Ameerikaatti hidhataan qawwee sanyiin looguun namoota gurraacha sadii ajjeese

Dukkaana Doolaar Jeneraal

Madda suuraa, GOOGLE STREET VIEW

Namichi qawwee hidhate jibba sanyii biraaf qabuun kaka'uun namoota gurraacha sadii ajjeesee, achiin Jaaksanfiil Filooridaatti of ajjeesuu hoggansi poolisiin naannichaa ibseera.

Gochaa kana kan raawwates nama ganna jalqaba 20moota keessa jiru akka taheefi dukkaana Doolaar Jeneraal jedhamu seenee dhukaasa banuun poolisii waliin muddama uumee ture.

Hogganaan poolisii T K Waatars dhiirota lamaafi dubartii tokko ajjeeseera, uffannaa yoo itti dhukaafame isa eeguu keewwachuun dabalataan dhaadannoo siyaasaa qabatee ture kan seene jedhe.

Kantiibaan magaalattii Doonaa Diigan, ''yakka jibbaan guutame, jibba sanyummaan kan kaka'e,'' jedhan.

Namni haleellaa kana raawwate-maqaan isaa hamma yoonaa adda hin baafamne qawweefi shugguxii qabatee ture jedhe poolisiin.

Gochaa kana ofumaan akka raawwachuuf kaka'eefi, of ajjeesuuf barabaadaa akka turetu himama.

Jaaksanfiil keessa maatiisaa wajjin kan jiraatu yoo tahu gochaa kana raawwachuuf akka jedhu irra deddeebiin ergaa kaa'ee ture jedhan hogganaan pooliisii Waatars. Qawwee isaa tokko irratti fakkiin mallattoo Naazii kaafameera.

Biiroon Tikaa Federaalaa dhimma kana yakka jibbaatti ilaaluun qorannoo jalqabeera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Kantiibaan magaalattii ibsa karaa TV'n kennaniin, ''dhukaasni tokko guddaa, akkanatti jumlaadhaan haleeluun garuu fudhachuuf waan nama rakkisu dha,'' jedhan.

Bulchaan Filooridaa Roon DaSaantis, nama gochaa kana raawwate, ''kosii'' jechuun yoo ibsan haleellicha ammoo ''suukaneessaa,'' jedhaniirunii.

''Abbaan qawwee kuni namoota sanyii isaanii irratti hundaa'uun irratti qiyyaafate, sun ammoo cirumaa fudhatama hin qabu,'' jedhan Paartii Rippaabliikaanaaf kan dorgoman DaSaantis.

''Namni kuni gochaa isaaf itti gaafatamummaa fudhachuu mannaa of ajjeese, waanuma dabeessi godhu,'' jedhan.

Haleellaa raawwate Pireezidant Joo Baayidan akka quba qaban Waayit Haawus himeera.

Dukkaanni Doolaar Jenaraal jedhamu, ''haleellaa hamaa raawwatameen akkaa gaddineerra poolisii wajjin otoo hojjennuu, hojjettoota keenya dhimma kanaan miidhaman gargaaruun waan dursa kenninuufi taha, '' jedheera.

Bara kana qofa rasaasa namootarraa dhukaafameen Ameerikaatti namoonni 28,000 ajjeefamuu marsariitiin biyyattii dhimma kanarratti ragaa funaanuu ibseera.

Haleellaan Jaaksanfiil kuni kabaja ayyaana haasaa beekamaa Maartiin Luutar kiing ''Abjuun qaba,'' jedhurratti dhalate.

Warraaqsa mirgaa seena-qabeessa kabajuuf namoonni kumaatamaan lakkaa'aman magaalaa guddoo biyyattiitti walittiqabamanii turan.