Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Finfinneen baay'inni hoggantoota saba tokko keessaa % 40 akka hincaalle gochuuf
Bulchiinsi magaalaa Finfinnee waajjira tokko keessa baay’inni daarektarootaafi hoggantoota saba tokkorraa kan ta’an 40% akka hincaalle gochuufi.
Bulchiinsi magaalattii hojjattoota bifa haaraan biiroorraa eegalee hanga aanaatti ramaduuf jecha hojjettoota 14,000 ol Jimaata borii akka qormaata taa’an BBC’n odeeffateera.
Kenninsa tajaajilaa dhaabbilee fooyyessuuf torbanoota muraasa darban bulchiinsi magaalichaa hojjettoota waliin marii gaggeessaa ture.
Jijjiirama hojiirra ooluuf jedhu keessaa tokko hojjettoota magaalattii 163,000 ta’an deebisanii bifa haaraan ramaduudha.
Marsaa duraan hojjettoonni bifa haaraan akka ramadaman keessatti yaadaman dhaabbilee 16 akka ta’e sanada leenjiif qophaa’erraa BBC’n odeeffateera.
Kanneen keessaa bulchiinsi lafaa, bulchiinsa misooma manaa, geejiba, korporeeshinii manneen fa’i keessatti argamu.
Kunneen jalqabarra kan filamaniif ‘’maamila hedduu kan keessummeessaniifi kenninsa tajaajilarratti hanqina hedduu waan qabaniifi,’’ jedhan Hoogganaan Biiroo Pablik Sarvisiifi Humna Namaa Finfinnee Dr Xaasaw Gabree.
Sanadii waajjira Dr Xaasawiin qophaa’e akka ibsutti, bifa haaraan ramadamuu dura hojjettoonnii waajjiraalee kanaa qormaataaf taa’u.
Kunis, ‘’sadarkaa ga’umsa hojjettootaa mirkaneessuuf’’ akka ta’e ibsaniiru.
Qormaati kuni madaallii amalaafi teknikaa akka qabate kan ibsan Dr Xaasaw, ‘’qormaati teknikaa hojii hojjeettoonni hojjetan waliin hariiroo kan qabudha jedhan.
‘’Qormaati amalaammoo rakkooleen amala kenninsa tajaajila qoran waan jiraniif hanqina sana guutuufi,’’ jechuun BBC’tti himan.
Qormaati madaallii kuni yunivarsitiiwwan Finfinneefi Kotabeen waloon kan qophaa’e akka ta’e ibsan.
Qormaatichis yunivarsitii yookiin manneen barnootaa sadarkaa lammataa keessa kennama.
‘’Hojjettoonni qormaata hindabarre akka hin jiraanne akka qophaa’an himameera. Qormaatichi walxaxaafi tiyoorii osoo hin taane ga’umsa hojjettootaa hubachuuf kan qophaa’edha.
‘’Baay’een isaanii darbuu danda’u tilmaama jedhun qophaa’e,’’ jechuun himan.
Akka sanadarraa BBC’n hubatetti, ogeeyyiin dhaabbatichaa qormaata darbuuf qabxii 50% ol fiduun irraa eegama.
‘’Ogeessi kanaa gadi fide caasaa bulchiinsaa sadarkaa isaarraa gadi bu’e jirurra,’’ akka ramadamu ibsa.
Daarektaroonniifi hoggantoonni garee qormaata darbuuf 60% galmeessuu qabu. Aangawoonni qabxii kana hin fidne daarektara akkasumas dursaa garee ta’uf dorgomuu hindanda’an jedha sanadi.
Hoogganaan Biiroo Pablik Sarvisiifi Humna Namaa Finfinnee Dr Xaasaw, ‘’hojjettoonni qormaata yoo hin dabarre gadi buufamaniis ramadamuu danda’u.
‘’Erga deebifamee ramadamuun xumurame booda filmaati biraa ilaalamee falli barbaadamaaf,’’ jedhaniiru.
Dhimma sabaa
Bulchiinsi magaalaa Finifinnee hojjattoota isaa bifa haaraan yeroo ramadu qormaataan dabalata ulaagaalee biroo fayyadama jedhan Dr. Xaasaw.
Ramaddii hojjettootaa ilaalchisee dhimmoota sanadni leenjii kun "dhimmoota haaraa xiyyeeffannoo barbaadan" jedhee adda baase keessaa tokko dhimma sabaati.
Ramaddiin yeroo raawwatamu "sabdaneessuummaa fi hirmaachisaa ta’uun, ofeeggannoodhaan hojiirra ooluu akka qabu" sanada kana keessatti ibsame.
Kutaa sanada kanaa "hammataa fi haqa-qabeessa" ilaallatu keessatti, hoggantoota gitoota hojii daayreektaraafi hooggansa gareerratti ramadaman "dandettii fi gahumsarratti" akka hundaa’u ibsa.
Ramaddiin hoggantootaa kun ‘’sabaaf sabalammoota kan hammatee ta’uun" akka raawwatamu tarreessa.
Sanadni kun itti dabaluun ramaddii kana ilaalchisee dambii kaabineen Magaalaa Finfinnee raggaasise keessatti hojimaata kaa'ame ibsa.
"Gita hojii biiroo tokko keessatti eenyummaa walfakkaatuun ykn saba tokkoon kan qabamu dhibbeentaa 40 ol ta'uu hin qabu" jedha.
Manneen hojii ramaddii kana yeroo raawwatan "hojjetoota gahumsa qaban waajjiraalee biroorraa akka fudhatan" sanadi kuni eera.
Dr Xaasaw adeemsi "dhibbeentaa 40 ol ta'uu hin qabu" jedhu ramaddii hooggantoota garee fi daayreektaroota qofarratti hojiirra akka oolu BBC'tti himan.
''Ramaddii kana keessatti wanti hojjettoota kaan ilaallatu hin jiru.
‘’Dambii ramaddii keessallee hin jiru. Kanneen saba tokko keessaa bahan dhibbeentaa murtaa'e ol ta'uu akka hin qabne kan daarektarootaafi hoggantoota gareeti,'' jechuun ibsan.
''Magaalattiin magaalaa guddoo biyyattiiti. Saba, sablammootaa fi ummatoota hedduu waan qabduuf bifa sana agarsiisuuf hojjetamuu qaba’’ jedhan.
Riifoormiin kenniinsa tajaajilaa fi ramaddii hojjettootaa bulchiinsa magaalaa Finfinneetiin hojiitti hiikamu kun ALI hanga Muddee 25, 2016’tti xumuruuf karoorfamu himaniiru.
Waajjirri kantiibaa magaalattiis hojjettoonni bulchiinsa magaalattii "ogummaa fi gahumsa barbaachisu’’ qabaachuusaanii bu’ureeffachuun gara "aanaalee fi dhaabbilee hojii itti heddumatutti ramadamu’’ jedhee ture.