Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Pirezidaantiin Somaaliyaa waa'ee loltoota Ertiraa jiranii maatiitti maal himan?
Pireezidantiin Somaaliyaa haaraa filataman daawwannaa guyyoota afurii Ertiraatti taasisan xumuruun Kibxata darbe erga qe'eetti deebi'anii booda waa'ee loltoota leenjiidhaaf Ertiraatti ergaman jedhamanii maatiitti himaniiru.
Viidiyoo waajjirri pireezidantii tiwiitarii isaarratti maxxanserraa akka hubatametti, pirezidaanti Sheek Hasan Mohammad maatii loltoota kunneenii affeeruun waliin mari'ataniiru.
Pireezidanti Hasan Sheek Mohammad haalli loltoonni keessa jiran hagas mara yaaddessaa miti jechuun maatiitti oduu gammachuu himanis, maatiin garuu pireezidanticha fuulduratti gaddaa fi boo’ichaan guutaman.
Viidiyoo waajjirri isaanii tiwiitarii irratti maxxanseen Pireezidant Sheek Hasan Mohammad, ‘’Ertiraa keessatti mooraa isaan keessa jiran daawwadheera. Ijoollee keessan argeera. Iida Arafaa waliin dabarsinee turre,'' jechuun oduu gammachuu maatiitti himan.
Dabaluunis ''Maallaqa isaan ittiin kaardii mobaayilii bitatanii isiniif bilbilan kenneeraaf. Akkasaan isiniif bilbilan akeekkachiiseera. Isiniif bilbilu,’’ jechuun wayita dubbatan dhagahamu.
''Anis maatiidha, ijoollees, daa'imman akaakayyuus naaf ta'anis nan qaba. Wayita ijoolleen maatiirraa adda baatu, keessattuu haala isaan keessa jiran yoo hin beekne miidhaasaa nan beeka,'' jedhan pireezidantichi.
Maatiiwwan pireezidanticha waliin walargan keessaa tokko ilmi isaanii bilbileefii nagaa ta'uu akka itti hime dubbachuun pireezdanticha galateeffatan.
Maatii keessaa tokko ammoo achuma walga'ii sanarratti wayita miira gaddaan guutamee boo'u mul'ata, pireezidantichi ammoo ''guyyaan gammachuu keetii dhufaa jira, abshir,'' jechuun jajjabeessu.
Sambata darbe- Adoolessa 9 irraa hanga Kibxata darbe- Adoolessa 12tti Ertiraa kan daawwatan pireezidant Hasan Sheek Mohammad, loltootni Somaaliyaa kumaatamaan lakkaa'aman, kanneen Ertiraa keessatti waggoota sadiif leenji'aa turan, wayita eebbifaman sirna sana irratti argamuu TV'n Eertiraa gabaaseera.
Dhimmi loltoota Somaaliyaa leenjiif jedhamanii waggaa sadi dura Eertiraa geeffamanii falmisiisaa fi maatiif yaaddoo guddaa ta’ee yoona ga’eera.
Mootummoonni Itoophiyaa fi Ertiraa kana ni haalu.
Pireezidantiin duraanii Somaaliyaa Abdullaahii Farmaajoo Caamsaa darbe keessa wayita pireezidantii haaraaf aangoo dabarsan loltoonni Somaliyaa 5,000 caalan Ertiraa keessatti leenji'aa jiraachuu ibsanii turan.
Mootummaan Somaaliyaa loltoonni isaa waraana waliinii Kaaba Itoophiyaa Sadaasa 2020 eegalee keessatti hirmaachuu waakkateera.