Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
US baqattotaaf deeggarsa midhaanii deebistee eegaluufi
Ameerikaan deeggarsa midhaan nyaataa baqattootaaf tahu deebistee eegaluuf tahuu beeksiste. Tarkaanfiin kuni deeggarsi midhaanii addaan citee baatii shan booda dhagahame.
Murtoon kunis qondaaloti Itoophiyaa raabsaa dhiyeessii midhaan deeggarsaa to'achuurraa akka harka hin galfanne waliigaluun booda dha taasifame jedha ibsi dhaabbata deeggarsa namoomaa Ameerikaa USAID Onkololeessa 5, 2023 baase.
Haa tahu malee,''deeggarsi namoota midhaan nyaataa barbaadan biroof taasifamu kaayyoo yaadameef akka ooluu amma mirkana arganuutti akkuma addaan citeen tura, '' jedha ibsich.
Sagantaa Nyaata Addunyaa fi dhaabbooti US deeggarsa midhaanii baatii muraasa dura kan addaan kutan ''hanni midhaan nyaataa bal'aa'' biyyattii keessatti raawwatameera jechuuni.
''Mootummaan Itoophiyaa hojimaata raabsaa midhaan nyaataa kanarratti jijjiirama taasisuun,'' deeggarsi kuni deebisee akka jalqabuuf sababa tahuu dhaabbanni deeggarsaa Ameerikaa USAID ibsa baaseen beeksiseera.
Dhaabbati gargaarsaa kuni deeggarsa kennamurratti to'annoofi hordoffiin akka jabaatus himeera.
Mootummaan Itoophiyaa murtee dhaabban Ameerikaa USAID fi dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii WFP ''deeggarsi midhaan nyaataa hatameera,'' jechuun addaan kutuu isaanii 'siyaasa' jechuun himatee ture.
Qondaalli mootummaa Federaalaa, Eejjansiin Misooma Idl-addunyaa Ameerikaa (USAID)n miidhaan gargaarsaa namoota barbaarchiisuuf dhiyaatuu waliin ta’uun maqsan jechuun maqaa gaarii mootummaan federaalaa fi mootummoota naannoolee akkasumas kan waraanaa balleesseera jechuun himatanii turan.
Tahus Fulbaana darbe ministirri haajaa alaa Ameerikaa Antoonii Biliinkan marii Ministira Mummee Abiy Ahimad waliin bilbilaan taasisaniin dhimma to’annoo fooyya’aa deeggarsa namoomaa deeggarsi nyaataa akka deebi’uuf dandeessisuu irratti dubbachuun ibsameera.
USAID ibsa miilana baase kanarratti Itoophiyaan, ''ittigaafatamumma raabsaa fi kuusaa midhaan deeggarsaa itti dabarsuus,'' eerera.
Itoophiyaa keessa yeroo ammaa baqattoonni kuma dhibbaan lakkaa'aman qubatanii kan jiran yoo tahu-baayyeen isaanii biyyoota ollaa Sudaan, Sudaan Kibbaa, Somaaliyaa fi Eritiraa kan dhufani dha. Deeggarsa deebi'ee eegaluuf jedhuunis warreen fayydamoo tahani dha.
Haa tahu malee, Itoophiyaa keessa lammiileen miiliyoona 20 tahan ammallee deeggarsa namoomaa hatattamaa barbaadu.
Kaaba Itoophiyaa Tigraayitti gargaarsi nyaataa erga addaan citee booda yoo xiqqaate namoonni 1,400 beelaan du'uu aangawaan naannichaa Hagayya darbe beeksisaniiru.
Dabaluunis, hanna midhaan nyaataa Tigraayitti raawwateen shakkamtoonni 492 qorannoon irratti gaggeeffamaa jiraachuufi, kanneen 198 tahan irratti ammoo himatni irratti banamuu qondaaloti himanii turan.
Akkasumas torban muraasaan as ammoo Naannoo Amaaraa keessa iddoowwan hongeen mudate namoonni beelaan du'aa jiraachuu qondaaloti naannichaa dubbataniiru.