Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Seeraa Liyoon hojiin mootummaa fi dhuunfaa %30 dubartootaan akka qabamu murteessite
Seeraa Liyoon seera mirga dubartootaa fooyyeessuufi 'tarkaanfii guddaa' jedhame raggaasiste.
Pirezidantiin biyyattii Juuliyas Maada Baayoo baroota darban keessatti dubartoonni wal-qixxummaan ilaalamuu dhabuu isaaniif dhiifama gaafataniiru.
''Yeroo dheeraaf isin irratti haqa-qabeessa hin turre,'' jedhan.
Seerri haaraa bahe kuni hojiin dhuunfaafi mootummaan harki 30 dubartootaan qabama jedha.
Ministirri Koorniyaa fi Dhimma Daa'immanii jijjiramni kuni akka dhufu waggoota baayyeef ''iyyaafi boo'aa'' turre jedhan.
''Kuni dubartoota Seeraa Liyooniif waan guddaa dha,'' jedhan, Maantii Taaraawaaliin. Biyyi Afrikaa Sahaaraan gadii seera wal-fakkaataa qabdu hin jirtus jechuun BBCtti himaniiru.
Seerri kuni shamarran mana barumsaa jiran, ''Seeraa Liyoon keessatti carraa hojii argachuu ykn daldala irratti hirmaachuu akka danda'an jajjabeessa,'' kunis diinagdee biyyaa akka deeggaran taasisaa jedhan Aadde Taaraawaaliin.
Oduun dhimma wal-qixxummaa koorniyaa irratti dhagahame kuni iddoo hojiitti teessoo olaanaa, boqonnaa yeroo da'umsaa torbee 14 fi liqaa baankii fi leenjii garaagaraaf wabii kan kennedha.
Dhaabbilee seera amma bahe kana hin hordofne irratti tarkaanfiin cimaa doolaara 2,500 akka adabaman dabalatee ni taasifama.
Dhaabbileen kanneen akka baankii yoo dubartoota loogiidhaan liqaa dhorkan adabbii hidhaa bu'uu fa'i irra gahuu mala.
Haalli mijataa kuni dubartootni daldala mataasaanii akka qabaatan jajjabeessas jedhameera.
Mootummaan biyyattii seerri qacarrii kuni daldala hojjettoota 25 ol qabu hundarratti raawwatama jedhame. Tahus murtoon dhumaa ammallee hin kennamne.
Aadde Taaraawaaliin tarkaanfiin ammaa kuni ''murteessaa'' tahus dhimma koorniyaa irratti haqni mirkanaa'eera jechuun dura murtoowwaan dabalataa fudhatamuu qabu.
Lafa hojiitti loogiin dubartoota irra gahu ''dhimma guddaa dha.'' Akka ministira kanaatti seerri haaraa kuni ''yaada rincicaa'' geeddaruu mala.
Seeraaliyoon biyya galii gidduugaleessaa qabdu yoo taatu, uummatashee keessaa dubartooti %52 qabatan diinagdee keessatti dirqama hirmaachisuu qabdi jedhan ministarittiin.
Kanaan dura Mootummoota Gamtoomanitti dameen fayyaa saalaa fi wal-hormaataa(UNFPA)'n Seeraa Liyoon keessatti, ''gama shamarraniifi dubartootaaf carraa hojii bal'isuun jijjiiramni mul'atus, loogii fi mirga dubartootaa dhorkuun biyyattii keessa sadarkaa hundumaarra jira,'' jedhe.
Ardii Afrikaa keessatti walumaagala, wal-qixxummaa Koorniyaa irratti jijjiiramni jiraatus, ''ammallee harki jireessa dubartoootaa hojii wabii hin qabne, kaffaltii gad-aanaa qabu akkasumas carraa guddinaa xiqqaa qabu keessatti hojjetu.