Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Chaayinaan dhuguma yeroo hunda xiyyeeffannaa waraana qaraxa Tiraamp turtee?
Karoorri qaraxa cimaa Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp jalqaba irratti michoota Ameerikaa yeroo dheeraaf muraasa dabalatee, meeshaalee biyyoota hedduu irraa galfaman irra gibira kaasuun isaa ni yaadatama.
Haata'u malee karoorri Ebla 9 hojiirra erga ooleen sa'aatiiwwan muraasaan booda, Tiraamp haala hunda jedhamuun hojii irra oolmaan qaraxichaa guyyoota 90f akka turu labsan. Isa keessa ammoo biyya tokko, Chaayinaa qofa waliin waraana daldalaa irratti xiyyeeffatan.
Labsiin kunis xiinxaltoonni tokko tokko Tiraamp yeroo hunda Chaayinaa irratti xiyyeeffachuuf fedhii qabaachuu isaanii akka yaadan taasiseera.
Pirezidanti Tiraamp baatii Amajjii keessa erga eebba angoo qabateen booda, daldala irratti kan xiyyeeffatan yoo ta'u, biyyoota adda addaa irratti qaraxa cimaa kaa'aa jiru.
Michoonni daldalaa Ameerikaas yeroo dheeraaf biyyattii irraa fayyadamaa turuu kaasuudhaan, kunis indaastiriiwwan biyya keessaa irratti dhiibbaa hamaa geessisuu dubbatan.
Ajajni hojii raawwachiiftuu Tiraamp inni guddaan fi falmisiisaa ta'e Ebla 2 u'a bkan biyyoota addunyaa hedduu irra qaraxa kaa'e yoo ta'u, isaan boodas gabaan aksiyoonaa kufaatiin kan mudate yoo ta'u, kunis haalaa waraana daldalaa addunyaa irratti yaaddoo uumeera.
Erga qarannii biyyoota irra kaa'amee ture akka guyyoota 90'f turu labsameen booda, Waayit Haawus yeroo hunda qaama karoora Tiraamp qaraxa bal'inaan kaa'uu ta'uufi sana booda furtuu dhaabbuu tuquun tokkoon tokkoon biyyaa waliin mari'achuu akka ta'e ibseera.
Haata'u malee Chaayinaan labsii qaraxa dhaabuu sana keessatti hin hammatamne.
Siriyummaa iyyuu, Tiraamp hanga qaraxa meeshaalee Chaayinaa irraa galan gara %145tti ol guddiseera. Qondaaltonni Ameerikaa akka jedhanitti, kaayyoon dhugaa Chaayinaa adabuu fi dirqiin mariitti fiduudha.
Ministirri Maallaqaa Ameerikaa Iskoott Beesent gaazexeessitootatti akka himanitti, ''isaan madda rakkoo daldalaa Ameerikaa guddaadha, dhugumatti addunyaa guutuuf rakkoo ta'u,'' jedhan.
Haata'u malee, lola kana biyya dinagdee guddicha addunyaa lammaffaa waliin taasifamu filachuun balaa qaba.
Chaayinaanis deebii kennuuf meeshaalee Ameerikaa irraa gara biyyattiitti galfaman irratti qaraxa %125 kaa'uu beeksiste. Innis Ebla 12 irraa eegalee hojiirra oola jette.
Wanti ammoo Tiraamp hojjechaa jiran imaammata dhiibbaa fi humna Chaayinaa guddachaa jiru fuuldura dhaabbachuuf jecha xiyyeeffannoo Ameerikaa gara bahaatti garagalchuudhaanpirezidantii biyyattii duraanii, Baaraak Obaamaan, jalqabame dheeressuu ta'un ilaalamuu mala.
Bulchiinsi prezidantii Ameerikaa Doonaald Tiraamp gaafa Ebla 12 irratti ammoo bilbiloota ismaartii, kompiitaraa fi meeshaalee elektirooniksii biroo tokko tokko qaraxa %125 kanneen Chaayinaan irraa galfaman dabalatee," bilisa taasisan.
