Arsenaal taphataa abaarsa waancaa waggaa 20 olii irraa cabsu harka galfachuufi

Arsenaal waancaa erga injifatee waggoonni 20 darbaniiru. Abaarsa kana eenyutu irraa cabsa? Arteettaan erga Arsenaal leenjisuu jalqabee as dachaa sadii taphataa sarara duraa kan mallatteesisan karra eegaadha.

Rakkoon Arsenaal sarara duraati. Arsenaal kan mallatteesisu ammoo irra caalaan karra eegaadha.

Arteettaa jalatti Arsenaal karra eegaa jaha mallatteesise. Barana waan garaa kutate fakkaata. Araada karra eegaa mallattesisuus hin dhiifne.

Keeppaa Cheeelsii irraa mallattesiseera.

Beenjaamiin Seeskoo RB Leepzhig irraa mallattesisuuf yaalaa kan ture Arsenaal kilebichi gatii guddaa gaafachuu fi Seskoon ammoo miindaa guddaa gaafachuu irraa kan ka'e fuula isaa gara Poorchugaalitti deebise.

Taphoota 102 irratti galchii 87 waggaa lama keessatti kan lammookfsise taphataan internaashinaalaa Iswiidin Arsenaal galuuf kilaba isaa waliin wal dhabdee guddaa keessa galeera.

Miindaa isaa irraa gara paawondii miliyoona lamaa tahu Ispoortingiif dhiisuuf waadaa galeera. Gara Landan deemee Arsenaaliif akkan taphadhu naaf eeyyamaa jechaa jira. Guyyaa gara kilebichaatti deebi'ee shaakala jalqabuu qabus hin argamne.

''Deebi'ee Ispoortiingi Liisbaniif hin taphadhu. Gatii Arsenaal dhiyeesse fudhadhaatii na gadhiisaa'' jechaa jira.

Ispoortiingi xiiqii keessa galuun kontiraata waggaa sadii nu waliin qabuuf gurguruuf hin dirqamnu asuma turta. Adabbii barbaachisus argatta jechuun dubbii hammeessan.

Seeskoon Arsenaal galuuf miinfaa guddaa gaafate. Giyookeres garuu Arsenaal galuuf miindaa isaa irraa waan hir'ate guutuuf waadaa seene.

Arsenaal sa'a 24 dhufan kana keessatti gatii Ispoortiingi gaafatetti kan dhiyaatu qopheessuun taphaticha harka isaa keessa galfachuuf hojjechaa jira.

Seeskoo kana booda in barbaadan. Arsenaal deebi'ee dhufa jedhee eegaa kan ture bakka bu'aan Seeskoo akka faara hin qabne waan ubateef yoo barbaaddu tahe jedhee Liiverpuuliin gaafachuu miiidyaaleen gabaasaa jiru.

Ispoortiingi Liisban taphataa kanaaf paawondii miliyoona 63.5 barbaada. Arsenaal gatii kana kilebichaaf dhiyeessuuf waliigalteerra gahaa jira.

Maddeen BBC Ispoortitti akka himanitti walin dubbiin kileboota lameen gidduus boqonnaa dhumaarra gahuu himaniiru.

Xumura torban kanaatti yeroo Arsenaal gara Eeshiyaatti deemuun tapha michummaa gaggeessu Giyookeres akka waliin imaluuf waliigalteerra gahaa jiru.

Giyookeres Arsenaal waliin kontiraata waggaa shanii waliigaleera. Miindaa dabalatee waliigaltee hundarra gahuun taphatichi kilabni isaa akka isa gadhisuuf qofa eeggataa jira.

Taphataa kana akkaan barbaadaa kan ture Maanchister Yuunaayitididha. Maan Yuunaayitid ammoo Shaampiyoonsi Liigii taphachuu waan hin dandeenyeef Giyookeres kan umuriin isaa waggaa 27 tahe Arsenaal galuu filate.

Daarikterri Arsenaal Andiree Bertaa torban darbe gara Liisbanitti imaluun kilabicha waliin marii gochaa ture.

Pirezidaantii Ispoortiingi, Fireederiikoo Vaarandas, Giyookeres gara kilaba keenyaatti guyyaa deebi'uu qabu waan hin deebi'iin hafeef ''adabbii naamusaa guddaan isa eeggata'' jedhan.

Varandaas ''namni tokkoyyuu fedha kilaba kanaa ol miti'' jedhan. Yoo barbaadan taphaticha waggaa sadiif tursiisuuf akka mirga qabanis himaniiru.

Giyookeres bara dorgommii darbe qofa taphoota 52 irratti galchii 54 lakkoofsiseera.

Ruuben Amoorim jalatti gahumsa olaanaa irra kan gahe Giyookeres, Kooventerii irraa ture Ispoortiingi kan gale.

Gama biraan ammoo Baayern Muunik taphataa Arsenaal Tiroosaadiin mallattesisuuf fedha akka qabu gazexaan biyya Jarman 'Bild' jedhamu gabaaseera.

Kun garuu kan tahu yoo Luwis Diyaaziin Liiverpuul irraa mallattesisuu dadhaban qofa akka tahe himameera.

Tiroosaad umuriin isaa waggaa 30 yoo tahu leenjisaa Baayern Muunik Viinseenti Kompaanii waliin biyya tokko [Beeljiyeem] waan tahaniif taphatichi garas imaluu danda'a.

Rakkoo jijjiirraa taphattootaa guddaa keessa kan jiru Maanchister Yuunaayitid ammoo Biriyaam Embuumoo Bireentifoordi irraa mallattesisuuf ammayyuu xumura irra hin geenye. Garuu taphatichi Yuunaayitid qofa galuu akka barbaadu himameera.

Yeroo Yuunaayitid tapha michummaaf gara Ameerikaa deemu Embuumoon Yuunaayitid waliin imaluu mala jedhamaa jira.

Kileboonni lameen waliin dubbachaa, akkaataa kaffaltii irratti waliigalaa jiraachuu maddeen adda addaa gabaasaniiru.

Alehaandiroo Gaanaachoo kilabni Sawud Arabiyaa Al Naasir gaafatus taphatichi akka hin barbaanne ibsame.

Telegiraaf akka gabaasetti gaanaachoon kileboota Awurooppaaf taphachuu barbaada. Kana dura Naappooliin taphatichaaf gaaffii dhiyeessee ture.

Cheelsiinis Gaanaachoo mallattesisuu hin hafu gabaasonni jedhan bahaa jiru.

Liiverpuul taphataa Interaakti Firaankifarti Huugoo Ekitikee gaafachaa jira. Gama biraan Aleeksaander Isaak Niwkaastil irraa mallattesisuuf yaalaa jiru.

Niwkaastil garuu Ekitiikee gaafachaa akka jiru gabaasonni agarsiisu.