booda naannoo buufata filannoo gadi dhiisanii akka gara manaatti galuun bu'aa filannoo akka eegan poolisiin biyyachii ummataaf waamicha dhiyeesse.
“Filannoo har'a gaggeeffamuun sagalee keessan erga kennitaniin booda gara mana keessanii deemun mana teessanii bu'aa filannoo akka eeggattan isin gaafanna," jechuun Tajaajilli Poolisii Biyyaalessaa beeksise.
Akasumas namoonni seeraaf akka bitamanii fi nageenyummaa lammiilee akka eegan waamicha dabarse.
Buufataalee filannoo 46,000 ol biyyattii keessa jiran hundumaaf eegumsa akka taasisus poolisiin biyyattii beeksise.
Yeroo duula na filadhaa gaggeessaa turan, abbootin siyasaa tokko tokko deeggartoonni isaanii sagalee erga kennaniin booda bakka buufata filannoo taa'anii sagalee isaanii akka tiksan gorsaa turan.
Filannoo kanaan dorgomtoota pirezidaantummaaf dorgoman keessaa akkaan eegamaa kan jiru Raailaa Odiinga fi Wiiliyaam Ruutodha.
Wiiliyaam Ruuton yeroo ammaa Itti Aanaa Pirezidaantii Keeniyaa yoo ta'u Raayilaa Odiingan filannoowwan heddu irratti mormituu ta'ee dhiyaataa ture.