Barreessaa fi xiinxalaan siyaasaa Tiim Maarshaal taateewwan torbee darbeerratti BBC'tti akka himanitti, ''Barrisaa haaraadha, dinagdeenis kutaa kanaas guddaadha,'' jedhan.
"Kun waa'ee Chaayinaa ta'uu nan amana. Qaranni Ingilizootaafi Awurooppaa waliin yeroo hunda kan hir'ifamu ta'a, ibiddis Chaayinaa irratti garagale," jedhan.
Chaayinaan duubatti hin deebitu
Erga Tiraamp baatii Amajjii keessa gara Waayit Haawusitti deebi'anii kaasee, Chaayinaan fi Ameerikaan waraana daldalaa cimaa irratti bobba'an. Wanti ittaane ammoo qaraxa haaloo bahuumsaa wal-duraa duubaan kaa'ameedha.
Ministeerri Daldala Chaayinaa qaraxa Tiraamp'n ''tapha lakkoofsaa hiika qabatamaa hin qabne'' jedheen.
"Ameerikaan meeshaalee Chaayinaarraa gara Ameerikaatti ergaman irratti qaraxa kaa'uu yoo itti fufte, Chaayinaan ni tuffatti" jechuun dabauun ibseera.
Hoggantoonni Beejiing bulchiinsa Tiraampiin irra deddeebiin, ''dorsisaa'' jechuun ibsanii, harka itti kennachuuf fedhii akka hin qabne hubachiisaniiru jedha rippoortarri BBC Chaayinaa Isteefan Makdooneel.
Dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Chaayinaa Maa'oo Niingis dhiheenya kana, waraabbii yeroo Waraana Kooriyaa "waraanni kun hammam iyyuu turus gonkumaa harka hin kenninu" dabalatee suuraa dura taa'aa Maa'oo miidiyaa hawaasaa irratti maxxansuudhaan UStti himan..
Kanaa olittis, yaada mataashee akkas jechuun maxxansite, "Nuti Chaayinaadha. dubbii barbaacha hin sodaannu. Duubattis hin deebinu" jetteetti.
Chaayinaan immoo biyyoota kamiyyuu caalaa kana raawwachuuf haala cimaa keessa jiraachuu dandeessi jechuun hubachiisan Maakdooneel.
Chaayinaan hangam dhiibbaa US'f saaxilamtuudha?
Chaayinaan waraanaa qaraxaa dhiheenyaatiin dura meeshaa GDP ishee keessaa %2 ta'u qofaadha kan gara Ameerikaatti ergiti turte.
Xiinxaltuun gabaa olaanoo dhaabbata Siitii Indeeksii UK keessatti argamu ,Fiyoonaa Siinkootaa, BBC'tti akka himtetti, saaxilamummaan Chaayinaan US'f qabdu kan yeroo aangoo Tiraamp jalqabaaf ture caalaa baay'ee xiqqaadha.
"Chaayinaan al-ergii Ameerikaa irratti hirkattummaashee hir'isaa turte. Kanaafuu amma al-ergii Chaayinaa keessaa naannoon %13 gara Ameerikaa deema. Tibba bulchiinsa Tiraamp jalqabaatti kun %26 ture," jette.
Xiinxaltoonni biroos itti dabaluudhaan, Beejiing tarkaanfii dinagdee Tiraamp fudhatte tilmaamtee ta'uu mala.
''Yeroo dheeraaf qophaa'aa turan,'' jechuun BBCtti himan gulaalaa 'The Economist' kan dhiheenya aanga'ootaa fi hayyoota Beejiingiin wal argan, Deeviid Reeniin.
"Ameerikaa irratti qophii ittisaa yeroo gabaabaa taasisaniiru, garuu sirreeffama yeroo dheeraa gochuufis yaalaa jiru, dinagdee guutuu hirkattummaa garmalee olaanaa al-ergii irraa fageessuu fi jijjiiruuf yaalaa jiru," jechuun dabalanii.
