Dhaabbilee Finfinnee 20,000 keessaa ulaagaa ittisa balaa kan guutan 42 qofa

Dhaabbilee magaalaa Finfinneetti argaman 20,000 keessaa ulaagaa balaa dandamachuu kan danda'an 42 qofaa akka ta'an Komishiniin Hoggansa Hojii Balaa fi Sodaa Ibiddaa Finfinnee ibse.

Ittaanaan Komishinara Damee yaaddoo balaa hir'isuu, Obbo Yikafalawu Waldamasqal BBCtti akka himaniitti, holeelonni, warshaalee, gamoowwan, raabsaaleen boba'aa, jidduugalli gabaa, man-kusaalee fi dhaabbileen kaan kan ulaagaa nageenya balaa guutan miti.

''Deeggarsi teeknikaa fi gorsi taasifamuuf yeroodhaa gara yerootti fooyya'u qabaatulleen, baayyeensaanii kan sadarkaa gahumsaa mirkanneessuu fudhachu irra gahan miti'' jedhu.

Komishiniin Hoggansa Hojii Balaa fi Sodaa Ibiddaa Finfinnee dhaabbilee ulaagaa guutaniif waragaa ragaa akka kennu kan ibsan Obbo Yikafalawu, waggoota shanan darbaniitti walitti fufiinsaan dhaabbilee gara kuma 20tti siqan irratti qorannoo gaggeessuu beeksise.

''Waggoota darban shanitti waliigalatti dhaabbilee kuma 20 ta'an sakkata'amaniiru. Dhaabbileen kanneen keessaa kan ulaagaa guutuudhaan waraqaa ragaa dandeettii mirkanneessu fudhatan 42 qofaadha'' jedhan.

Dhaabbileen dhuunfaa, mootummaa fi mit-mootummaa balaawwan dandamachuusaaniif sakkatta'amuu qabaatu.

Isaaniis dhaabbilee tajaajila kennaniifi kan ummanni baayyeen keessa socha'u kan dabalataniidha.

Ulaagaalee balaa dandamachuu guutuu dhabuun, deebii balaawwaniif kennamutti qaawwa akka uuman Ittaanaan Komishinara damee Hir'isa Sodaa Balaa ni dubbatu.

''Hubannoon waa'ee balaa guddataa dhufaa jira. Hubannoo gahaan jira jechuun hin danda'amu. Hubannoon jiraatees qaawwii of eeggannoo jiru'' jedhu Komishinarri yoo ibsan.

''Fakkeenyaaf hoteelli tokko balaan akkuma qaqqabeen ittisuuf ka'umsi jalqabaa meeshaaa ibiddii ittiin dhaamsamu yoo hin jiraanne, dirqama hanga hojjattoonni balaa ibiddaa qaqqabaniitti karaan ibiddi ittiin ittifamu danda'amu hin jiru jechuudha'' jedhan Obbo Yikafalawu.

Qajeelfamni oggeeyyiin nageenyaa dhaabbilee keessa akka jiraatan dirqisiisu baasuu isaaniis BBCtti himaniiru.

Fakeenyaaf meeshaaleen jalqabbii ittisa ibidda dhaabbilee keessa yoo hin jiraane ogeeyyiin nageenyaa akkuma ibiddichi ka'een to'achu akka danda'an ibsu.

Gamoon ykn dhaabbanni tajaajilaa ulaagaalee kanneen hin guunne ''balaa ibiddaa ka'umsarratti dhaamsuu fi dhaabbaticha balaarraa ittisuuf hin danda'an'' jedhan.

Dhimmi akka fakkeenyaatti kaasan kan biraa ulaa yeroo balaa ittin bahamudha.

''Gamoon ykn dhaabbanni tajaajilaa karaa yeroo balaa ittiin bahamu hin qabne tokko yeroo balaan umamuutti carraan namoonni ittiin baraaramu danda'an hin jiraatu'' jechuun ibsan.

Ulaagaalee balaa ittisuu guutuu dhabuun, hawaasa dhaabbilee sana keessatti tajaajilaman, abbootii qabeenyaa dhaabbatichaa fi kaan kan balaadhaaf saaxilu ta'u Komishinarichi BBCtti himan.

Komishiniin Hoggansa Hojii Balaa fi Sodaa Ibiddaa Finfinnee dhaabbileen deeggarsa isaan kennaniin fooyya'insa agarsiisan jiraachu Obbo Yikafalawu ibsan illeen, hanga gutummaatti ulaagaa gutaniitti komishinichi waraqaa ragaa dandeettii mirkaneessu akka hin kennine dubbatan.

''Dhaabbileen kuma 20 hundi meeshaa balaa ittisu homaa hin qaban jechuu miti'' kan jedhan Komishinarri kun, dhaabbiileen ulaagaa idil-addunyaa barbaachisu akka hin guunne dubbatan.

''Eddoowwan gabaatti yoo ta'e eddoowwan gabaa guutuutti, yoo gamoon ta'es gamoowwan irratti, meeshaa ittisa ibiddaa sadarkaa jalqabaatii kaasee hanga ulaa yeroo balaa tasaa ittiin bahamuu fi bakka itti walitti qabamanii kan jiru guutuu hin guunne jechuudha malee homaa hin qaban jechuu miti'' jedhan.

Dhaabbilee ulaagaa hin guunne irratti ammoo haaluma dambii nageenya balaa lakkoofsa 132/2014tti, adabbiin jalqabaa fudhatamu haaluma dhaabbileetiin kan murtaa'u ta'e, hanga birrii kuma 10 hanga kuma 100 akka gahu Komishinarichi dubbbatan.

Dhaabbileen irra deddeebiin eddoo walitti qabamu kenname kan hojiirra hin oolchine ykn kan adabbii maallaqaatiin hin sirroofne yoo ta'e, hayyamni daldalaa ykn hojiisaanii akka haqamuu fi tarkaanfiin dhaabbatichi hanga saamsuu fudhachuu akka dabalatu ibsaniiru.