Kabaja Irreechaa Hora Finfinnee barii sa'aa 10 irraa eegale

Kabaja Irreechaa hora Finfinnee

Irreechi hora Finfinnee waggoota dheeraaf adda citee deebi'ee guyyaa har'aa marsaa shanaffaaf haala ho'aa ta'een gaggeefamaa jira.

Irreeffattoonni barii sa’aatii 10 irraa eegaluun gara addabaabayii Masqalaa fi iddoo irreeffannaa Doloolloo Buddeenaatti yaa’aa turan.

Kabaja Irreechaa hora Finfinnee

Irreeffattootni saala, umrii, amantaa fi gosaan osoo hin qoodamiin uffata aadaa Oromoon miidhaganii magaalaa Finfinnee keessa qophii erga gochuu eegalaii bubbulaniiru.

Jala bultii Irreecha Finfinnee foramiiwwan adda addaa fi konsartii guddaa galma barkumeetti qophaa'en ho'aa ture.

Kabaja Irreechaa hora Finfinnee

Jala bultii ayyaana kanaatti dargaggoonni uffata aadaan faayaman adda baabayii masqalaatti imalaa akka turan Maatii Olaanaa Gabaaseera.

''Dargaggoonni garee gareen qoodamuun dhiichisaa taphachaa jiru. Ulaawwan Gara addabaabayiichaa geessan hundarratti sakatta’iinsi taasifamaa jira'' jedheera.

Kabaja Irreechaa hora Finfinnee

Irreechi Hora Finfinnee kuni erga waggaa dheeraaf adda citee ture booda bara 2019 deebi’ee kabajamuu eegale. Kan baranaa kunis marsaa 5ffaadha.

Kabaja ayyaana Irreechaa