Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Namtichi Afrikaa fiigichaan qaxxaamuruuf ka'e 'yaaddoo nageenya Itoophiyaan gufachuuf' jedhe
Namtichi ardii Afrikaa qaxxaamuruun rikardii haaraa galmeessuuf kaayyeffate sababbii yaaddoo nageenyaatiin karoorri isaa fashalaa'uuf akka jiru dubbate.
Kiit Booyid guyyoota 270 darbaniitti Afriikaa Kibbaa Keep Taawon irraa hanga magaalaa guddoo Masrii Kaayirootti fiigeera.
Rakkoon nageenyaa kaaba Itoophiyaa garuu karoorasaa duubatti harkisuu hime.
Booyid si'a sadii kaaba Itoophiyaa keessa qaxxaamuruuf yaalee, hin milkoofne.
Sirumayyuu yeroo tokko namoota qawwee hidhataniin qabamee, ugguramuttti dhiyaate akka miliqe dubbate.
Lammummaa Biriteen fi Afrikaa Kibbaa kan qabu Booyid, yeroo namoonni qawwee hidhatan isa fi waayilasaa kaameeraa qabatee isa hordofu tokko ugguruuf yaalanii akka turan dubbate.
"Karaarraa gara qarqara daandiitti yeroo nu baasan yeroon yaadadhu ammallee nan rifadha," jedha.
"Yoo karaa qabannee deemne poolisiin ykn loltoonni dhufanii nu baraaru jedhee wayilakoo Maayikilitti dubbadhe."
Ji'a darbe Raasil Kuuk ykn maqaa masoo "Hardest Geezer" jedhamuun kan beekamu guyyoota 352 keessatti ardii Afrikaa fiigee waliin gahuun xumure.
Akkuma Booyid Kuuk namoonni qawwee hidhatan Kuuk saamaniiru.
Booyid, fiigicha xumuruuf kilomeetira 500 isa hafe xumuree, maqaa isaa galmee dinqisiisootti galmeessisuuf mootummaan Itoophiyaa akka isa eegu deeggarsa gaafate.
"Kilomeetira 500 hafe xumurree galmee haaraa galmeessuu yoo dhabne, baay'ee gaddina" jedhe.
Itti dabaluudhaanis, ''Waggaa 26 booda rikoordii galmeessuutti dhiyaanne, abjuun keenya yoo hin milkoofne nu mufachiisa,'' jedhe.
Namtichi kun ittaansuun akkas jedhe: "Amma waa hundasaa kan murteessu Lammilee Itoophiyaati." Rikoordii kana cabsuufi dhiisuukoo kan mureessan isaaniidha'' jedheera.