Lammiin Iraan waggoota 18f buufata xiyyaaraa Paaris keessa jiraate du’e

Namicha Iraan buufata xiyyaaraa Paaris keessa jiraataa ture

Madda suuraa, Getty Images

Lammiin Iraan waggoota 18’f buufata xiyyaaraa Paariis keessa mana isaa godhatee ture du’aan boqate.

Lammiin Iraan Mahraan Kaariim Naaseer kan rakkiina dippilomaasii isa mudateen to’atame, buufata xiyyaaraa Paaris RoissyCharles de Gaulle keessatti bara 1988 irraa jalqabee bakka xiqqoo mana jireenyaa kan taasifate.

Mudannoon isaa kun bara 2004 keessa fiilmiin ‘The Terminal, starring Tom Hanks’ jedhamu akka hojjatamu taasisee ture.

Naaseer booda keessa Firaans keessa akka jiraatuuf hayyamni kennameef ture, garuu torbanoota muraasaan dura bakkuma amma itti du’eetti didee deebi’e. Achittis du’a umamaa du’usaa qondaaltoonni buufata xiyyaarichaa AFP’tti himan.

Bara 1945tti ollaa Iraan Khuzestan jedhamu keessatti kan dhalate Naaseer, jalqaba haadhasaa barbaachaaf gara Awurooppaatti kan imale.

Waggoota muraasaaf biyya Beeljeem keessa jiraateen booda, waan hayyama jireenyaa seeraa hin qabaanneef, UK dabalatee, Neezarlaandiifi Jarman keessaa ari’atame.

Achinis gara Firaans imaluun buufata xiyyaaraa qorra 2F qabu mana jireenyaasaa taasifate.

Namni kun gaarii namoonni shaanxaa ittiin dhiibbataniin marfamee jiru keessa taa'uun, yaadannoo isaa irratti waa’ee seenaa jireenya saa barreessuufi kitaabootaafi gaazexaawwan dubbiisuun dabarsa ture.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Seenaan isaa kun qalbii miidiyaalee idil-addunyaafi daareektara buufata xiyyaarichaa kan ta’e Isteefan Ispeelbeerg hawwateera.

Kanaanis miidiyaa irratti akka dhiyaatu ta’eera.

Erga warraabbiin isa waliin taasifame gadhiifamee booda, gaazexessitoonni dubbisuuf itti yaa’u eegalan. Kunis filmiin Hollywood hojjatamuuf ka’umsa ta’e.

Yeroo kanattis, Naazeer kan ofiisaan ‘Sir Alfred’ jechuu waaman, guyyaatti gaaffii deebiiwwa jaha kennaa turan jedhu gabaaseeleen Le Parisien.

Bara 1999tti Firaans keessa akka jiraatuufi mirgi kolugaltummaa kennamuufilleen, inni garuu hanga bara 2006tti achuma buufata xiyyaa keessa ture.

Bara 2006tti dhukkubsachuun buufaticharraa gara mana yaalaatti geeffame ture.

Achinis maallaqa fiilmii irraa argateetti fayyadamuun hosteela keessa jiraachuu eegalee ture jedha gabaasni gaazexaa Firans tokko.

Booda ammoo torbanoota muraasaan boda gara buufata xiyyaarichaatti deebii’uun, achitti du’aan boqachuu qondaalli buufatichaa himan.

Erga du’een boodas Yuroowwan kuma hedduu harka isaatti argamu himan qondaaltoonni kunneen.