Dhukaasa Yunivarsitii US keessatti banameen lama ajjeefaman, hedduun madaa'an

Madda suuraa, Reuters
Ameerikaa, Yunivarsiitii Birawon keessatti dhukaasa hidhataan tokko baneen barattoonni lama ajjeefamanii, namootni biroon sagal madaa'an.
Bulchiinsa odola Rood keessatti dhukaasni kan baname Sambata xiqqaa kutaa barnootaa keessatti wayita qormaatni kennamaa jirutti.
Yunivarsiitichi US keessatti warra angafa jedhamaniifi beekamtii guddaa qaban keessaa tokko.
Hidhataan haleellaa kana raawwate ammallee barbaadamaa sababa jiruuf Yunivarsiitichi cufameera.
Barattootni mooraa Yunivarsiitichaa jiran hanga Poolisiin dhufee isaan baasutti dahatanii akka turan akeekkachiifne kennameera.
Aanga'oonni hospitaala odola Rood kanneen mada'aanii waldhaansarra jiran hedduun haala hamaa keessa jiraatanis garuummoo tasgabbii qabuu jedhaniiru.
Aanga'oonni ammatti eenyummaa namoota du'aniifi madaa'anii jiran ifa hin goone.
Guyyaan akkasii kun hawaasa keenyatti ni dhufa jennee yaadnee beeknu. Kuni hunda keenyaaf guyyaa hamaadha'' jedhan Pirezidantiin Yunivarsiitichaa Kiristiinaa Paasan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Poolisiin namni yakka kana raawwate dhiira ta'uu malee eenyummaasaafi kaayyoosaa ilaalchisee odeeffannoo bal'aa hin kennine. Yunivarsiiticha waliin hariiroo shakkamaan kun qabaachuu malus hin eerre.
Kaameraan CCTV hidhataan kun haleellaa raawwachuu booda mooraa keessaa yeroo bahu agarsiiseera. Garuummoo fuullisaa hin mul'atu.
Hoggaanaa itti aanaan Poolisii naannichaa shakkamaan guutummaatti uffata gurraacha akka uffatee tureefi tarii maaskiis akka haguuggate himan.
Meeshaan waraanaa hidhatee ture maal akka ta'e adda hin baane, meeshichis hin argamne jedhaniiru.
Piroofeesarri muummee ikonomiksii tokko yaada miidiyaa naannichaaf kenniteen karaa gargaartuushee barattootaaf qorumsi wayita kennamaa jirutti dhukaasni irratti baname.
Dhukaasichi mana barnootaa Injineeringii keessatti gamoo darbii tokkoffarratti raawwate.
Hidhataan kun kutaa qormaataa bal'aatti ol lixee wanta bariisaan kun ammatti hin yaadanne tokko jechuun erga cookee booda dhukaasuu eegale.
Wayita kana barattootni dhukaasa jalaa gadi jechuufi baqachuuf yaalaniiru. Kutaa teessuma akka isaadiyeemii qabu jala dhokachuuf wayita yaalan ajjeefamaniiru jette barsiistuun kun.
Poolisiin gamoo haleellaan kun irratti raawwate qulqulleessuus shakkamaas, meeshaa shakkamaan qabatee tures argachuu hin dandeenye.
Yunivarsiitiin maqaa guddaa qabu kun barattoota 11,000 barsiisaa jira.
Haleellaan irratti raawwatame kun lakkoofsa haleellaa hidhataan bara kana keessa biyyattii keessatti raawwate 389n gaheera jedha marsariitiin Gun Violence Archive jedhamu.















