Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Ijoolleen suuraa fi viidiyoon gochaa saal-qunnamtii agarsiisanii %10n dabale' - Qorannoo
Ijoollen gochaa saal-qunnamtii karaa kaameraatiin of waraabanii agarsiisan dachaa kudhaniin dabaluu ragaan qorannoo mirkaneesse.
Gareewwan karaa intarneetiin yakka garaa garaa raawwatanis suuraa fi viidiyoowwan daa'imman kanneenii fayidaa daldalaaf oolchaa akka jiran dhaabbanni Internet Watch Foundation (IWF) jedhamu qorannoon taasiseen mirkaneessuu ibse.
Sababa weerara Covid'n yeroo namni manatti dacha'ee ture miidyaalee hawaasaaf haala mijataatu uumame.
Bara darbe qofaa dhaabbanni IWF kun marsariitiwwan 63,000 kan qabiyyeewwan suuraafi viidiyoo dargaggoota waa'ee saal-qunnamtiin wal qabatu raawwatan agarsiisu adda baasuu beeksise.
Osoo weerarri Kovidii hin ka'in dura garuu marsariitiwwan akkasii 5,000 qofa galmeesse dhaabbatichi.
"Yeroo weerra [kovidii] sana intarneetin baay'ee nama fayyadee ture, amma garuu dhiibbaa isaa lakkaa'aa jirra," hoji gaggeessituun dhaabbata Internet Watch Foundation (IWF) Suusii Hargiriifs.
"Waanti nuti hubannee ijoollen dargaggoonni gaafa isaan kutaa siree isaanii lixan waanta gareewwan karaa [intarneetii] gadi lakkisaniin gara waan isaan miidhutti harkifamuu isaaniti."
Dhaabbanni kun marsariitiwwan qabiyyeewwan dargaggoota saala isaanii agarsiisufi gochaa saal-qunnamtii wajjin wal qabatu mul'isan heddu akka haqamaniif dhiibbaa gochaa turuu beeksise.
Ijoollen kun waanta intarneetii irratti argan irraa ka'uun kutaa siree isaanii keessatti ykn osoo qaama dhiqatanuu qullaa fa'aa suura of-kaasu. Ijoollen kun garuu marsariitiwwan dhoksaadhan viidiyoo ykn suurawwan kana argachuuf carraa akka qaban hin beekan.
Qorattoonni akka jedhanitti viidiyoowwan hedduun osoo ijoollen dargaggoo ta'an kutaa ciisichaa ykn kutaa itti qaama dhiqatan keessaa kallattiin of waraabanuu kan agarsiisudha.
Yeroo heddu ijoollen kun osoo isaan hin beekin viidiyoon ykn suurri icciitii qaama saalaa isaanii fa'aa agarsiisu namoota karaa intarneetii yakka raawwataniin waraabamee gurgurama.
Dhaabbanni IWF bu'uurri isaa UK ta'e kun akka ibsetti yeroo baay'ee ijoollen viidiyoo irratti mul'atan eessa irraa akka ta'e beekamuu baatu hedduun isaanii yuunifaoormii mana baruumsaa fa'aa uffatanii mul'atu.
Dhaabbanni IWF viidiyoo tokko akka fakkeenyatti fudhachuun, shamarreen ganna 9 viidiyoodhan hiriyoota ishee wajjin haasa'aa hiriyoonni ishee ammoo akka isheen meeshaa ijoollen ittiin tapahattu waliin qunnamtii saalaa akka gootu osoo gorsanii viidiyoon agarsiisa.
Shamarreen kun viidiyoon ishee garee jaraa intarneetii icciitii namaa fuudhun yakka ittiin hojjataniin waraabamaa akka jiru hin barre.
Mootummaan UK wixinee seeraa Nageenya Yakka Onlaayinii akka harkifate akka hojiitti hiikuf dhaabbanni IWF kun dhiibbaa gochaa akka jiru ibse.