Raashiyaan dhohinsa buufata waraanasheetti mudateef loote-seentota himatte

Dhohiinsa

Madda suuraa, Reuters

Yukireen buufata waraanaa Raashiyaa Kirimiyaa keessa jiru haleeluun hin oolu jedhamee torbee tokko booda guyyaa kaleessaa Hagayya 16 man-kuusan meeshaa waraanaa Raashiyaa Kirimiyaatti argamu dhohinsa gurguddaan raafame.

"Loote-seentota" jechuun kan dubbate angawaan Raawashiyaa tokko dhohiinsi buufata waraanatti uumame abiddi akka ka'u gochuun buufanni humna ibsaa fi daandiin baaburaa akka miidhamu ta'eera.

Torbee darbe Kirimiyaatti dhohiinsi cimaan buufata Waraanaa Raashiyaa qarqara Galaana Guraachaatti argamutti mudate xayyarota waraanaa heddu barbadeessee ture.

Yukireen haleellaa kanaaf itti gaafatamummaa hin fudhu jette.

Haa ta'u garuu gorsaan waajjira pirezidaantii Yukireen Maayikayilo Podliyak akka jedhetti, balaan amma mudate kun waanuma tasaa miti jedhe.

Raashiyaan bara 2014 tti Kirimiyaa of jala galachitee turte.

Haleellaa buufata waraana isheetti Hagayya 16 mudateef Raashiyaan waa'ee lootee seentota jettee waan ibsite hin qabdu.

Lootee seentonni Yukireen ji'a kana qofa Raashiyaa keessa seenun buufatee humna ibsaa jaha mancaasuu hojjataan Tajaajilli Biiroo Nageenyaa Federaalaa (FSB) Raashiyaa beeksise.

Haleellan humna ibsaa irratti gaggeeffame kun daangaa Yukireen irraa 100km kan fagaattu naannoo Kurchaaatov jedhamutti yoo ta'u, buufata nikularaa humna ibsaa maddisiisu irratti dhiibbaa cimaa uumera jedhame.

Humni ittisaa Raashiyaa gama isaatin dhohiinsi guyyaa kaleessaa man-kuusaa meeshaa waraanaa yerodhaaf buufaticha keessa kaa'ame irratti kan mudateedha jedhe.

Akka ministeerri ittisaa Raashiyaa ibsetti miidhan cimaan homtuu hin qaqqabne. Haa ta'u garuu gaggeessan naannichatti Raashiyan muudde Sargee Aksiyonov bakkicha daawwachuu isaa fi namoonni lama miidhamii dubbate.

Daandii baaburaa miidhame

Madda suuraa, Reuters

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Oduu himaan Ajaja Humna Qilleensaa Yukireen Yuurii Ignaat akka jedhetti "ofeeggannoo balaa abiddaa dhabuu irraaa kan ka'e" dhohiinsa kan uume Raashiyaa akka ta'eedha.

"Dhohiinsa Dzhankoi tti mudatetti gammanneerra, sababni isaa diinni keenya helikoptaroota fi meeshaalee waraanaa biroo bakka sana buufate ture," jechuun Ignaat miidiyaaledhaaf ibse.

Raashiyan Guraandhala 24 yeroo Yukireen weerartu buufata waraanaa Kirimiyaa jiru irraa ka'uun daangaa kibba Yukireen heddu dhuunfatte.

Raashiyaan kibba Yukireen hanga Kersooni fi Zapporizyiyaatti dhuunfattus Yukireen karoora deebisanii haleeluu fudhataa jirtuun daangaa ishee deebisuuf yaalaa jirti.

Torbee darbe haleellaa ta'uu hin oolu jedhameen dhohiinsa buufate waraana Raashiyaa Saakiti mudateen xayyaaronni waraanaa saddeet ta'an barbaadaa'uu suuraleen saatalaayitii ni mirkaneessu.

Raashiyaan balaa tasaatu mudate jettus, buufatichi Yukireenin haleelamuu akka hin oolletu himama.

Ministeerri Ittisaa UK akka jedhetti, dhohiinsi buufata waraanichaatti mudate naannichatti dandeettii humna qilleensa Raashiyaa dadhabsiisera.

Erga Waxabajjii asi Yukireen rookkeettiwwan Himars jedhaman US irraa argatte fayyadamuun kuusaalee meeshaa waraanaa Raashiyaa 50 ol haleeluu beeksifte.

Miidiyaalen Raashiyaa garuu rokkeettii caalaa haleellaa diroonii ta'uu akka hin oolle dubbataa jiru.

Kibba Yukireenittis riqicha magaala Kersoon geessus rookkeetidhuma jana fayyadamuun akka waraanni Raashiyaa itti hin fayyadamne gochuu beeksiftee turte.

Adda waraanatiin alatti haleellan Yukireen fageenya irratti buufataalee waraana Raashiyaa irratti raawwataa jirtu Raashiyaa baay'ee aarsa.