Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
US albuudota Yukireen olaantummaan bulchuuf waliigaltee mallatteessite
US qabeenya uumamaa Yukireen maddeen anniisaa fi albuudota hedduu ta'an olaantummaan dhuunfattee misoomsuuf Yukireen waliin waliigaltee yeroo dheeraaf eegamaa ture mallatteessiteetti.
Biyyoonni lameen ji'oota darbaniif dhimma kanarratti muddama keessa walgalchanii turan.
Waliigaltee kana erga mallatteessanii booda, maallaqa diinagdee Yukireen waraana Raashiyaa waliiniin manca'e deebisee ijaaruuf gargaaru ramaduuf waliigalaniiru.
Ministirri Maallaqaa US Iskoot Besent waliigalteen kun biyyoonni lameenuu Yukireen keessatti nageenyi waaraa akka mirkanaa'uuf kutannoo qabaachuu agarsiisa jedhan.
Waliigalteen kun Yukireen akka deeggarsa waraanaa murteessaa ta'e Ameerikaarraa argattuuf daandii saaqaaf.
Dacheen Yukireen albuudota akkaan murteessoo ta'an kanneen akka giraafiit, liitiyemii fi taayiteeniyeemiin kan badhaatedha.
Albuudonni kunneen anniisaawwan haaromfaman, meeshaalee waraanaa fi galteewwan industirii ijoo ta'uunsaanii erga mirkanaa'ee booda xiyyeeffannaa biyyootaa keessa galan.
Waliigalteen US fi Yukireen kun yeroo Ameerikaan Chaayinaa waliin waraana daldalaatti seentee jirtutti mallattaa'e.
Maddi albuudota gatii jabaa qabanii addunyaa kanaa dhibbeentaa 90 kan ta'e Chaayinaadha.
Ministeerri Maallaqaa US Roobii waaree booda ibsa baase keessatti deeggarsa haaraan maqaa Reconstruction Investment Fund recognises jedhuun eegalame, erga Raashiyaan Yukireen irratti waraana labsitee gargaarsi US Yukireeniis taasistaa turte sirrii ta'uu mirkaneesseera.
Warra Rippaabilikaanis ta'e bulchiinsi Tiraamp gargaarsi Yukireeniif taasifamaa ture sirrii akka hin taane ibsaa turan.
Mootummaan US erga Raashiyaan Guraandhala 2022 Yukireen weerartee kaastee deeggarsa maallaqaa fi meeshaalee waraanaa Yukireeniif taasisaa turte.
Qabiyyeen ibsa Ministeera Maallaqaa US, qabeenyi Yukireen sirriitti misoomee badhaadhina biyyattiif akka oolu Ameerikaan kutannoo akka qabdu mul'ise.
Ergaan ibsa kanaa Ameerikaan amma Raashiyaa caalaa Yukireen waliin hariiroo cimsachuu agarsiisa.
Dhiheenya kana bulchiinsi Tiraamp Raashiyaa faana walitti dhufeenya ta'ee hin beekne uumaa kan jiru yoo ta'u, amma erga qabeenya Yukireen irratti waliigaltee mallatteessanii garuu miirri kun jijjiirameera.
Waliigaltechi ''Weerara Raashiyaa'' jechuun ibseera.
''Biyyi meeshaa waraanaa fi maallaqaan Raashiyaa deeggaraa turte kamuu misooma Yukireen deebisanii dandamachiisuurraa fayyadamuu hin dandeessu,'' jedha waliigalteen kun.
Dhimma kanarratti hanga ammaa gama Raashiyaan wanti jedhame hin jiru.
Yukireen bakka bu'uun waliigaltee kana mallatteessuuf gara Waashigitan kan imalan Ministirri Muummee Itti Aantuun Yukireen Yuuliyaa Siviiriidenkoo, waliigalteen kun invastimantii biyyattiif fiduu keessatti qooda olaanaa qaba jechuun X irratti maxxansan.
Waliigalteen kun misooma albuudotaa, boba'aa fi gaazii akka ilaallatu kan ibsan qondaalli Yukireen kun, albuudonni kunneen garuu qabeenya Yukireen ta'anii itti fufu jedhan.
Misooma kanarraa Ameerikaa fi Yukireen walqixa hiratu, garuu waliigalteen kun seera baastota Yukireeniin raggaasifamuu qaba jedhan.
Akkaataa waliigaltee kanaan Ameerikaan Yukireeniif deeggarsa haaraa kennuu eegalti. Deeggarsi haaraan kun ittisa humna qilleensaa dabalata jedhan.
Pirezidant Doonaald Tiraamp Yukireen gargaarsa Ameerikaarraa argachuu yoo barbaadde waliigaltee kana akka mallatteessitu dhiibbaa uumaa turan.
Tokko kan isaan eeran dhimma US nageenya Yukireeniif wabii ta'uuti.
Kanaaf waliigalteen kun baayyee murteessaadha. Yukireen albuudotashee Ameerikaaf yoo kennitu, Ameerikaan ammoo nageenya Yukireeniif wabii taati.
Kun garuu kan Pirezidant fedhanirraa baayyee xiqqoodha. Erga waraanni eegalee qabeenyi Ameerikaa achitti bade akka kaffalamu fedhu.