Dhukkubni tibbana Jiinkaatti mudateefi lubbuu galaafata jedhamee shakkame maali?

Nannoo Kibba Itoophiyaa, Jiinkaatti dhukkubni maalummaan isaa ammatti guutuutti mirkanaan hin beekamneefi garuu gurmuu dhukkuboota vaayirasiin dhufanii (Haemorrhagic Fever) ta'uu mala jedhe mudachuu Ministeerri Fayyaa ibseera.

Ogeeyyoo fayyaa namoota dhibee waliin isaa ifatti hin beekamiin kanaan qabamaniif wallaansa kennaa turan lama dabalatee namoonni ja'a du'uu isaanii Hospitaalli Waliigalaa Jinkaa BBCtti himeera.

Namoonni mallatton dhibee kanaa irratti argame "kaleen isaanii dafee hojii dhaabuun" irratti akka argames ibsameera.

Ministeerichi haala fayyaa yeroo ammaa jiru ilaalchisee ibsa baaseen, hawaasni mallattoo dhibee kanaa beekee of eeggannoo barbaachisu akkka taasisuufi mallattoon dhibee kanaa yoo irratti mul'ate gara dhaabbata fayyaa deemee akka wallaansa argatuufis hubachiiseera.

Bakka dhibeen kun itti mul'atetti hordoffii taasisaa kan jiru Ministeerri Fayyaa, hanga ammaatti namoonni saddetti mallattoon dhibee kanaa irratti argame adda baafamuu beeksiseera.

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa maal jedhe?

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa dhibee Itoophiyaatti mudate tarkaanfii ariifachiisaa barbaadu irratti Ministeera Fayyaa Itoophiyaa waliin tahuun hojjechaan jira jedhe.

Inistiyuutii Fayyaa Hawwaasaa fi qondaalonni fayyaa naannoo waliin qindoominaan akka hojjechaa jiran dhaabbatichi beeksise.

WHO ogeessota gara magaalota dhibee kanaan faalamaniitti ergeera jedhe.

Qorichaa fi meeshaalee biroo yaalaaf gargaaran waliin erguu kan hime dhaabbatichi, ogeessota fayyaa yaala kennanniifis meeshaalee dhibee ittisuuf oolan ergeera jedhe.

Dabalataan hawwaasa dhibeen kun keessatti mul'ate keessaa namoota tutuqqaa qaban adda baasuu hojii biraa hojjetu akak tahe ibse.

Dhibee kana sirriitti adda baasuuf ammoo samudni fuudhamee qorannoof ergameera jedhe.

Deeggarsa hatattamaaf kan oolu, Doolaara 300,000 tahu baajata of eeggannoo WHO irraa akka gadhiisaniif himeera.

Dhibeen kun akka daangaa hin ceeneef biirooleen WHO Itoophiyaa keessa jiranii fi Sudaan Kibbaa akka waliin hojjetan ibseera.

Qondaalonni fayyaa Itoophiyaa hatattamaan odeeffannoo guutuu akka isaaniif erganiif kan gaafate dhaabbatichi deeggarsi barbaachisu dabalataan kan kennamu tahuu ibse.

Dhukkubni shakkameefi lubbuu namootaa galaafatu kuni maali?

Hospitaala Hunda Galeessa Yunvarsiitii Salaaleetti Hakiima waliigalaa fi barsiisaa kan ta'an Dr. Mokonnin Biruuk, dhibeen amma Jinkaatti mudate jedhamee shakkame kuni dhibee tokko osoo hin taane gurmuu vaayirasiiwwaniiti jedhu.

"Haemorrhagic Fever kuni garee dhukkuboota adda addaa of keessatti qabu. Dhukkubni kuni garee vaayirasii garagaraa afuriin kan dhufani. Yeroo garagaraattis dhukkuboota biyya keenya keessatti mudataa turanidha."

