Abbaan Gadaa Goobana Hoolaa poolisiin 'qe'eesaanii sakatta'uu' komatan

Abbaa Gadaa Goobana Hoolaa

Abbaa Gadaa Tuulamaa Goobana Hoolaa qaamni nageenyaa ''bakka ani hin jirretti manakoo eeyyama mana murtii malee sakkatta'an'' jechuun yaaddo nageenyaa qabaachuu BBCtti himan.

Abbaan Gadaa akka jedhanitti Bitootessa 20, 2024 barii naannoo sa'aa 11tti bakka isaan mana hin jirretti miseensotni Poolisii Oromiyaa qe'eesanii erga marsanii booda goola ciisa isaanii seenanii sakatta'uu komatan.

''Kutaa ani ciisu humna waraanaatiin [weeraranii] yaalii ajjeechaa narratti gaggeessan. Akka carraa ta'eemmoo ani galgalan achi ture malee, achi hin bulle'' jedhan.

''Waan argatuu malan dhabanii meeshaa abbaan kiyya natti dabarse tokko fudhatani. Maatiin kiyya naasuun baqate.''

Abbaa Gadaa Goobana Hoolaa sagaleen dhukaasaa bakka hin dhagaahamneefi isaan mana hin jirretti wanta qe'eesaaniitti raawwateen yaalii ajjeechaa jechuusaanii qajeelchi Poolisii magaalaa Maqii fudhatama dhabsiiseera.

Godina Shawaa Bahaa aanaa Dugdaatti Qajeelchi poolisiin magaalaa Maqii sakatta'insi gaggeeffame hunduu eeyyama mana murtiidhaanii jedhe.

Hogganaan Qajeelcha poolisii magaala Maqii Komaander Mahaammad Suufaa miidhaan homaatuu Abbaa Gadaas ta'e maatii isaaniirra gahe akka hin jirre himan.

''Mannisaanii akkuma mana nama kamuu naannoosan jiruu hayyama mana murtiitiin sakatta'ame. Namni dhuunfaan miidhame hin jiru. Seerri cabes hin jiru.''

Naannoo manni Abbaa Gadaa kun jirutti irra deddeebiin namni ajjeefamuufi butamuun gabaasamaa waan tureef addatti qe'ee Abbaa Gadaa qofa osoo hin taane naannichatu sakatta'amaa ture jechuunis ibsan Komaandar Mahaammad.

''Warri mana sakattaa'aa turanii manasaa ta'uu hin beekne. Erga achii bahamee manasaa ta'uun barame'' jedhan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Komaandar Mahaammad ilmi Abbaa Gadaa naannoo sanitti hoogganaa, ''Shanee'' ta'uun ''dhiiga dhangalaasaa oola'' jechuun ibsaniiru.

Manni Abbaa Gadaa Goobana Hoolaa qaamolee nageenyaa mootummaa naannoo Oromiyaatiin yeroo sakatta'amu kun kan jalqabaa miti.

Amma duras ilmisaanii miseensa WBO ta'uun shakkamee mannisaanii wayita sakatta'amu meeshaan lama jalaa fudhatemeera. Sakatta'iinsa Robii darbeenis meeshaan tokko argamuu Poolisiin ibseera.

Abbaan Gadaa amma duras manni koo saamamee ture yoo jedhan, Komaandarichi meeshaalee manasaaniitii argamaniif hayyama qabaannaan deebisuuf ''karri keenya banaadha'' jedhan.

''Birriin shanillee jalaa fudhatameera taanaanis seeraanillee, safuunillee ni gaafatamna.''

Abbaan Gadaa garuu ji'a Amajjii bara darbee mannisaa yeroo sakatta'amu kilaashii lamaafi shugguxii tokko rasaasa waliin, warqee mormaa kan isaaniifi warqee haadha warraa isaanii akkasumas qarshii kuma dhibba lamaa ol saamamuu himataniiru.

Sababni sakatta'insa ammaa kun naannoo sanitti torban darbe keessa milishootarraa meeshaa hiikkachuufi dhukaasni banamuu, akkasumas nama butuu akka ta'e ibsaniiru.

'Qe'een Abbaa Gadaa hin sakatta'amu, gollisaa hin saaqamu'

Abbaa Gadaa Goobana Hoolaa Gadaa keessatti ''kabajaafi safuutu jira, qe'een Abbaa Gadaa hin sakatta'amu, gollisaa hin saaqamu'' jechuun sakatta'amuu isaanii morman.

Qabeenyasaanii amma dura saamame deebisiisuuf jaarsummaan yaaliin godhan milkahuu dhabee dhimmicha gara pireezidantii Naannoo Oromiyaa geessanii akka turan himaniiru.

''Pireezidantiin Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa, Komishinar Kaffaaloo qabatee qabeenya nama kanaa ijoolluma keenyatu fuudhe deebisaafi jedheen. Har'a boru osoo jedhan achumaan hafe.''

Bakka ofii qe'ee hin jirretti sakatta'iinsa godhameen akkamiin yaalii ajjeechaati jechuu akka danda'an yoo gaafataman ''natti dhaadatamaa ture'' jechuun deebisan.

''Kanaan duras qaamni mootummaa na doorsisaa ture. Maatii keetiifi sirratti tarkaanfii ni fudhanna, dubbii kana yoo dhiifte dhiisi jedhan.''

''Yaalii ajjeechaati kan jechisiisu mana koo sarbanii qolan ciisu seenuu isaaniiti. Na dhaban malee yaali ajjeechaati'' jedhan Abbaa Gadaa Gooban Hoolaa.

Ajjeechaa Abbootii Gadaa Karrayyuurratti cichanii waan dubbataniifi miidhama Oromoorra gahurraa waan dubbataniif ''anas akka abbootii Gadaa Karrayyuu na ajjeesuu barbaadan'' jedhan.

Abbaan Gadaa kun Godina Shawaa Bahaa keessa bakka sadiitii mana qabu.

Goobana Hoolaa Abbaa Gadaa Tuulamaa ta'uun baallii kan fudhatan bara 2019 keessa ture.