Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
US baatii dhufurraa eegalee Itoophiyaatti gargaarsa dhiheessuu eegaluuf
Yunaayitid Isteet baatii shanii oliif gargaarsa Itoophiyaa keessatti taasistu erga adda kuttee booda dhiheessuu eegaluuf akka jirtu beeksiste.
US himannaa gargaarsi kennamu ‘’haala qindoomina qabuun saamamaa jira’’ jechuun aangawoota federaalaafi naannoo himachuun ture deeggarsa kennuu kan dhaabde.
Dhaabbati gargaarsaa USAID ibsa baasen, baatii dhufurraa eegalee waggaa tokkoof yaaliif gargaarsa akka dhiheessu ibse.
Murteen kuni erga caasaa raabsa deeggarsa namoomaarratti ''ifoormiin guddaa'' taasifameen booda ta’u ibsameera.
Akkaataa jijjiirama kanaan, caasaan deeggarsa nyaataa kuni USAid dabalatee qaamolee sadaffaa hordofaniif banaadha.
‘’Lakkoofsi namoota Itoophiyaa keessa deeggarsa barbaadanii olaanaa ta’uurraan kan ka’e, rifoormiin kuni kanneen gargaarsa fedhan bira akka gahu waan eeyyamuuf gammachuu qabna,’’ jedhe USAid ibsa baasen.
Akka Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii (UN)’tti, lammiileen miiliyoona 20 ta’an Itoophiyaa keessatti gargaarsa fedhu.
Kunis sababa waraana, walitti bu’iinsa itti fufeefi hongeerraa kan ka’edha.
US fi UN Waxabajjii waggaa darbe keessa ture saamichi raawwataa jira, ummata deeggarsi gahuu qabuuf bira gahaa hinjiru jechuun gargaarsa kan adda kutan.
Mootummaan Itoophiyaa garuu gargaarsa dhaabuun tarkaanfii ‘siyaasaati’ jechuun morme.
Eegasii mootummaan qorannoo akka gaggeessu ibseera.
Naannoo Tigraay keessattimmoo aangawoonni saamicha wajjiin walqabatee qondaaltota himachuu ibsaniiru.
Gargaarsa baatiiwwannif adda citeen beelarraa kan ka’e naannichatti namoonni 1,400 du’uu aangawoonni ibsaniiru.
UN jalqaba waggaa kanaa Itoophiyaa keessatti gargaarsa dhiheessuu jalqabee ture.
Haa ta'u malee, baqattoota Ertiraa, Sudaan, Sudaan Kibbaafi Somaaliyaa Itoophiyaa keessatti dahatan qofaaf akka ta'e ibse.
Aangawoonni Itoophiyaa galmawwan midhaan itti kuufamuufi kaan irratti riiformii taasifamu mormun isaanii gabaafameera.
Gargaarsi adda cituu dura sadarkaa addunyaatti gargaarsa nyaataa US irraa argachuun Itoophiyaan sadarkaa jalqabaarra turte.
US baatii dura gargaarsa akka eegaluuf jettu ibsitee turte.