"Dhukkuboonni kuni dhukkuboota bineeldotarraa gara namaatti daddarban keessaa adda dureedha. Yeroo baayyee naannoo qilleensa gammoojjii keessatti kan mudatani. Dhukkuboonni kuni carraa nama ajjeessuu hanga harka 90 warra qabani" jedhan.

Vaayirasiiwwan dhukkuba amma mudate jedhamee shakkame kana fiduu danda'anis 'Marburg Virus, Ebola Virus, Yellow Fever fi Lassa Fever' warra jedhamanidha.

Mallattooleen dhukkuba kanaa maali?

Akka Dr. Mokonnin jedhanitti, dhibeen gurmuu vaayirasootaan dhufu kanaan namni qabame mallattoolee agarsiisu qaba.

"Dhibeen kuni yeroo baayyee mallattoo dhiiguu qaamaa agarsiisa. Dhiigni funyaaniin, afaaniin, gogaa jalatti dhiiguu mul'isa.

Kana malees, ho'a qaamaa olaanaa, dadhabbii qaamaa, dhiiga deebisiisuu, qaama caccabsuu mul'isa" jedhan.

Dhiibbaan dhiigaa gadi bu'uun namni dhibee kanana qabame lafaan sisa maruufi ofwallaalchisuunis mudachuu mala jedhan.

Dhimma shakkamtoota sadii

Yeroo ammaatti namoonnii mallattooleen dhibichaa irratti mul'atufi dhukkubichaan shakkaman sadi hospitaalicha keessa akka jiran ogeessi fayyaa hospitaalichaa BBC'n haasofsiise himu.

"Naannuma kanaa dhufan. Mallattoon isaan qaban kan namoota dhukkubsatanii lubbuun darbe waliin walfakkaataadha" jedhan.

"Namoota sadeen kunneen ciibsanii wal'aanuuf iddoon hinqophoofne. Kutuma yaala tasaatti yaalamaa jiru" jedhan.

Dabalataan dhukkubsattoonni kun dhukkubsattoota dhibeewwan biraan qabamanii gara hospitaalichaa dhufan waliin kutaa tokko keessa tursiifamaa jiraachuus himan.

Haa ta'u malee Hoji Gaggeessaan Hospitaalichaa Dr. Misxiruu Hamdakii, "yeroo ammaatti namni shakkamee nubiratti yaalamaa jiru hinjiru" jedhan.

"Jalqabarraa eegalee kan shakkaman kan duraanii waliin gara Hawaasaatti ergamanii achi jiru. Hawaasaa kan jiru dhukkubsattoota lama" jechuunis himan.

"Rifaatuu guddaa keessa jirra"

Ogeessi fayyaa Hospitaala Waliigalaa Jinkaa maqaansaanii akka hineeramne gaafatan, dhukkuba lubbuu namoota jahaa galaafate kanaan walqabatee ogeeyyiin fayyaa hospitaalichaa 'rifaatuu guddaa' keessa jiraachuu himan.

"Dhukkubichi baay'ee cimaadha. Yoo baay'ate guyyaa shan namaaf laata, oggasuma nama ajjeessa" kan jedhan ogeessi kun "Rifaatuu guddaa keessa jirra. Lubbuu keenyaaf yaadda'aa jirra" jedhan.

Cimina dhukkubichaarraa ka'uun tumsi bal'aan taasifamuu qabaatus sochiin taasifamaa jiru xiqqaa ta'uu ogeessi fayyaa kun himu.

Akka fakkeenyaattis hojiin namoota kunneen dhibichaan lubbuunsaanii darbe walin tuttuqqii qaban adda baasuufi ummataaf hubannoo uumuurratti hojjetamaa jiru akka hinjirre himan.

"Dhibichi saffisa olaanaan kan tamsa'u ta'uusaa ilaalcha keessa galchuun ofeeggannoon olaanaa godhamuu qabaatus hanga ammaatti sochiin hagas mara qabatamaa jedhamu hinjiru" jedhan.

