Aanga'aan US karoora Israa'el Iraaniin haleeluuf qabatte miliqsan himataman

Aanga'aan mootummaa Ameerikaa tokko dokumentii karoora Israa’el haleellaa haaloo bahu Iraan irratti raawwachuuf baafattee icciitiin qabame miliqsanii baasaniiru jedhamuun himataman.

Israa’el bakkeewwan buufata waraanaatii jedhamanirratti xiyyeeffachuun Onkoloolessa keessa Iraan irratti haleellaa qilleensaa raawwatteetti.

Tarkaanfiin Israa'el kun ammoo deebii Iraan torbanootaan dura misaa’eloota hedduu wal walirratti itti dhukaaftedha.

Dokumentiin icciitiin qabamee booda miliqee bahe kun osoo Israa’el haleellaa hin gaggeessiin dura akkamitti akka Ameerikaan karoora sana itti gamaggamteefi sochii waraanni Israa’el yeroo qophiirra jiranitti taasisan kan of keessatti qabatedha.

Aanga'aan karoora icciitiin qabame kana miliqsee baase jedhame kun maqaan isaa Asiif Rahmaan kan jedhamu yoo ta’u, Kibxata Kamboodiyaa keessatti qabame.

Namni kun erga Kamboodiyaatii to’atameen booda mana-murtiitti dhiyaachuuf gara mana-murtii federaalaa Gu’aam geeffameera jedha ibsi himannaa isaa ilaalchisee ba'ee miidiyaalee US argan.

Obbo Rahmaan biyya alaatti CIA (dhaabbata tikaafi basaasa US) keessa kan hojjetaniifi nageenya ilaalchisuun ragaan icciitii ta'e harka isaanii jiraachuu Niiw Yoork Taayims gabaaseera.

Namni kun Kamisa mana-murtiitti dhiyaatanii himannaa lama ta'e jedhanii odeeffannoo icciitiin eegamuu qabu dabarsuutiin gaafatamuuf jiru.

Dokumentiiwwan Obbo Rahhaam dhoksanii baasaniiru jedhaman kanneen ragaa mana-murtiif dhiyaaterratti hin ibsamne.

Haata'u male, maddeen Ameerikaatti miidiyaa michuu BBC ta'e CBS NEWS'tti akka himanitti, karoora Israa'el Iraan haleeluuf qabatte akka ta'anidha.

Onkoloolessa keessa, dokumentiiwwan lama kan Ejensii Ji'oosipaashaal Intelijensii Biyyaalessaafi ejensii Dippaartimentii Ittisaa ta'uu hin oolu jedhame, fuula Telegraamii Iraan waliin hidhata qaba jedhamurratti maxxanfamee ture.

Dokumentiin icciitii olaanaadha jedhame kun intelejensii waloo Five Eyes jedhaman US, Biriteen, Kanaadaa, Niwu Ziilaand fi Astiraaliyaa gidduutti qoqqodameera.

Dokumentiiwwan kunneen odeeffannoo Onkoloolessa 15-16 saatelaayitiirraa argamanirratti waan hundaa'edha jedhame.

Dokumentiiwwan kanneen keessaa tokko mata-dureen isaa akkas jedha: "Israa'el: Humni Qilleensaa Haleellaa Iraan irratti gaggeessuuf Qophaa'aa kan jiru yoo ta'u, Shaakalli Marsaa Lammaffaatiif Humna Guddaa Hirmachisuun itti fufeera."

Qophiin kun misaa'elii balaastikii qilleensarraa gara dirreetti ergamu kan ibsudha.

Israa'el tarkaanfii haaloo ba'uu Iraan irratti Onkoloolessa 26 kan fudhatte yoo ta'u, akkamitti akka misaa'eloota Tehiraan Onkoloolessa 1 itti dhukaafteef deebii itti kenniturratti murteessuudhaaf torbanootaaf yaadaa erga turte boodadha.

Humni Waraanaa Israa'el (IDF) akka jedhetti, bakkeewan buufatawwan waraanaa baayyeerratti xiyyeeffachuun kan gaggeeffame ture.

Haleellaa Israa'el kana hordofees, bakkeewwan omisha misaa'elaa Iraan akka haleelaman gabaasaaleen bahaa turaniiru.

Haleellaa Israa'el kanaan namni nagaa tokkoofi loltoonni afur ajjeefamuus aanga'oonni Iraan himanii ture.

Ajjeechaa hoggantoota Hamaas fi Hezboollaaf deebii kennuudhaaf Iraan balastik misaa'elii 180 Israa'elitti dhukaastee turte.

Dhimma kanarratti odeeffannoo dabalataaf Qajeelchi Haqaa US gaafatamee ture.