Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Iccitii karoora Israa'el Iraan haleeluuf qabdu akkamitti miliqee bahe ?
Ameerikaan sanadoota iccitii karoora Israa’el Iraan haleeluu irratti qabdu akkamiitti akka miliqee bahe qorachaa akka jirtu Af-yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Maayik Joonsan mirkaneessaniiru.
Sanadoonni kunneen torban darbe toora interneetii irratti maxxanfamuu isaanii kan himame yoo ta’u, suuraawwan saatalaayitii Israa’el haleellaa misaa’elaa Iraan Onkoloolessa 1 raawwatteef deebii kennuudhaaf qophii fi sochii xiyyeeffannaa haleellaa agarsiisu kan of keessaa qabuudha.
Sanadoonni kun iccitii olaanaa ta'een kan mallatteeffaman yoo ta'u, gamtaa basaasaa biyyoota shanii kan US, Biriteen, Kaanaadaa, Niwuu Ziilaandii fi Awustiraaliyaatti qoodamuu akka danda’an michuu BBC Ameerikaa kan ta’e CBS gabaaseera.
Torban hedduudhaaf Israa’el haleellaa misaa’elaa Iraan yeroo dhiyootti raawwatteef akkamitti fi yoom deebii akka kennitu murteessaa turte.
Ministirri Ittisa Biyyaa Israa'el haleellaan kun "dhimma du'aa fi jireenyati, tarkaanfii sirrii fi dinqisiisaa ta'a" jechuun akeekkachiisaniiru.
Sanadni iccitii lama Ejensii Basaasa Ji’oospeesii Biyyaalessaa Ameerikaa fi Ejensii Nageenya Biyyaalessaa (NSA) irraa ba'uu hin oolu jedhamee shakkamu Jimaata darbe akkaawuntii Telegiraamii Iraan waliin walsimu irratti maxxanfamaniiru.
Miseensa Kongireesii sadarkaa olaanaa kan ta'an Joonsan Dilbata darbe CNN'tti akka himanitti ''ba'iinsi iccitiin kun baay'ee yaaddessaadha'' jedhan.
''Himannaan cimaan tokko tokko ka'aa jira, qorannoon gaggeeffamaa jira, yeroo muraasa booda waa'ee kanaa ibsa nan argadha,'' jedhan miseensi mana maree Rippabilikaan Luwiiziyaanaa kun.
Peentaagoon ibsa baaseen waa’ee sanadoota kanaa akka quba qabu mirkaneessee, garuu kana caalaa dhimmicha irratti yaada hin kennine.
Dhaabbileen Ameerikaa dhimmicha keessa jiran, akkasumas mootummaan Israa’el waa’ee Iccitii bahe kana ilaalchisee ifatti yaada hin kennine.
Ameerikaan michuu ishee dhiyoo Israa’el ni basaasti?
CNN fi michootni isaa jalqaba dhimma kana kan gabaasan yoo ta’u, kunis Ameerikaan michuu ishee dhiyoo Israa’el akka basaastu irra deebi’ee mirkaneessa jedhamaa jira.
Sanadni tokko dandeettii niwukilaraa Israa’el kan agarsiisudha kan Ameerikaanis ta’e Israa’el ifatti hin amanne, qorannoon kunis haleellaa karoorfame kamiyyuu keessatti filannoo akkasii akka hin fayyadamne kan dhorku fakkaata.
Qondaalli basaasa Ameerikaa duraanii tokko BBC'tti akka himanitti, hayyama malee gadhiifamuun kun hamma haaloo ba'uu karoorfame saaxiluudhaaf yaaliin godhame ta'uu hin oolu, tarii jeequuf jedha
US odeeffannoon kun itti yaadanii ergamaa Ameerikaatiin kan miliqe ta’uu isaa, ykn hatamuu (hack) ta’uu mala jechuun qorachaa akka jirtu qondaaltonni Asoosheetid Pireessitti himaniiru.
Sanadoonni lamaan kun odeeffannoo saatalaayitii Onkoloolessa 15-16tti argaman irratti kan hundaa’an fakkaatu.
Mata dureen sanadichaa jalqabaa tokko akkas jedha: "Israa'el Iraan irratti haleellaa raawwachuuf qophii itti fufte jirti, shaakala humna waraanaa guddaa gaggeessuuf qophiidha" jedhu kan qabate ta'uu dhaabbati oduu Rooyitars gabaaseera. Kunis gabaasa haleellaa baalistiiksii fi haala misaa’ela qilleensa irraa gara lafaatti qabachiisuu kan ibsudha.
Mata dureen sanadichaa inni lammaffaan ammoo: "Israa'el: Humnoonni Ittisaa Qophii Meeshaa Waraanaa Ijoo Itti Fufanii fi Sochii Dhoksaa UAV Iraan irratti Haleellaa Raawwachuuf Mirkanaa'aadha jechuun ni danda'ama". jedha. Sochii diroonii Israa'el irratti ibsa kenna
Jimaata darbe Pirezidaantiin Ameerikaa Joo Baayiden waan Israa’el karoorfatte irratti ''hubannoo gaarii'' qabaachuu isaanii dubbataniiru.
"Israa'el yeroo ammaa kana deebii Iraaniif maal gochuuf akka jirtu... fi yoom dhuguma deebii akka kennan hubannoo gaarii qabduu?" rippoortarri tokko Baayiden gaafate.
"Eeyyee, eeyyee" jedhee deebiseef Baayiden.
"Nutti himuu dandeessaa?" jedhee gaafate rippoortarichi.
"Lakki, fi lakki."jedhe Bayiden.
Torban darbe keessa ministirri muummee Israa'el Binjaamin Naatinahuu, Isra'el gorsa Ameerikaa mi dhageessi garuu murtee mataa isheetin tarkaaanfii akka fudhattu ibsaa tura.