Taalibaan Pirofeesara shamarran akka baratan tumsaa ture hidhe

Pirofeesarri Afgaanistaan Taalibaan shamarran akka yunvarsiitii hin seenne dhorkuu qeequun beekamu Kaabulitti hidhame.

Maqaan Pirofesara kanaa Ismaa’il Mashaati.

Pirofesar Ismaa’il, Kamisa darbe kana kitaabota bilisaan otoo namootaaf rabsuu qabamee hidhame.

Barsiisaan kun beekamtiin isaa caalatti kan dabale tamsaasa TV kallattiin darbaa turerratti Taalibaan barattoota shamarranii yunvarsiitii fi manneen barnoota sadarkaa lammaffaarraa dhorkuu mormee, pirofeesarummaa isaas ofirraa mulqe.

Sana booda Pirofeesara umrii ganna 37 kan ta’e Ismaa’el ''gocha dubbii kakaasu dalage’’ jedhamuun himatame.

Pirofesar Ismaa’il mootummaa Taalibaan miidhuuf gaazixeessitoota daandii guddaa, bakka namoonni walitti qabamanitti affeere, ''jeequmsa uumuuf yaale,'' jedhan qondaalli Taalibaan Abduu Haq Hammaad jedhaman.

Namoonni Pirofesar Ismaa’il wayita hidhamu argan akka himanitti, qaamoleen nageenyaa Taalibaan barsiisaa kana kabalaa, dhidhiitaa fi bunyaan dhahaa turan.

Qondaalli Taalibaan Abduu Haq Hammaad jedhaman garuu barsiisaan kun wayita to’atamu poolisiin akkaata seera qabeessa ta'een qabe jedhan.

Duraan gaazixeessaa kan ture Pirofeesar Ismaa’il Mashaa, yuunvarsiitii dhuunfaa magaalaa Kaabulitti barattoota shamaranii 450 ta’an ogummaa gaazixeessummaa, Injinariingii, Ikonomiksii fi Saayinsii Kompiyuutaraa barsiisu hogganaa ture.

Ministeerri Barnootaa Taaliban gamasaatiin barnoonni shamarran Yuunvarsiitii keessatti baratan faallaa Islaamummaa fi aadaa Afgaanistaani jechuun barnoota shamarranii hunda barachuu dhorke.

Bulchiinsi Taalibaan ji’a Muddee darbe barattoonni shamarranii amma akeekkachiisni haaraan kennamutti barnoota addaan kutuu qabu jedhee beeksise.

Akeekkachiisa bulchinsi Taalibaan baase hordofuun Pirofeesar Ismaa’il Mashaa ''barnoonni nama hundaaf kennamu qaba ykn homtuu barachuu hin qabu,'' jechuun mana barnoota isaanii cufeera.

Sana booda dhimma kanarratti hanga wareegama lubbuutti gatii yoo na kaffalchiisa ta’ellee ani callise hin taa’u jedhanii dubbatanii turan.