Dargaggoonni abbaa haaloo bahuuf jecha ilmoosaa waggaa afurii ajjeesan adabaman

Namoota abbaa haaloo bahuuf jecha ilmoosaa umuriin waggaa afurii ajjeesan

Madda suuraa, FB Waajjira Abbaa Alangaa Godina Baalee

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Akeekkachiisa: Qabiyyeen oduu kanaa qalbii isin jeequu mala.

Yakki suukaneessaan ajjeechaa daa’ima waggaa afurii himatamtoonni afur qindoomuun raawwatan Godina Baalee Aanaa Harannaa Bulluq ganda Qumbii keessatti raawwatame.

Yakkichi qindoomina namoota afuriin yaa raawwatamu malee namni yakka ajjeechaa kana karoorfatee waahillan isaa hafaniif ergama kenne himatamaa Alooshee Ibroo jedhamudha.

Himatamaan kun abbaa daa’ima waggaa afurii waliin dhimma lafaarratti waldhabdee keesa seene, kanaafis haaloo qabachuun gochaa suukaneessaa tokko raawwachuuf karoorfata.

Innis daa’ima waggaa afurii Mu’aawiyaa Muhaammad jedhamu ajjeessuudha.

Kanaafis himatamaa Alooshee Ibroo waahillan sadii qopheeffachuun tokkoon tokkoon isaaniif ergama garagaraa kenne.

Waahillan sadeen kun immoo himatamaan 2ffaa Ahimad Ibraahim, himatamaa 3ffaa Abduu Ibraahim fi himatamaa 4ffaa Adam Ahimad dha.

Kunneen keessaa himatamaa 3ffaa kan ta’e Abduu Ibraahim dargaggeessa umrii waggaa 16 yemmuu ta’u, himatamaa tokkoffaan sababa dargaggeessa kana itti filateef qaba.

“Namni kun daa’ima waan ta’eef, umriin isaatiis xiqqaa waan ta’eef miidhamaa ijoollee keessaa dhaqee akka waamufi sobee bakka yakka itti raawwatanitti akka dhiyeessufi” jedhu Waajjira Abbaa Alangaa Godina Baaleetti Abbaa Adeemsaa Yakkoota Adda Addaa kan ta’an Adam Usmaan.

Himatamaan kun gochaa kana raawwachuuf himatamaa tokkoffaarraa qarshiin kumni tokko akka kennameefis galmeen Abbaa Alangaa hima.

Gama biraatiin himatamaan 2ffaa kan ta’e Ahimad Ibraahim immoo cuubee yakki ittiin raawwatamu akka dhiyeessu taasise.

Yakkichi akkamitti raawwatame?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Himatamtoonni daa’ima waggaa afurii irratti ajjeechaa raawwachuuf waliigalanii karoorfatan kunneen ALI Ebla 8, 2016 guyyaa keessaa tilmaamaan sa’aa 10:00 yemmuu ta’u himatamaa sadaffaan akkaataa ergama fudhateen daa’ima sossobuun gara iddoo yakki itti raawwatametti geesse.

Wayita kana himatamaa 4ffaa Adam Ahimad daa’ima waggaa afurii mataa keessa rukkutuun yemmuu lafaan dhahu himatamaa 3ffaan immoo waan qara qabuun haala suukaneessaan ajjeesan.

Daa’imni isaanii dhabamuu kan hubatan maatiin miidhamaa ollaan barbaacha daa’imaa akka birmatuuf gaafatan.

“Daa’imni dhabamuurraa kan ka’e akkaatuma aadaatti namoonni naannoo daa’ima osoo barbaadanuu bakka daa’imni itti du’e gahan” jedhan Abbaan Alangaa.

Sana booda eeruun kan isa qaqqabe Poolisiin Aanaa Harannaa Bulluqis hojii shakkamtoota to’annoo jala oolchuufii yakkicha qorachuu eegale.

Himatamtoota keessaa gariin guyyuma yakkichi itti raawwate yemmuu to’ataman kaan ammoo dheeffanii barbaadamanii to’annoo jala oolan.

Poolisiin Aanaa Harannaa Bulluq qorannoosaa erga xummuree booda dhimmichi gara Abbaa Alangaa Godina Baaleetti akka darbu taasifame.

Adabbii…

“Haalli galmeen kun itti qoratame Abbaan Alangaa godinaa mataan keenya yeroo baay’ee irra deddeebinee laftis fageenya qaba waan ta’eef xiyyeeffannoo addaa kenninee seeraaf dhiyeessine” jedhan Abbaa Alangaa Adam Usmaan.

Haaluma kanaan Abbaan Alangaa Godina Baalee ALI Ebla 30, 2016 himatamtoonni afran Seera Yakkaa bara 1996 bahe Keewwata 32/1/Afi B, Keewwata 37/1 fi Keewwata 539/1/A cabsaniiru jechuun Mana Murtii Olaanaa Godina Baaleetti himata hundeesse.

Seera Yakkaa bara 1996 bahe Keewwatni 32 waa’ee gareen ta’uun yakka raawwachuu kan himu yemmuu ta’u, Keewwatni 37’s hirmaannaan yakkaa akkamiin akka ibsamu hima.

Gama biraatiin Keewwatni 539 immoo waa’ee ajjeechaa namaa cimaa hima.

Haaluma kanaan Abbaan Alangaa Godina Baalee ragaalee namaa 14 qindeessuun kan dhiyeesse yemmuu ta’u, manni murtiis himtamtoonni yakkicha akka ofirraa ittisan ajaja dabarse.

Haa ta’u malee himatamtoonni himata irratti dhiyaate ofirraa ittisuu hindandeenye. Garuummoo kana dura yakkaan akeekkachiifamanii yookiin adabamanii kan hinbeekne ta’uusaanii akka yaada adabbii salphisutti dhiyeeffatan.

Manni Murtichaas yaada bitaaf mirgaa erga ilaaleen booda dhaddacha Onkololeessa 29, 2017 oleen himatamtoota 1ffaa, 2ffaa fi 4ffaa irratti adabbii hidhaa umurii guutuu murteessee jira.

Gama biraatiin himatamaa 3ffaa Abduu Ibraahim yakkicha raawwachuusaa amanuu isaatiin akka yaada adabbii salphisutti akka qabameef Abbaa Alangaa Adam Usmaan himaniiru.

Kana malees manni murtichaa himatamaan kun dargaggeessa ta’uusaa ilaaluufii tumaalee seeraa ka’umsa godhachuun hidhaa cimaa waggaa 15 irratti murteessuu isaa himanii jiru.