Abdii Mohaammad 'Abdii Ilee' hiikaman, himannaan Jeneraal Kinfa Daanyaw adda cite

Madda suuraa, Marsaalee Hawaasaa
Pirezidantin duraanii Naannoo Somaalee Obbo Abdii Mohaammad Omaar [Abdii Ilee jedhamuunis beekaman] hidhaatii gadhiifamuu abukaatoon isaanii BBC’tti himan.
Waggoota shaniifi walakkaa dura Finfinnee keessatti kan to’ataman Obbo Abdiin kan hidhaarraa hiikaman Abbaan Alangee himannaa isaa waan kaasef akka ta’e abukaatoon mirkaneessaniiru.
Kanumaan walqabatee himannaan Daarektara Olaanaa duraanii Korporeeshinii Sibiilaafi Injiinaringii (MeTEC) Meejar Janaraal Kinfa Daanyaw adda cituunis himameera.
Isaan qofa osoo hin taane, himatamtoonni galmee isaanii jalatti jiranis himanni isaanii "faayidaa uummataaf jecha" adda cituu, Ministeerri Haqaa biyyattii beeksisuu miidiyaaleen biyya keessaa gabaasaniiru.
''Amma hidhaadhaa hiikamaniiru, mana amala sirreessaa keessaa [amma] bahaniiru,’’ jechuun abukaatoon Abdii Ilee Obbo Iskindir Gazzaahany BBC’tti himan.
ALI torban dhufu Bitootessa 09, 2016 beellama mana murtii akka qaban osoo eegaa jiranii gidduutti kana dhagahuu himan.
Abukaatoon isaanii kuni akka jedhanitti, Obbo Abdiin alatti shakkamtoonni galmee isaanii jalatti himatamanii dhimmi isaanii ilaalamaa ture himannaan isaanii adda citeera.
Abbaan Alangee himannaa isaa Kamisa adda kutuun hiikamuu isaanii malee sababa hiikaman gaafatamanii odeeffannoo dabalataa akka hin qabne himan.
"Ramadaana waliin walqabatee ta’e dhimma biraan walqabatee ta’e hin barre,’’ jedhan.
Waggoota dheeraaf pirezidantii Naannoo Somaalee kan turan Obbo Abdii Mohaammad sarbama mirga namoomaa jabaafi malaammaltummaa waliin walqabatee komatamaa turan.
Hoogganaan Korporeeshinii Sibiilaafi Injiinaringii (MeTEC) Meejar Janaraal Kinfee Daanyaw ammoo, hojii dhaabbatichaan walqabateen yakkoota malaammaltummaa fi kaaniin himatamanii hidhaa turan.

Yakkoota Abdii Mohaammad to'annaa jala akka olfaman taasisan keessaa sarbama mirgoota namoomaa, walitti bu'iinsa sabaa, fi amantii jidduutti walitti bu'iinsi akka umamuu taasisuu kan jedhan jiru.
ALI Bara 2010 baatii Waxabajjiifi Adoolessa keessa "walitti bu’iinsi akka uumamu gochuun garee dargaggootaa ‘Heegoo’ jedhamu ijaaraniiru,’’ jedha himannaan Abbaajedhu keessatti argama.
Yeroos magaalaa guddoo naannichaa Jigjigaa keessatti haleellaa raawwateen namoonni baay’ee ajjeefamaniiru.
Bataskaanota dabalatee haleellaan kan irratti dhaqqabe yoo ta’u dhaabbileen adda addaas saamamaniiru.












