'Naannoo Amaaraatti hojjettoonni Fayyaa miidhamaa jiru'- WHO

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 1

Hogganaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa, Tedros Adhaanom Ityoophiyaa naannoo Amaaraatti lola humnoota federaalaa fi hidhattoota Faannoo gidduutti taasifamaa jiruun hojjettoonni fayyaa kanneen irratti xiyyeefatame keessaa ta'uu gabaasaleen mul'isuu ibsan.

Erga walitti bu'iinsi humnoota lamaan gidduutti eegaalee kaasee irra deddeebiin hakiimonni, narsoonni fi hojjettoonni fayyaa biroo ukkaamfamuu reebamuu ykn ajjeefamuun irra deddeebiin himamaa ture.

Hospitaalota fi kilinikoota irrattis miidhaan kan qaqqabe ta'uu fi qaqqabummaan tajaajila fayyaa akka malee addaan cituu Hogganaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa, Tedros Adhanom kan himan.

Itti dabaluunis Dhimma Dr. Tsegahun Sime kan Guraandhala 4 magaalaa guddoo naannichaa Baahir Daaritti humnoota tikaatiin fudhatamee boodarra du'ee argamus ibsan.

Himata kana ilaalchisee aangawoota federaalaa irraa deebiin ammatti kenname hin jiru.

Mootummaan kanaan dura naannoo Amaaraatti gareewwan hidhatan irratti hojii seera kabachiisuu gaggeessaa akka jiru ibsaa ture.

Mootummaan naannoo Amaaraas ibsa tibbana baaseen garee Faannoof hidhannoo fi loojistiksiin kan dhiyaatu humnoota TPLF fi Shaabiyaa irraayyi jechuun ibse.

Naannawa Amaaraatti, jiraattonni hanqina qorichaa, humna ibsaa, hanqina hospitaalotaa fi rakkoowwan nageenya dhabamuun dhufu akkasumas daandiin cufamuun dhukkubsattoota geejjibsiisuuf rakkachuullee himataa turan.

Dhaabbileen gargaarsa namoomaa haleellaan hojjettoota yaalaa fi dhaabbilee irratti raawwatamu seera namoomaa idil-addunyaa kan cabsu ta'uu akeekkachiisu.

Seera waraanaa addunyaa jalatti hospitaalonni fi hojjettoonni fayyaa eegumsa argachuu fi nagaan akka hojjetan hayyamamuu akka qabu gaafatu.

Hogganaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa, Tedros Adhanom yeroo odeeffannoo bal'aan hin argamne keessatti miidhaan hangamii akka ogeeyyota fayyaarra gahaa jiru hubachuun waan rakkisuuf qorannoon walabaa akka taasifamu waamicha dhiyeessaniiru.

Kutaalee naannichaa keessatti tajaajilli intarneetii fi bilbilaa adda ciccituun odeeffannoo mirkaneessuun rakkisaa ta'uu ibsan.

Walitti bu'iinsi kun itti fufee waan jiruuf hojjettoonni fayyaa sodaa keessa jiru.

''Dhaabbilee fayyaa fi hojjettoonni fayyaa irratti xiyyeeffatamuu hin qabu'' jechuun Teediroos kan ibsan.

Itti dabaluunis yeroo walitti bu'iinsaa keessattilee isaan "Eegumsa argachuu qabu."jedhan.

Miidhaa ga'aa jiru qulqulleessuuf akkasumas warra lubbuu baraaruuf hojjataa jiran sodaa malee hojii isaanii akka itti fufuu danda'an qorannoo hatattamaa, iftoomina qabu akka gaggeeffamuuf waamichas taasisan.