Kana malees ogeeyyii fayyaa hospitaalichaaf dhiyeessiin meeshaalee ittisaa (personal protective equipment) xiqqaa ta'uufi kunis ogeeyyii fayyaa yaaddoof saaxiluu himan.

Dabalataan kutaan foo'anii yaaluus hanga har'aatti hojii akka hin eegalle dubbatan.

Haa ta'u malee Hoji Gaggeessaan Hospitaala Waliigalaa Jinkaa Dr. Misxiruu Hamdakii, kutaan foo'anii yaaluufi tursiisuu qophaa'aa akka jiru himan.

Gama namoota tuttuqqii qaban adda baasuutiinis "hojiileen eegalaman jiru" jedhan.

Ogeeyyii fayyaaf meeshaalee ittisaa dhiyeessuun walqabatees "har'arraa eegalee meeshaleen kun gahaa ta'uu baatus hanga humni danda'e dhiyaachaa jira, garuu gahaa miti" jedhan.

Hojiin meeshaalee ittisaa qaamolee dhimmichi ilaallaturraa walitti qabuu hojjetamaa akka jirus himaniiru.

Akkamiin daddarba?

Dhukkubni kuni carraa beelladootarraa gara namaatti darbuu qaba. Keessumaa hantuuta, silmiifi bookeen busaa warra dhukkuba kana daddabarsuu danda'an ijoodha jedhu Dr. Mokonnin.

"Hantuuta waliin tuttuqqaan, iddoowwan namni tuuta'ee jiraatutti bobbaa namaatiin, silmii dhiiga beelladootaa dhugdu tuttuqun, bookeen busaas dhukkuba kana daddabarsiti. Beelladarraa gara namaati, namarraammoo gara beelladaatti carraa daddabarsuu qabu," jedhan.

Keessumaa lafa gammoojjii bakka bookeen busaa jiruufi hawaasni beellada waliin tuttuqqaa qabutti carraan dhibeen kuni daddarbuu bal'aa ta'uus himan.

Dhibeen gurmuu vaayirasiiwwaniitin dhufa jedhamu kuni karaan ittiin daddarbu biraan qunnamtii saalaati.

Nama dhukkuba kanaan qabame yoo jiraate tuttuqqaa irraa fagaachuun, ilbiisotaafi bineensota adda addaa waliin adda foo'amanii jiraachuun, qulqullina dhuunfaa eeggachuun, dhangala'aa namni dhukkuba kanaan qabamuun shakkame keessaa bahu tuttuquu dhiisuun ammoo maloota ittisaati jedhan Dr. Mokonnin.

Kana malees, gabaasa hanga ammaatti Jiinkaarraa bahaa jiruun ogeessotni fayyaas dhibee kanaan miidhamaa waan jiraniif of eeggannoo addaa gochuun ogeessota fayyaarraas ni eegama.

"Ogeessonni fayyaa naannoo dhibeen kuni mudachuutti shakkametti tajaajilan hamma danda'ametti meeshaalee ofeggannoo guutuu ta'e fayyadamanii namoota dhukkuba Kanaan qabaman kan yaaluu qaban," jedhan.

Namoota dhibee kanaan qabamuutti shakkaman dafanii mana yaalaa geessuun, yoo danda'ame ammoo dursa talaalliiwwan akka 'Yellow Fever' fa'af kennaman fudhachuun barbaachisaa ta'uu eeran.

Dhukkubni kuni vaayirasiidhaan kan dhufu waan ta'eef carraan namarraa namatti daddarbee babal'achuusaa olaanaa ta'uus eeran.

Kana malees, dhibeen kuni gurmuu vaayirasootaatiin kan dhufu waan ta'eef yeroo tokko tokko dandeettii lubbuu galaafachuu olaanaa qaba.

Ta'us mana yaalaatti yaala gahaan yoo kennameef carraan nama ajjeessuusaa gadi bu'uu mala jedhu.