Hookkara biyyasaaniitti ka'een kan himataman Bolsonaroon dhibamanii hospitaala seenan

Jair Bolsonaro deeggartoota isaa Filooriidaa jiranitti wayita dubbatu, 2022

Madda suuraa, Getty Images

Pireezidantiin duraanii Biraaziil Jair Bolsonaro hookkara biyyasaaniitti ka'e booda dhibee keessoo garaan qabamanii hospitala seenuu haati warraasaanii ibsite.

Kun kan ta'e erga deeggartoonni isaanii kumaatamaan lakkaa'aman paarlaamaa biyyattii weeraruun hookkara kaasaniiti.

Aab Bolsonaro'n Wiixata kaleessaati kan hospitaala seenan. Erga bara 2018 waraanamanii hanga yoonaa dhibee keessoo garaan rakkataa jiru.

Qondaalli siyaasaa kun guyyaa 10 dura biyyaa ba'an, amma Filooriidaa qe'ee Donaald Tiraamp jiru.

Sirna kakuu seenuu pireezidantii haaraa Biraaziil Luiz Inacio da Silva torbee darbe gaggeeffamerratti hirmaachuu didan.

Aab Bolsonaro fi Donaald Tiraamp hariiroo cimaa waliin qabaniin gocha dimokiraasii qoru haala walfakkaatuun raawwachuusaaniin hedduu qeeqaman.

Pireezidantiin US Joo Baayidan biyyasaanii keessaa Aab Bolsonaro akka baasaniif miseensota paartiisaaniirraa dhiibbaan isaan mudateera.

''Bolsonaron Filooriidaa keessa jiraachuu hin qabu,'' jechuun bakka bu'aan paartii dimokiraat Joaquin Castro CNN'tti hime.

Miseensi paartii dimokiraat miseensa paarlaamaa US ta'e Alexandria Ocasio-Cortez, ''Filooriidaa keessatti Bolsonaron da'oo argachuu hin qabu,'' jechuun tiwiitarii irratti barreesse.

Gorsaan Nageenyaa US Jake Sullivan US Bolsonaro akka simattuuf gaaffiin seera qabeessa ta'e mootummaa Biraaziil irraa hin dhihaanne jedhe.

Bolsonaron bara 2018 Fulbaana keessa osoo kutaa biyyaa Minas Gerais jedhamu keessatti duula filannoo gaggeessanii waraanaman.

Bara sana filannoo mo'ataniiru.

Onkoloolessa darbe garuu filannocha injifachuu hin dandeenye, morkataa isaanii Lula da Silvatiin qabxii xiqqoon caalamanii keessaa galan.

Garuu bu'aa filannoo tole jedhanii hin fudhanne.

Dubbii yeroo sana dhalatetu amma biyyattii goolama siyaasaa hamaa keessa galche.

Isaanis dubbii qabsiisanii gara US imalanii jiru.