Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Loltoonni Ameerikaa maalif gara Naayijeeriyaatti bobbaafaman?
Loltoonni Ameerikaa gara 100 ta'an loltoota Naayijeeriyaa lola hidhattoota Islaamaafi gareewwan hidhattoota biroo waliin taasisan irratti deeggaruuf gara Naayijeeriyatti bobbaafamaniiru.
Loltoonni Ameerikaa kunneen odeeffannoo basaasaatiin loltoota Naayijeeriyaa akka gargaaran kan himame.
Dubbi himaan humna waraanaa Naayijeeriyaa Jeneraal Samiilaa Ubaa akka jedhanitti loltoonni Ameerikaa fi meeshaaleen Ameerikaa kutaa kaaba dhiha biyyattii Bahuchi jedhamu qaqqabaniiru.
Qondaalichi loltoonni Ameerikaa kun lola irratti akka hin hirmaanne ta'uu fi gaaffii mootummaatiin gara Naayijeeriyaa kan bobbaafaman ta'uu himaniiru.
Loltootni Ameerikaa gara Naayijaariyatti bobbaafamuun kun tumsi waraanaa Naayijeeriyaa fi Ameerikaa gidduutti guddachaa dhufuu kan agarsiisu akka ta'e kan eerame.
Ameerikaan kanaan dura kaampii hidhattoota Islaamummaa lama kaaba dhiha Naayijeeriyaa keessatti argaman irratti haleellaa qilleensaa raawwatteetti.
Mootummaan Naayijeeriyaa gareewwan hidhattoota Islaamummaa kanneen akka Bookoo Haraam, Islaamummaa bulchiinsa Afrikaa Dhihaa (Iswaap) akkasumas gareewwan biroo loluuf gargaarsa gaafachuu isaa ibseera.
Naayijeeriyaan fincila Islaamummaa, haleellaa gareewwan naannoo sanatti saamichaa fi nama ukkaamsuun walitti bu'iinsa lafaa fi kaaniin jeequmsa umaniin qormaati nageenyaa hedduu ishee mudataa jira.
Meejar Jeneraal Ubaan akka jedhanitti, walta'iinsi kun Naayijeeriyaa deeggarsa teeknikaa addaa akka argattu taasisa.
Kunis biyyattiin haleellaa shororkeessummaa ittisuuf akkasumas hawaasa saaxilamoo ta'an haala gaariin eegsisuuf gargaara.
Itti dabaluunis bobbaan loltoota Ameerikaa kun marii qondaaltota ittisaa Naayijeeriyaa fi Ameerikaa gidduutti taasifame hordofee akka ta'e dubbatan.
Jalqaba baatii kanaa Ajajni Afrikaa Ameerikaa gareen xiqqaan humnoota Ameerikaa duraanuu Naayijeeriyaa keessa akka jiran mirkaneessee ture. Qondaaltonni Naayijeeriyaa kanaan dura loltoonni Ameerikaa dabalataa gara 200 ta'an dhufuu akka danda'an yaada dhiyeessaa turan.
Xumura bara darbee bulchiinsi prezidaantii Ameerikara Doonaald Tiraamp haala Kiristaanonni Naayijeeriyaa keessa jiran irratti yaaddoo qabaachuu ibsuun Naayijeeriyaan biyyaa eegumsiifi xiyyeeffannaan adda ishee barbaachisu ta'uu eeran.
Akkasumallee mootummaan biyyattii nageenya fooyyessuu fi eegumsa hawaasa Kiristaanaaf godhu caalatti cimsuuf akka hojjetu dhaamaniiru.
Traamp kanaan dura Naayijeeriyaa keessatti ''duguugiinsa sanyii Kiristaanotaa'' raawwatamaa jira jedhanii turan.
Himannaa kana mootummaan Naayijeeriyaa cimsee kan morme yoo ta'u Musliimonni, Kiristaanonni fi namoonni amantii biraa keessa jiran biroos haleellaan kun irra ga'eera jechuun morme.
Mootummaan Naayijeeriyaa dhimma nageenyaa furuuf gargaarsa Ameerikaan goote galateeffachuun, haleellaan Mudde 25 garee hidhattoota Islaamummaa Lakurawa jedhamu kan kaaba dhiha bulchiinsa Sokoto keessatti argamu irratti xiyyeeffate kan pirezidaanti Naayijeeriyaa Bola Tinubu'n raggaasifame ta'uu cimsee ibseera.
Naayijeeriyaa keessa gosni 250 ol kan jiran yoo ta'u, tilmaamaan gara kaaba irra caalaa hawaasa Muslimoota ta'an, gara kibba baay'inaan kanneen Kiristaana ta'ani fi gara gidduutti hawaasa wal makatu keessa jiraata.