Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Tiraamp 'ganaa yoom argitan?' jechuun ammallee ajajoota hedduu akka labsan dhaadatan
Pirezidant Doonaald Tiraamp erga hojii eegalee guyyaa 100ffaasaanii wayita kabajan haasaa duula filannoo fakkaatu taasisan. Dubbiisaanii keessatti morkattootasaaniis jechaan tuqaniiru.
Akka milkaa'ina guddaa galmeessanitti kan of saadan Tiraamp, aangoo pirezidantummaa fayyadamuun ''jijjiirama ajaayibaa'' argamsiisuu dubbatan.
Qondaalli Rippaablikaan kun akkuma yeroo kamuu godhan hawaasa kumaatamaan ba'e duratti Joo Baayidanitti qoosaniiru.
Tiraamp erga aangoo qabatanii lakkoofsi godaantotaa gara US seenanii hir'ateera, garuu gama diinagdeen sochiin ture kisaaraa siyaasaa itti fideera.
Sababa qaraxaa biyyoota diinagdeen jajjaboo ta'an waliin waraana daldalaatti seenaniiru.
''Kun jalqabbiidha, ammallee yoom argitan?'' jechuun dhaadataniiru Tiraamp.
Michigaan, handaara Detroit'tti haasaa taasisaniin ammallee tarkaanfiiwwan jajjaboo fudhachuu akka itti fufan ibsan.
Sagantaa kanarratti dhimmoota Tiraamp irratti xiyyeeffachuun dubbatan keessaa tokko waa'ee fudhatamummaa isaanii yeroo ammaati.
Yaadi namoonni kennaa jiran fudhatamummaan Pirezidant Tiraamp hir'ataa jiraachuu mul'isa. Tiraamp kun ''oduu sobaa dhugaa fakkeeffamee odeeffamudha,'' jedhan.
Jaarmiyaan yaada uummati hooggantoota irratti qabu xiinxalu Gallup, erga Waraana Addunyaa Lammaffaa as Tiraamp pirezidantii US guyyoota jalqabaa100 keessatti deeggarsa uummataa walakkaa gadi argataniidha jedhe.
Akka jaarmiyaan kun jedhutti Tiraamp erga Waayit Haawus seenuun hojii eegalanii guyyoota jalqabaa 100 keessatti deeggarsi uummataa argatan dhibbeentaa 44 qofa.
Haata'u malee irra caalaan Rippaabilikaanotaa ammallee cimsanii Tiraampiin deeggaru.
Warri Dimokiraatotaa ammoo fudhatamummaa Tiraamp gadi buusuuf ifaaju.
Koreen Biyyaalessaa Dimokiraatotaa (DNC) guyyaan 100 jalqabaa Tiraamp kufaatii guddaa ta'uu ibse.
''Jireenyi akka malee qaala'uuf kan itti gaafatamu Tiraampi. Kufaatiin Tiraamp balbala hunda keenyaatti mul'ataa jira,'' jedhe.
Bulchiinsi Tiraamp kan ittiin milkaa'e inni ijoon lakkoofsa godaantotaa hir'isuudhaani.
Bara darbe Bitootessa keessa lakkoofsi godaantota karaa daangaa kibba US seenan 140,000 ture, lakkoofsi kun amma 7,000tti bu'eera.
Waayit Haawus akka jedhutti bara bulchiinsa Tiraamp marsaa lammataa kana hanga ammaatti godaantonni 65,700 ta'an hari'amaniiru.
Lakkoofsi kun kan guyyoota 100 ta'us kan bara darbe bulchiinsa US hari'e kuma 200 fi kuma 70 irra baayyee xiqqoodha.