Waraana daldalaa US waliin jiru kana gidduutti, Pirezidaantiin Chaayinaa Shi Jinping michoota daldalaa haaraa cimsuuf waan hojjetan fakkaata.
Biyyattiin biyyoonni qaraxaan miidhaman akka tokko ta'aniif waamicha gochaa turte.
Shiin Ebla 11 walgahii ministira mummee Ispeen Peedroo Saancheez waliin taasisaniin, biyyisaanii fi Gamtaan Awurooppaa ''gocha dorsiisaa gama tokkoon'' bulchiinsa Traamp waliin ta'uun mormuu qabu jedhan.
Shiin biyyoota biroo ji'a kana qaraxa Tiraampiin haala miidhaman kanneen akka Veetnaam, Maaleeziyaa fi Kaamboodiyaa daawwachuufis beellama qaba.
Ministira mummichaa Chaayinaa Lii Qii'aang, ''sirna daldalaa cimaa haaromfame, bilisaa, haqa qabeessaafi dirree walqixa irratti hundaa'e'' guddisuuf mari'achuuf pirezidaantii Komishinii Awurooppaa, Ursulaa voon der Leyeniif waamuun isaanii ni yaadatama.
Ministirri daldala Chaayinaa, Waang Weentaawoo gita isaanii Gamtaa Awurooppaa, Sa'uudii Arabiyaa fi Afrikaa Kibbaa waliinis haasa'aniiru.
Balaa Chaayinaa mudachuu danda'u
Sababni Chaayinaan biyyoota biroo qunnamaa jirtuuf keessaa tokko isaaniin tasgabbeessuuf ta'uu mala.
Chaayinaan gabaa Ameerikaakeessaa bakka birootiin bakka buusuuf ilaaluu kan dandeessu yoo ta'u, kun bakkeewwan haaraa sanaaf dhimmoota dhiyeessu danda'a, Beejiingiif ammoo rakkoo dippilomaasii ta'uu danda'a.
"Yoo danbaliin al-ergii Chaayinaa gabaa kanneenitti yaa'ee, sababii Ameerikaatti gurguramuu waan hin dandeenyeef qofa biyyoota addunyaa hedduu keessatti hojii fi carraa miidha. Sun ammoo, hoggansa Chaayinaadhaaf mataa dhukkubbii guddaa dippilomaasii fi ji'oopoolitikaa ta'uuf deema," jedha Reeniin.
Dhimmi biraa gabaa biyya keessaa ta'uu danda'a. Fayyadamtoonni Chaayinaa yoo oomishni Ameerikaa qaala'e salphaatti gara oomisha biyya keessaatti ce'uu akka danda'an BBC'tti kan himan yoo ta'u, yeroo ammaa dinagdeen Chaayinaa qaala'iinsa jireenyaa keessa jira.
Ragaan indeeksii gatii fayyadamaa ofiisaa akka agarsiisutti, qaala'iinsi jireenyaa ji'a Bitooteessa keessa ji'a lammaffaaf walitti aansuun gadi bu'eera. Fedhiin biyya keessaa waan jiru hin fakkaatu.
Shiin ''balaa Chaayinaa fi Ameerikaan gara waraana dinagdeetti harkifamuu akka danda'an hubachuudhaan, haala 'jeequmsa' ta'eef qophaa'eera,'' jedhan saayintistiin siyaasaa Ameerikaa Pirofar Giraahaam Aliisan, kan reefuu daawwannaa Chaayinaa irraa deebi'an.
"Yoo xiqqaate ragaalee ani arge hunda irraa, yoo kun ta'e dandamachuu fi gosoota ofirraa ittisuuf dameelee fi naannoolee hunda keessatti qophaa'aniiru," kan jedhan Prof Allison.